Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.15K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 14

2022-01-20 02:12:48 114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?

Gaafii: Nuti warri ala baanee waa carraaqnu kun khayrii dalaguu feena. Carraaqnee sadaqachuus ni feena. Garuu horiin keessan haraami nuun je’an. Ka masjiidaaf erginullee nurraa qeebaluu didan.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ta duraatii ati waan dalagdu sumaatu uf beeka. Yoo sigaggaalummaa ka hojjattu taate, yoo mallaqni kee ka ribaa ta’e, yoo faana laaltuu taate, waan Rabbiin jibbu yoo ta’e horiin kee haraami.

Yoo hurkama kee taate ammoo, hurkaa kee itti fayyadamuu, nama fayyaduu, sadaqachuu, hajjiin dhaquu ni dandeessa. Namni horiin hurkaa keetii haraam siin je’u wallaalaadha. Nabiin ﷺ akki je’e irra caalaan dalagaa waan namni hurkee carraaqqatu. Horiin kee horii halaalii sadaqadhu.

  Dr. Liwaa’ulislaam
39 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 23:12
ओपन / कमेंट
2022-01-16 23:34:17 113: Garaagaruummaan waajibaataafi arkaana salaataa maali?

Gaafii: Waldhabbiin waajibaataa salaataatiifi arkaana salaataa maali?
 
Deebisaa: Salaanni shuruuxa shan qaba. Waajibaata saddeet qaba. Arkaanni salaataa kudha afuri. Waajibaata jechuun waan salaata keessatti yoo beekaa dhiifte salaanni badu, yoo irraanfiin dalagde ammoo sujuudussahwiitu bakka bu’a.

Arkaanni ammoo beekaan dalagdu, wallaalaan dalagdu, irraanfiin dalagdu, kudha afur keessaa tokko yoo dhiifte salaanni kee baaxila.

Kana cufa asitti lakkaahuuf waan yeroo hin qabneef jecha bikka ulamaa’iin jirtutti dhihaadhuutii baradhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
283 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:34
ओपन / कमेंट
2022-01-12 15:39:30 112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?

Gaafii: Obboleettiin teenya takka akka jettutti, akkanumatti matuma ufiitiin kaatee gurbaa tokko jala deemtee if heerumsiiste. Wallee nikaan kee baaxila je’aniinii Saudii dhuftee nikaaha uf goote. Amma eega waa babbarattee rakkoo ufitti dhageesse.
 
Deebisaa: Yaa gaabrittii Rabbii, osoo abbaan kee akaakoon kee, adeerri kee, obboleessi kee, ilmoo sii gahe yoo qabaattes osoo lafa jiranuu nikaan ati gaafa duraa of goote sun baaxili. Wanni sirra jiru isa san irraa tawbachuudha. Gurbaan ammoo nikaaha naa qabdi jechutti si beeka, haalli inni itti nikaaha si godhate kun garuu baaxila.

Karaa qaaditti dhihaattee isa kana faskii ufirraa godhuu dandeessa. Nikaalleen hin jiruu inni garuu nikaaha naaf qabditti fudhata. Kan warri keessan nikaaha si godhan kun ammoo ka lammeessaadhaa nama nikaaha si godhe san addaan baradhu.

Abbaa kankee yoo ta’e nikaaha duraa san akkam ufirraa gooteeti? Yoo sun badiidha jechuu ufitti beeyte isa san irraa toowabattee, hamma haydiin takkarra lama sadi sitti dhuftutti ni eeyda.

Eega gadaamessaa kee xahaaratteen boodatti yoo abbaan kankee nikaaha si godhe nikaan kankee kanuma boodaa kana. Ka duraa baaxilii bakka hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:39
ओपन / कमेंट
2022-01-12 15:39:21 111: Lukkuu fayyaa dhabde ajjeesuun ni tahaa?

Gaafii: Warshaa lukkuu itti guddisan keessan dalaga; doktoroonni fayyaa lukkuudhaa kana eegan nutti dhufanii lukkoolee dadhabbii qabdu tana gataa nuun je’an, akkasitti gidaaraan dhoofnee ajjeesnee darbina. Eega ajjeesneen boodatti ibiddaan gubaa nuun je’anii akkasitti gubna.
 
Deebisaa: Dhiiroo jarri akkana godhaa isiniin je’u kun warruma Muslimaatii? Gaafii tee walumaagalattuu Yaa gabricha Rabbii; Nabiin keenya ﷺ akki je’e, abbaa ibiddaa malee ibiddaan namni tokko nama azaabuu hin danda’u. Mootummaan tama Rabbiiti. Tanaaf jecha makhluuqa ibiddaan gubuun dhoorka. Gidaaraan tumtanii ajjeesuun dhoorka.

Hoggaa waa qaltanillee albee qaradhaa nuun je’e Nabiin keenya ﷺ. Kanaaf jecha ablee fuudhaatii lukkuulee dhukkuba qabdu san qaqqalaa. Ibiddaan gubuu didaa isaan haa gubanii.

Yoo akkas malee si didan dalagaa san bakka sanirraa jijjiiradhu. Namni waan takka Rabbiif jecha dhiise Rabbiin ta irra caaltu isaaf kenna.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:39
ओपन / कमेंट
2022-01-09 09:49:40 110: Nama salaata yeroo hunda hin salaannetti hidhachuun akkami?

Gaafii: Jarri salaata Rabbii hin fardeessanii akkuma fedhanitti salaatan. Hoggaa namni isaanitti dhufe garuu ummata kanaan wajjiin ni salaatan. Nudura dabranii nuun salaataanii an ammoo wajjumaan itti hidhadhaa, itti hidhachuun kun akkami?
 
Deebisaa: Jarri ati himtu kun yaahuudas hin jennee nasaaras hin jennee salaata hin fardeessanii akkuma ofii fedhanitti salaatan jette. Ummanni kun Muslima je’aman. Garuu daandiin isaan irra jiran daandii nifaaqati; daandii faasiqummaati. Tanaaf jecha salaata namni akkasii namaan salaatuun salaata kee qeebalamiinsa hin dhoorku.

Ummanni sahaabaa Hajjaaj ibnu Yuusuf saqafii damiina warra xaa’if ka ummata sahaabaa meeqa fixe boodaanuu numa salaatanii tana hin irraanfatin. Waan dandeessuun nasiihaa yaadiif. Ummata akkanaa garuu karaa yahuudaafi nasaaratti hin lakkaawin.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:49
ओपन / कमेंट
2022-01-07 11:12:47 109: Bishaan qaama saalaarraa bahu (Mazyiin) soomana ni miidhaa?

Gaafii: Jaarsaafi jaartiin bakka bakka jiran isaanii haasawa jaalalaa haasawu, Mazyiin yoo isaanirraa bahe soommana ni miidhaa?
 
Deebisaa: Siifi jaartiin tee takkaahuu jaarsi kee adda fagaattanii fagoodhaa haasawa haasawuun fedhinnaa walitti kaasuun shahwaa hirriibaa ufitti dammaqsuun gaaga’ama guddaa ufirra fiduudha. Namni harka uf kaayee haqqisaa ufirra barbaadu laagaa isaattu murama. Fedhinnaan haasawaan ufitti kaaftu kun rakkinna sitti fida.

Dhukkuba muldhii, dhukkuba cophxoo. Maaliif? Wanni sosso’e sun bakkarraa sosso’ee ala hin baane jechu. Tana waan ta’eef dura haasawuma nagayaa wajjiin haasawaa malee waan fedhinnaa isinitti kaasu hamma dandeessanitti irraa fagaadhaa.

Garuu mazyiin namarraa bahuun soommana hin balleessuu wudu’a balleessa. Ajriis namarraa hir’isaa soommana keessa of eegaa.

Dr. Liwaa’ulislaam
133 views08:12
ओपन / कमेंट
2022-01-07 11:12:41 108: Horii bakka qalma horiitti qalan foon isaa nyaachuun ni dandayamaa?

Gaafii: Biyya Arabaa tana keessatti bikka horiin itti qalamee irraa fidamuutu jiraa foon san nyaachuun ni danda’amaa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, dura gaaafii tee keessatti waan jette laali mee; qalma biyya Arabaa keessatti qalamu jette. Qalma biyya Arabaa dhiisii qalma yahuudaa nasaaraan qaltellee yoo harkaan qalan qalmiti isaanii halaali. Yoo ammoo qawween dhawan, yoo hafuura itti kutanii lafaan dhawan.

Meeshaa ammayyaa keessatti horii fayyaa ol naqanii yeroo takka keessatti mootorri muree isaa dhidhiitatu kaldhoo irraa kaase sun haraam calla. Itti hin dhihaatin. Kan ammoo biyya Arabaa nuti akka beeynutti biyya Islaamaatii namni waan kana qalulleen Muslima.

Waa takkallee isa keessatti mamiin hin jiru. Bismillaah je’ii nyaadhu. Shakkiin hin jiruu waswaasa dhiisi.

Dr. Liwaa’ulislaam
133 views08:12
ओपन / कमेंट
2022-01-05 13:29:59 107: Eegaan salaata fixeen najisa firratti argee maaliin godha?


Gaafii: Eegan salaatee salaata fixadheen boodattin najisa ufirratti arkee salaanni kiyya sun akkami?
 
Deebisaa: Najaasaa si tuyxe yoo salaata keessatti yaadatte salaatuma keessattillee ufirraa baasuu dandeessa. Yoo dhalaa taate dhalaan huccuu ufirraa fuutee salaatuu waan hin dandeenneef jecha salaata cabsitee huccuu ufirraa jijjiiruu qabdi. Yoo dhiira taate ammoo, akka jaakkeettaa, akka koota gubbaadhaa, akka kophee haa ta’uu waan najisaa salaatuma keessatti ufirraa baasee salaata isaa bakkuma jiru irraa itti fuufuu danda’a.

Kunis  daliilli dalagama Nabii keenyaati ﷺ. Isaanii salaatatti jiru jibriil itti dhufee kopheen tee najisa qabdi je’ee itti himnaan Nabiin Rabbii ﷺ salaatuma keessatti ufirraa baasanii salaata itti fuufan. Yoo najaasaan ati jettu tun ta fincaanii, ta udaanii, si wajjiin turtee quba qabdu, fakkeenyaaf sa’aa lamaafi sadii si wajjiin teessee danta dhabaan ka salaattuun taate salaata kee san deebisuudha qabda.

Najaasaan ati quba hin qabne yoo si tuqxe ammoo eega salaattee yoo ufirratti agarte san salaata hin deebiftuu Rabbi sirraa haa qeebalu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
 
959 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:29
ओपन / कमेंट
2022-01-05 13:29:59 106: Taraawiiha manatti salaatuu niin dandayaa?

Gaafii: masijiida dhaquu hin danda’uu mana keessati salaata taraawiihaa salaatuu ni danda’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii salaatul jamaa’aa masjiida dhaquun dhalaa irratti hin jiru. Yoo isiin jaarsaan waliin ni dhaqa jette ammoo hin dhoorkan. Salaata fardiituu mana keessatti salaattaa maalif taraawii gaafatteree?

Eega dubbiin akkana taate, manuma kee keessatti hanga dandeesse, raka’aa sadi dandeessu, shan dandeesu, torba dandeessu, sagal dandeessu, kudha tokko dandeessu Rabbi sirraa haa qeebaluu itti fufi.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
918 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:29
ओपन / कमेंट
2021-12-27 18:59:49 105: Warri intalaatiifi gurbaa walgahee du’aa’ii godhuudhaan nikaan ni hidhamaa?

Gaafii: Naafi gurbaan tokko wal jaalanneeti warri gurbaa warra keenyatti dhaqanii walgaafatanii duaaii nuuf godhanii addaan yaa’an.
 
Deebisaa: Warri gurbaa warra intalaa bira dhaqanii akka soddaatti walbaranii biraa deeman. Bakka tanatti jarri waan nikaahaa hin haasofne, jarri ammoo warri keenya nikaaha nu godhan je’aniiti aruuza godhatanii galan.

Gaafa kaan intalli warra isaaniitti bilbiltee gaafannaan, bar nuti soddaan walbarree waan nikaahaa maqaa hin dhoofnee biyya Islaamaa jirtanii achumatti nikaaha walgodhattan jennee je’een abbaan. Amma jara kana wanni isaan irratti jiru hatantamaan adda yaa’u. Nikaaha isaanii haarayatti sirreeffachu.

Kun nikaaha dogongoraa waan ta’eef jecha haarayatti haydii takka booda nikaan keessan godhamuu qaba. Eega baatii takka teessee booda, haydii takka eega xahaarattee booda, nikaan keessan haarayatti godhamee walitti deebi’uu dandeessan.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
381 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 15:59
ओपन / कमेंट