Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 11

2022-10-06 21:04:34 142: Salaata walitti qabanii salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Biyya Ommaan kanatti salaata Zuhriifi Asrii walumatti qabanii salaatan yeroo hedduu.
 
Deebisaa: Salaata yeroo takka takka yeroo shariaan walitti qabanii salaatuu hayyamte malee warri biyyaa akkanumatti salaata aadaa godhatanii jam’ii godhuun waan hin jirre.
 
Sheikh Alii Jimmaa
712 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:04
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:48:10 141: Intalti laguun isii ciccitee dhufu akkamitti salaatti?

Gaafii: Intalti takka yoo aadaan isii ciccitaa itti dhufe, fakkeenyaaf torbee tokko ykn torbaan lama irraa badee ammas itti dhufee irraa bade, haala kamiin salaatti?
 
Deebisaa: Dubartoonni aadaan ji’aa kun tartiiba ufii dhabee yeroo soomaallee, yeroo salaataallee isaan jeequ, warra yeroo hedduu kiniina fudhatee aadaa ji’aa kana karaa irraa gatee kiniinaan uf balleessu akka tahe irra gahamee jira. Yeroo tokko tokko ammoo dubartii garii dhukkubumatu akkas isaan godhaa shariaan Rabbii waan hunda adda baasee ibsee jira.

Dhiigni aadaa dhiiga furdaa, gurraacha, xiqqo foolii qabu. Kanaafuu yoo dhiigni furdina, gurraachinaafi foolii qabaate dhiiga aadaati. Yeroo san salaata irraa dhaabbatti. Yoo inni irraa dhaabbate ni xahaaratti; yoo inni itti dhufe ammallee ni dhaabbatti. Dhiiga biraa ka aadaa kan hin tahin ka akkanumaan dubartii irraa yaautu jira. Dubartii garii Shayxaanatu hormaata isii keessa dhiitee irraa yaa’a. Ta Rabbi kanaan qormaatetu jira.

Ka ji’a tokko, ji’a lama osoo walirraa hin cinne irraa yaautu jira. Dhiiga diimaa akkasii saniifii dhiiga gurraacha san gargar baafachuu qaban inshaa Allaah. Kiniina fudhachuudhaan ufii dhiiga olii gad dhahuunillee barbaachisaa miti.

Sheikh Alii Jimmaa
945 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:48
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:48:03 140: Sadaqaa abbaa kiyyaaf godhuun akkami?

Gaafii: Yoo biyya kiyyatti galee qalee nyaachisee abbaa kiyyaaf sadaqaa niyyadhe sadaqaan sun ni taatii?
 
Deebisaa: Ilmoon abbaafi haadha ufiitiif qaltee nyaachisuu, qaltee sadaquu, Qur’aana bittee waqfii godhuu, masjiida maqaa isaaniitiin ijaaruu, eela maqaa isaaniitiin qotuun ni taha. Wanni ilmoon abbaa ufiitiif gootu akkuma nama hogguu isaan jiran horii harkatti kennuufiiti. Eega isaan du’aniillee godhuufii dandeetta.

Hajjiillee yoo ufii keetii gootee jiraatte isaaniifillee godhuu ni dandeessa. Qaltee nyaachisuullee ni dandeessa. Maqaa isaaniitiin niyyattee godhuufii waa takka wanni si dhoorke hin jiru.

Sheikh Alii Jimmaa
 
739 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:48
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:57 139: Fixrii namni namarraa baasuun ni tahaa?

Gaafii: Eega biyya Arabaa dhufee waggaa afurii fixrii Ramadaanaa kafiiluma kiyyatu narraa baasa. Atuu nama narratti waajibaatii sirraahiin baasa naan jedhaa garuu abbaan warraa kiyyallee narraa hin baasuu kafiilli kiyya kun narraa baasuun ni tahaa?
 
Deebisaa: Namni ati bira hojjattu yoo sirraa baase ni taha rakkoo hin qabu. Garuu namni irratti waajiba taate abbaa warraa keeti. Kafiilli sirraa baasuunis rakkoo hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
 
709 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:46 138: Waan harka bitaatiin dalagame nyaachuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko tokko harka bitaatiin waa dalaga. Dubartiin midhaan hojjattus, hujii hojjattus harka bitaatiin hojjettii nyaata isiin goote nyaachuun ni tahaa?
 
Deebisaa: Bitaadhaanis mirgaanis dalaguun rakkoo hin qabu. Yoo namni tokko bitaadhaan buna dhaabee bitaadhaan nuu kenne irrumaa fudhanna. Garuu caalaan harka mirgaatiin walii kennuutu bareedaadha. Hojjachuu keessatti garuu harki lachuu waluma gargaaree waliin hojjataa rakkoon hin jiru.
 
Sheikh Alii Jimmaa
667 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:37 137: Ijoollee akka obboleeyyaniitti wajjiin guddannerraa ni hajjabannaa?

Gaafii: Abbootiin teenya namoota isaan Rabbiif jecha waljaalatantu jira; fakkeenyaaf biyyatti akka maatiitti, akka ollaatti ollaan lamaan wal jaalatee Rabbiif jecha wal qabatanii wajjiin jiran. Kanaafuu nuti ilmaan warri ollaa qaban ka akka ilmaan abbaa tokkootti mana tokko keessatti wajjiin guddanne kanarraa ni hajjabannaa?
 
Deebisaa: Akka gaaritti hajjabachuun dirqama taha. Hattaa ijoollee ambaa ta Rabbiif jecha warri walqabatee ijoolleen bakka takkatti wajjiin guddatteehuu dhiisii gurbaa obboleessi abbaa keetii dhale ka ilma adeerranii jedhan irraayyuu hajjabachuun dirqama. Ka abbootiin lamaan walii obboleeyyanii jechu.

Maalif jennaan; waan si fuudhuu danda’uuf jecha seera  shariaatti irraa hajjabatta. Firoomnuu osoo jiruu irraa hajjabatta. Duuba ka ufii asliin ajnabiyyaa bakka takkatti wajjiin guddachuun halaala namaa hin gootuu irraa hajjabachuun dirqama.

  Sheikh Alii Jimmaa
699 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:30 136: Nama hin salaannee wajjiin hojjechuun ni tahaa?

Gaafii: Warri ani bira dalagu hin salaatan, hin sooman, an ammoo jaraa wajjiin dalagutti jira. Dalagaan isaaniin wajji dalagu tun garaa na nyaattee isaanii wajjiin dalaguun naaf halaalaa?
 
Deebisaa: Yoo dalagaan ati dalagdu sun halaala taate hattaa Islaamaa mitii kuffaara bira dalaguu ni dandeessa. Rakkoon hin jiru. Garuu wanni si barbaachisu dalagaan ati dalagdu sun halaala moo haraama? San qofa shariaan si gaafata. Osoo dalagaan jaraan wajjiin dalagdu sun haraama taatee, hattaa nama sheekhaa ka soomanee salaatuun wajjiinillee osoo dalagdee siif halaala hin taatu.

Laakin dalagaan tantee yoo halaala taate, salaatus salaatuu baatus, soommanus soomanuu dhiisus, isumatu irraa gaafatama. Ati ammoo dalagaan kankee siif halaala jechuudha. Ati salaattee soomannaan rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

  Sheikh Alii Jimmaa
793 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:25 135: Osoo waajibni narra jiruu sunnaa soomanuu niin dandayaa?

Gaafii: Sooma waajibaattu narra jira;, osoo soomni waajibaa Ramadaanaa narra jiruu Shawwaal fa’a sunnaa soomuun akkami?
 
Deebisaa: Waajiba osoo ufirraa hin buusin sooma sunnaa soomuun dirqamaa miti. Waajiba Rabbiittu dura dirqama ta’a. Waajiba ufirraa buusuun barbaachisa inshaa Allaah.
 
Sheikh Alii Jimmaa
837 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:50 134: Sadaqaa bakkaan itti niyyadhe dhiisee bakka biraatti yoon sadaqadhe ni taatii?

Gaafii: Sadaqaa bakka takkatti niyyadhee, bakka itti niyyadhe sanitti naaf hin guutamnee bakka sanii yoo bakka biraa deeme maal qabdi?
 
Deebisaa: Badii hin qabdu. Sadaqaa niyyatte bakka feetetti kennuu ni dandeessa. Bakka itti niyyatte san qofatti kennuu dirqamni sirra hin jiru.

Sheikh Alii Jimmaa
977 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:42 133: Salaata keessatti miila walitti maxxanfachuu dhabuun akkami?

Gaafii: Biyya nuti jirru kanatti namni miila walitti maxxansee hin salaatu. Biyya keenyatti ammoo miila walitti maxxansaa jedhaniitiin nu ajajanii dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Miila walitti maxxansanii salaatuun ajaja Rasuula Rabbiiti ﷺ. Rasuulli Rabbii ﷺ miila keessaniifi ceekuu keessan walitti maxxanfadhaa jedhe. Saffiin akkas malee hin qajeeltu jechaatu jira. Miila walitti maxxanfachuu dhabuun wallaalumma. Barachuutu isaan irra jira. Namni beekullee barsiisutu irra jira.

Sheikh Alii Jimmaa
940 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट