Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.15K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 17

2021-11-23 07:16:50 85: Salaata witrii guyyaa salaatuun dandayamaa?

Gaafii: Salaanni witrii yoo na dabre guyyaa salaatuu nin danda’aa?
 
Deebisaa: Ee ni dandeessa. Yoo ajriin narraa hin citin ka jettu taate. Garuu ammoo sirratti dirqamaa miti. Bifti itti salaattu ammoo yoo hoggaa duraa raka’a sadii aadaa godhatte guyyaa witriin hin jirtuu afur salaati.

Yoo duraan shan aadaa godhatte, jaha salaati, yoo torba aadaa godhatte saddeet salaati. Yoo sagal aadaa godhatte kudhan salaati. Yoo kudha tokko aadaa godhatte kudha lama salaati. Yeroon salaata halkanii itti salaattu yeroo sadi. Ishaaii booda, walqixa halkanii, irra fiinxeen ta aakira halkaniiti odoo fajriin hin bahin.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
365 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:16
ओपन / कमेंट
2021-11-23 07:16:43 84: Tayammumni Janaabdaa namarraa buusaa?

Gaafii: Jaarsaa jaartiin walitti ida’amanii, takkahuu dhalas haa ta’uu dhiiras namni tokko yoo manamaan bishaan irraa bahe tayammumaan salaatuun ni danda’amaa? Yoo bishaan qabaatanii qabbanaaf hin dandeenye hoo?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii bishaan dhabuun kun manuma kana keessa laaltee dhabuu qofaa miti. Hamma miilaan deemuu dandeessutti dukkaana ta’us bakka dhaqabdutti bishaan deemii laali.

Yoo bishaan ka dhabamu taate, tayammuma godhiitii salaata kee salaati. Eega bishaan arkattee qaama kee dhiqattee booda salaata san hin deebiftuu beeki.

Akkuma san gartee haydiinillee intalti takka xahaarachuu geessee bishaan yoo dhabde haydii guyyaa silaa xahaarattu san tayammumaan salaatuu ni dandeessi.

Janaabdaan jaarsaa jaartiin walitti haajamuun haa ta’uu, manaamaan haa ta’uu hukmiin waluma qixa.

Garuu ammoo bishaanumman sunuu jiraatee xalasa dhabdee yoo dhiqachuu hin dandeenne bishaan qabbanaawaadhaan rakkina ufirra hin fidinii tayammuma godhii salaati. Hogguu ammoo bishaan kana oowwifatte salaata kana hin deebisin.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
370 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:16
ओपन / कमेंट
2021-11-23 07:16:37 83: Huccuu yeroo haydii uffachaa turaniin salaatuun tahaa?

Gaafii: Intalti dhalaa takka yeroo haydiin itti jirtu huccuu uffachaa turte hoggaaniifi xahaaratte hucccuu saniin salaatuu ni dandeessii?
 
Deebisaa: Yeroo haydiin isinitti jirtu huccuu qaamarraa qabdan waan dhiigni hin xuqiniin, waani fincaan hin tuqiniin, waan udaan hin tuqiniin ittiin salaatuun halaali. waa takkallee hin qabu.

Huccuu san dhiignilleen yoo tuqee irraa dhiqxa. Yoo mallattoon laalchatti irratti hafellee rakkoo hin qabu.

Dr. Liwaa’ulislaam
393 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:16
ओपन / कमेंट
2021-11-21 11:01:19 82: Qadaa Soomanaa akkamitti deebisa?

Gaafii: Qadaa soommanaattu narra jiraa akkamitti soommana?
 
Deebisaa: Qadaan kee lakkoofsaan beekkamuu qaba. Laakkofsa sirra jirtu hoggaa baatiin Ramadaanaa dhumtee Iida salaatan booda guyyaa kaan Shawwaal hin soommaninii waajiba sirra jiru itti aansi. Yoo ammoo akka soommana lafa keesseen haydiin sitti dhufte, Shawwaal keessatti achi siiqfachuu dandeessa.

Tanaafuu fadliinis na hin dabrin je’ee namni gariin hoggaa soommana lafa kaaye itti aansee Shawwaal soommana. Anilleen akkuma sani jettee Shawwaal san itti yoo aansitellee wamaa hin qabu. Wanni ulamaa’iin irratti walii galan odoo fardiin sirra jiruu sunnatti hin fiiginii fardii sirra jiru ufirraa geggeessi.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:01
ओपन / कमेंट
2021-11-19 16:44:25 81: Haadhaafi Abbaa kiyyarraa hajjii godhuu dandahaa?

Gaafii: Abbaa kootiifi haadha koo warra dulloome irraa yoon hajjii godhe akkami?
 
Deebisaa: Haadhaafi abbaan kankee yoo addunyaa qabaatan, addunyaa isaaniitiin ufirraa godhuun isaan irratti dirqama. Ati isaan irraa godhuu hin dandeessu. Yoo isaan addunyaa hin qabaannee miskiina ta’an hajjiin irratti hin wajjabne. Waan biraa isaan tajaajiluu, mana ijaaruufii rakkinna isaan qaban laalii godhiif.

Yoo isaan filatanii hajjima nu geessi siin je’an, ati ajrii ni arkattaa isaaniifillee gargaarsa taataa Rabbii sirraa haa qeebalu. Isaan fiddee goosisuus ni dandeessa; namallee maallaqaan irraa goosisuu ni dandeessa.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
397 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:44
ओपन / कमेंट
2021-11-18 10:56:06 80: Ilma Adeeraa ka jaartii qabu wajjiin Hajjii godhuun ni taatii?

Gaafii: Ilma adeera kiyya warra qabaa isaan wajjiin hajjii godhe. Hajjiin tiyya sun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii ulamaa’iin hoggaa lafa keessu ahkaama shariaa keessatti, shuruuxni hajjiidhaa shani, shanan kana keessa namni tokko isilaamummaa qabaachuu, ta lammeessadhaa namni ballaguu, ta sadeessadhaa sammuun fayyaa ta’uu, Afreessaan bilisummaa qabaachuu, bilisummaa alaabaa tanaa miti. Karaa nagaya ta’een waa hundaafuu rakkinni si tuqu dhabamuu.

Fakkeenyaaf heeraaf seera guuttatee akka addunyaan itti deemtutti baasabooraafi waan akkanaa kana qabaachuu kana.
Ta shaneessadhaa dandeettii qabaachuudha. Dandeettiin dhiiraaf dhalaa keessatti waan waliin qabantu jira. Waan waliin hin qabnetu jira.

Fakkeenyaaf fayyaa, sinqii, karaan nagaya ta’uu, kana keessatti dhiiraaf dhalaanis tokkuma. Ammoo dhalaan wanni dhiirarraa kophaa qabdu nama isii wajjiin deemu ka wajjiin dhalatte, waani kun hin jirreen, sababa nama wajjiin gootu dhabuutiif umraa haa ta’uu hajjii haa ta’uu waajiba waan sirratti jiru Rabbiin sirraa buuse.

Kanaafuu ilmi adeera keetii si fuudhuu danda’a. Daangaa cabsitee garuu, daangaa cabsuun kee sun hajjii tee qeebalama hin dhoorku. Rabbii sirraa haa qeebaluu ta ganaatiif itti hin deebi’in.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:56
ओपन / कमेंट
2021-11-17 08:27:09 79: Obboleessi kiyya ka haadhaan garagaraa nikaaha naa hidhuu dandahaa?

Gaafii: Abbaan kiyya anaa xiqqoodhaa addunyaa irraa gale. Obboleessa kiyya ka karaa Abbaatitu na heerumsiise. obboleessi kiyya ka waliin dhalanne numa jira garuu xiqqaadha. nikaahaan kiyya kun akkam?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii Namni intala dhalaa tana nikaaha godhu, namni mirga qabu nama kudha tokko. Kudha tokkoon kanaan duratti filamaan karaa tokkoffatti kan laallaman nama shani.

Fakkeenyaaf ka dura mirga guutuu dhibbarraa dhibbati qabu abbaa kankeeti, ka isatti aanu nama inni itti dhaammate; foon isaa ta’u ta’uu baatu nama inni wakkalate. Ka abbatti aanu, akaakoo ykn abbaa abbaa isiidhaa, ka akaakotti aanu yoo intalti ilmoo dhaltee qabaatte ilmoo isiiti.

Yoo tan ammoo ilmoo hin qabne taate obboleessa isiiti, obboleessa boodaan adeera. Obboleeyyan kun ka mirga guutuu qabu ka wajjiin dhalatte ka garaa tokkooti, ka garagaraa achi boodaani.

Obboleessi abbaan isin tokkoo ka haadhaan garagaraa waan ka ati waliin dhalattee ka xiqqaa kun si heerumsiisuu hin gahiniin nikaahaan kankee sahiiha.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27
ओपन / कमेंट
2021-11-15 17:31:47 78: Haadhaafi abbaa kiyyaa yoon addaan baase rakkoo ni qabaa?

Gaafii: Abbaan kiyya warra lama qabaa warra lamaan kana wal hin qixxeessu. Haati tiyya ta duraatii ilmaan qabdii hedduu moggatti darbamtee ta boodaa tana maqaa isiitiin waa cufaa godhaaf. Amma haati tantoo na yaamteetiin koottuu rakkoo tiyya tana naaf walqixxeessi naan jettii, yoon amman tana dhaqe isaan lamaan adda baase, rakkoon narra geessu jirtii?

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii waa hundaa dura wanni beekuu qabdu, abbaan keetilleen dhiira, haati teetilleen dhala. Jarri kun lachuu dogongora ni qabu. Isiinillee dogongora ni qabdii haadha tiyya jettee jarjartee haqa hin muriniif.

Abbaan kiyya dhiira jettee baaxilallee itti hin murin. Haqa haatee himattu tana dhaqii laali. Maalif jennaan dhalaan tun hoggaa irratti fuudhan sababaa masaanuutiif jaarsa isiidhaa waan hin qabnellee irra kaahuun ni malti.

Waan hin jirrellee irratti uumuun ni maltii dhaqii dubbii addaan baafadhu. Dhugaa jirtu baradhuu abbaa keetiin maaliif wanni akkanaa ta’e je’ii isaan wajjiin haasawi.

Eega wanni isiin himattu tun dhugaa ta’uu beektee karaa mana murtii hin fiigin, karaa adeerran keetii, karaa manguddoo, karaa ulamaa’ii deemiitii karaa Rabbiin jaalatuun jidduu isaaniititti nagaya uumi. Jidduu isaaniititti adawwii hin uumin.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:31
ओपन / कमेंट
2021-11-14 16:04:31 77: Haadha warraa hin salaanne wajji jiraachuun ni tahaa?

Gaafii: Jaarsaafi jaartiin keessaa yoo jaartiin ibaadaa qabaatte, jaarsi ibaadaa hin qabaanne tokkoon isaan lamaanii ibaadaa qabaa, ka ibaadaa hin qabne sun ibaadaa nama kaanii ni miidhaa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii wanni guddoon sirraa hafte jaartiin salaattu nama hin salaanne wajjiin jiraachuu ni dandeessi maaliif hin jenne? Jaarsi ibaadaa qabu jaartii ibaadaa hin qabne waliin jiraachuu danda’aa? Bakka salaata walii ni miidhanii jettee gaafattu kana odoo akkanatti gaafii diriirtuu kennitee. Waliin siif qixxeessa.

intalli Muslimaa ta ibaadaa qabdu takka jaarsa hin salaanne waliin jiraachuunuu haraami; wajjiin rafuun haraami; isallee kaddamuun haraami. Maaliif? isiin Muslimaa inn kaafira jechu.

Yoo ammoo munaafiqa salaanni itti qaqqadaahu ta’e kun ammoo daandii munaafiqaa gubbaa jiraa gorsatti haajama. Warren salaata qaqqadeessu kana kufrummaa hin kenninuuf.

Kanaafuu kana wajjiin jiraachuu ni dandeessi. Namtichi ufii ibaadaa qabu ka jaartiin ibaadaa hin qabne ammoo salaata isaa isiidhaa mitii ta qeebaltu; Rabbii tokkicha. Isiin salaata isaa wama takkallee hin miitu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:04
ओपन / कमेंट
2021-11-14 16:04:23 76: Dhalaan fuudhaaf gaafadhu cufti dubrummaa hin qabdu, maal gochuu qaba?

Gaafii: Fuudhinsa barbaadaa jecha hulaa adda addaatin dhawa; telefoonallee nin dhawa, intala takka hogguu intala akkanaa takkatu lafa jira naan je’anii oduu dhagaye, ta ani silkii itti dhahu cuftuu ani heeruma nin fedhaa garuu ani dubraami numa naan jetti, taaniinis numan je’aa ani dubraami numa naan jettii maaluman godha?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, Rabbumatu beeka dhalaa hanga ati dubbifte. Dhalaan ani sayyiba siin jette dhugaa dubbatte; dhugaa sitti himte jechu. Intala sayyibaa fuudhuun eeybii miti.

Nabiin keenya ﷺ irra caalaan ilma namaa isaa amata 25 intala amata 40 kadiijaa ta isaan duratti dhiira lamatti heerumte fuudhe. Yoo sii taate fuudhi.

Yoo naan taanee cuftuu sayyiba je’a jette biyya itti dhalatte dhaqi ni argattaa. intala haadhaafi abbaan kee guyyaa dhalatte beekan dhaqii fuudhi. Garuu ammoo namni dhugaa siif himee an sayyiba siin je’e, sun intala dhugaa dubbattu jechu.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:04
ओपन / कमेंट