Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.15K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 19

2021-10-29 07:05:24
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
307 viewsFii sabiilillaah, 04:05
ओपन / कमेंट
2021-10-29 07:04:46 65: Salaata Maghribaa dura sunnaan ni jiraa?

Gaafii: Salaata Magribaatiin duratti sunnaan jiraa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, salaanni shanan Rabbiin dirqama nurratti godhe cuftinuu sunnaa jala deemtu qaba. Magribaan duratti sunnaan hin jirtuu garuu yoo feete irra buufachuu ni dandeessa.

Dr. Liwaa’ulislaam
355 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:04
ओपन / कमेंट
2021-10-28 11:23:00 64:Gaafii: Zikriin ganama godhu hirribni naan kutee eega aduun olfuudhamtee yoon je’e akkami?

Deebisaa: Walumaa galattuu zikriin wasana hin qabdu, yeroo hin qabdu, zikriin ganamaa hogguu si kutte guyyaan ati keessa jirtu hamma hin dhumnetti yeroo feetetti Rabbii kankee zakkaruu dandeessa.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:23
ओपन / कमेंट
2021-10-28 11:22:54 63: Dubartiin iqaamachuu dandeeysii?

Gaafii: Hoggaan salaatuuf deemu iqaammachuu danda’aa? Akkuma san yoo salaanni na dabre eega aduun baatee salaatuu danda’aa?
 
Deebisaa: Intalti dhalaa takka wanni irra jiru, uduuattee qiblatti garagaltee salaatuu qofa. Azaanaafi iqaamaan dhiiraaf godhame. Kanaafuu wuduua kee godhadhuu qiblatti gara galii Allaahu Akbar je’iituma salaati. Salaanni fajrii yoo si dabre ammoo aduun baatullee hogguma yaadatte dafii salaati.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:22
ओपन / कमेंट
2021-10-27 14:28:44 62: Shaayii oowwituu afuufataa dhuguun dhoorgaa qabaa?

Gaafii: Nama shaayii oo’ituu dhaabbatanii hin dhugan; takkaahuu hafuura itti hin baafatan; takkaahuu hin afuufan je’ee haasawuun dhagaye, Dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Ta duraatii wanni dhaabbatanii dhugan oowwituu taatu qabbanooftuu taatu haraam calla jechuun dogongora. Nabiin keenya ﷺ dhaabbattanii hin dhuginaallee je’anii garuu ufiifillee dhugan.

Hadiisni akkas je’u sun eegalama Islaamummaati. Kan boodaa kan Nabiin Rabbii ﷺ hujiidhaan ufii dhaabbatanii dhugan halaal ta’uu nama garsiisa. Kanaafuu waa hunda keessa hubatan malee karaa miti jechuu irraa if eeguu qabna.

Ta keessatti hafuura baafachuudhaa ammoo Nabii Rabbiittu dhoorke ﷺ. Hogguu waan takka dhugnu akka gaalaatti walitti dhaabanii takkaahuu akka harreetti afaan itti dhaabanii dhuguun dhoorka.

Habbuuqattee eega jettee waan itti dhugutti jirtu irraa afaan kee xiqqoo achi fuudhi. Akkuma san yoo waan oowwituu taates afuufuun dhoorka. Qarruu ufirraa  hafuuraan afuufuun dhoorka. Kun ammoo adaba fayyaa ilma namaa keessatti Nabiin Rabbii ﷺ nu barsiise.

Hafuurri afaan kee keessaa bahu kun waan dhugdu kana irratti waa fida. Bakka tana keessatti ilmii fayyaattu jira.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:28
ओपन / कमेंट
2021-10-26 10:51:27 61: Sujuuda keessatti du’aa’ii adda addaa jechuun hayyamamaa?

Gaafii: Yeroo salaataaf Sujuudu yoon du’aa’ii Rabbiighfirlii zanbii kullahuu, diqqahu, wajillahuu jettuun kadhadhe naaf gaha moo hin gahu?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, sujuuda keessatti duaaii feeteen kadhaachuun karaan siif bana. Garuu waajiba sirra jiru subhaana Rabbiiyal a’laa dhiiftee duaaii tana yoo goote, salaanni kee bade.

Sujuuda keessati eega waan sirra jiru gaggeeffattee duaaii godhatta malee, duaaiin bikka waan sirra jiruu hin buutu. Akkuma Nabiin keenya ﷺ nuuf dhaame hogguu jilba qabattan subhaana Rabbiyal aziim je’aa, hogguu addaan lafa tuqxan subhaana Rabbiyal a’laa je’aa.

Achi boodaan ammoo duaaii cufaan Rabbi kadhachuu ni dandeessan. Duaaiin ammoo subhaana Rabbiiyal a’alaa bakka hin buutuu beeki.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:51
ओपन / कमेंट
2021-10-25 19:40:47 60: Soomana namaaf soomanuu niin dandayaa?

Gaafii: Haati tiyya walitti dhaabdee yeroo sadii soommana keessa deessi, yoo isiirraa bikka bu’ee soommane danda’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, namni tokko osoo addunyaa irra jiruu, waan isarratti Rabbiin dirqama godhe namni tokkollee bikka bu’ee godhuu hin danda’u.

Walumaagalatti haati tee ta Ramadaan keessa deesse, Ramadaan boodaan baatii 11tu lafa jira. Walumaa galattuu wanti irra jiru amata tokko keessatti baatima tokko jechu. Hamma dandeessutti qadaa ufirraa fixuudha qabdi.

Yoo rakkinni fayya dhabaa isii mudate, amata sadeen kana qadaa waliin afuun, wamaa isii irratti hin jiru. Qaduma baafti malee kaffaaraalleen irratti hin jiru. Yoo ammoo osoo fayyaa qabduu beekaa teessee Ramadaan kaaniin afte ulamaa’iin gariin kaffaaratu irra jira je’an.

Kaffaaraanis guyyuu nama tokko uf wajji fursiisu. Takkaahuu nama tokkoof midhaan jiraa lakkoofsa guyyaa saniitiin kiiloo lamaaf cinaa kennu. Yoo akkasitti adda addaan hin dandeenye, nama walitti qabdee bikka takkatti lakkoofsa baatiitti nam soddom nyaachisuu ni dandeessi.

Rabbiinillee namni tokko ka soommana fure fayya dhabaan ykn imaltuun qadaa akka baasu waan nuu ibseef wanni irratti jiru tawbuma malee kaffaaraan irratti hin jiru je’an ulamaa’iin gariin. Walumaa galattuu yoo qabaataa taate akkasitti kaffaaras godhi.

Yoo dhabaa taate ammoo soommanuma kee qadaa sirra jiru baasiitii  Rabbii kee araarama kadhadhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 16:40
ओपन / कमेंट
2021-10-24 10:32:51 59: Yoon attahiyyaata duraa irraanfadhe maal godhuu qaba?

Gaafii: Salaata Maghribaa salaateetiin attahiyyaata duraa irranfadhee osoon niin sujuuda je’uu salaata kiyya fixe.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, attahiyyaanni duraa ka salaata raka’aa afurii keessatti dhufu ruknii mitii waajiba. Waajibaanni yoo beekaa dhiifte salaanni kee bade; yoo irraanfiin dhiifte ammoo sujuudussahwiitu bikka sirraaa dhaabbata.

Yoo waan kana eega salaata fixxe yaadatte, salaata kee deebi’iitii salaati. Yoo ammoo yeroo gabaabduu keessa yaadatte deebitee qiblatti gara galtee sujuuda lamaan sujuuddee attahiyyaata teeysee, osoo hin salaammanneen duratti sujuudussahwii buutee salaata kankee xumurta. Yoo yeroon turte ammoo salaata jala irraa itti deebi’i.

  Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:32
ओपन / कमेंट
2021-10-24 10:32:46 58: Qur’aana gubuun ni hayyamamaa?

Gaafii: Ganda dalagaatti kitaaba zikriitiifii Qur’aana walitti qabanii guban. Maaliif gubdan jennaan akkanaatu irra caala naan je’an. Tanaaf jecha Qur’aanas haa ta’uu kitaabban faayidaa qabu ka jechi Nabii keenyaa keessa jiru kanneen akkanaa gubuufi awwaaluu kamtu irra caala?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, kabajaan Qur’aanaa waan ciccirame walitti qabanii gubanii, hoggaa guban daaraa san bikka xahaaratti awwaalu.

Akkuma san yoo walitti qabdee masjiida geessites irra fiinxe. Yoo ammoo walitti qabdee baharis naqxe wama takka rakkoon hin jiru.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:32
ओपन / कमेंट
2021-10-23 13:31:36 57: Peepsiifi kookaa dhuguun haraamii?

Gaafii: Biyya Sauudi Arabiyaa keessatti peepsii, mirindaa, kooka koollaafii waan dhugamu cufaahuu haraam godhanii dhoorkan je’anii garuu wanni kun halaali moo haraami?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, Nabiin keenya ﷺ akki je’e wanni halaalis daliilaan ifa galee jira; haraamillee akkasuma. Wanni gariin ammoo ta halaalis fakkaattu gar tokkoon haraamis fakkaattutu jira. Waan namarratti walfakkaate san namni irraa fagaate, gurra isaatiifii naamusa isaallee tolche. Daliilli kun waan cufa qabata.

Ta peepsiifii kookaa koollaa, warshaan biyya Sa’uudi Arabiyaa keessa ni jira. An ufii garuu ulamaa’ii wal geessee, hin dhuginaa jettu daliila tokkollee itti hin agarre. Peepsiifii waan kana fakkaatu cufa keessatti cooma karkarrootiifi waan akkanaattu godhama je’amee haasawama malee, ulmaa’iin waan kana mataa ufiitiin arke je’ee murtii godhe hin jiru. Kanaafuu yoo shakkiin si keessa jiraatte irraa fagaadhu.

Ani gama kiyyaan wanni kun haraami jechuu daliila tokkollee irratti hin agarre. Ulmaa’ii biyya tanaa ta wal geessee fatwaa goote hin agarre. Biyya tana keessatti muftii irraa eegalii ulamaa’iin an dhaqqabe ka duraa sheekh  Abdul aziiz binu Baazi. Ka akka Sheekh Fawzaan, Usayminiifii Abdallaah bin Jibriil tokkoraahuu isaanii fatwaa waan akkanaa godhu hin agarre.

Kanaaf jecha waaniin hin argin kaniin ulumaa’iin tun barreessanii hin dubbisin haraami jechuu hin danda’u. Warreen ammoo inni haraam calla siin je’an osoo oduu feesibuukiitiifi intarneeta irratti waan faca’u hin ta’in, waan kana dhaqanii ija ufiitiin yoo arkan san isaan irraa bilcheeffadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:31
ओपन / कमेंट