Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 8

2022-11-06 13:40:26 171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

Gaafii: Taraawiha jiddutti dubbachuun akkami?

Taraawiha jidduu jechuun kiyya Raka’a lama lamaan salaatani yoo salaama baafatan namaan walitti haasawuun ni ta’aa?
 
Deebisaa: Wamaa wanni dhoowwe hin jiru. Salaata tokko salaatanii yoo salaama baafatan salaata lammaffaa hanaga hin seeniniin dura haaswuun huma Rakkoo hin qabu. Bakka jijjiirachuu yookan haasawuu shari’aan hayyamtee jirti.

Sheikh Alii Jimmaa
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:40
ओपन / कमेंट
2022-11-06 13:40:01 170: Janaabaa dhiqachuun dura yoo wuduu’adhe booda itti deebi’ee wuduu’achuu qabaa?

Gaafii: Wuduun akkam ta’aa, osoo qaama jaanabdaa dhiqachuun duratti yoo dhiqadhee istinjaa godhadhe akkam? Eega qaama dhiqadhe ka’ee ni deebisaa istinjaa kiyya?
 
Deebisaa: Istinjaaf wudu’allee hin deebistu. Eega qaama dhiqattee geeffatte yoo duraan wudu’a geeffatte wudu’a keellee itti hin deebitu wudu’uni kee guutuudha.

Sheikh Alii Jimmaa
881 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:40
ओपन / कमेंट
2022-11-06 13:39:38 169: Dubartoonni mataa qullaa wuduu'atuu fi surree uffachuun ni tahaa?

Gaafii: Dubartoonni arabaa kun yoo wudu’atan mataa qullaa wudu’atanii, wudu’ani isaanii ni ta’aa? Gariin uffata gaggabaabaan deemanii gariin isaanii surreen deemanii, hoggama salaataaf dhufan waa ufitti mammaranii kun ni ta’aa?
 
Wuduu’in mataa duwwaa wudu’atan numa ta’aa garuu surree uffachuuf hijaaba dhiisanii uffata dhiiraa uffachuun abaaramanii jiran. Rasuulli Rabbi ﷺ dubartii uffata dhiiraa uffattu Rahmata Rabbii irraa isii haa fageessu jedhan. Dhiirti huccuu dubartii yookaa akka dubartii mataa dheereffatu mataa dhawatu, gurra uratu Rabbi Rahmata ufi irraa isaan haa fageessu jedhan Rasuulli Rabbii. Abaarsa Rasuulaattu itti jira warra san. Garuu salaanni isaanii wuduuni isaanii numa ta’a inshaallaah yoo seera guutatan.
 
Sheikh Alii Jimmaa
875 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:39
ओपन / कमेंट
2022-11-06 13:39:18 168: Rahiima waldhabaniin osoo hin araaramin Ji'a Ramadaanaa soomuun akkami?

Gaafii: Ramadaan dura adaadaa tiyyaan waldhabee telefoona isiillee ufirraa balleessee Ramadaanni dhufuu dhageenyaan Ramadaan keessa wal dhabuun hin ta’u naan jedhanii isii barbaadee dhabee telefoona isiillee hin qabuu akkanumatti Ramadaan baasee soomni kiyya akkami?
 
Deebisaa: Nama Ramadaana keessa osoo beekuu waldhabee Ramadaan dabarse shari’aan islaamaa dogongora guddatti lakkoofti. Warri gariin waajibni Ramadaan sirraa bu’aa garuu ajriin Ramadaanaa sirraa hir’ata warra jedhutu jira. Akka shari’aan Rabbii guddaa dubbattetti namni tokko yoo obboleessa islaamaatiin waldhabe ka walitti dhihaataniif yookii rahiimaa osoo hin ta’ini sun jajjabduudhaayyuu yoo waldhaban guyyaa sadi irra dabruu hin qabu jetti shari’aan. Ramadaana keessa ta’uun isaa ammoo dilii birooti sunis dacha biro namatti ta’a jechuudha. Shari’aan Rabbii guddaa nama lama ka waldhabe yoo rahamanni Rabbii qoodamu yoo araaramni Rabbii qoodamu guyyaa Khamisaatiif guyyaa isiniinaa jedha Rasuulli Rabbii ﷺ nama lamaan waldhabe ufirraa hanbisaa araara kiyyarraallee tursiisaa, akkasuma Rabbiin rahmata isaa irraallee booda oolcha. Jechuun Rahammata Rabbii keessa hin jiruu jannatni Rabbiillee isarraa cufaadha jechudha haga waldhabbii qaban sani. Kanaafuu obboleeyyan keenya rakkoo waldhabbii qabaniif walmufatanii taa’ani kun rakkoo guddaa namarraan geessi haa ufirraa eeggannuu akka gaaritti. Hattaa yoo namni lamaanuu itti waldhagahuu dhabanii tokko si dide gara kiyyaa owufii jedhii salaamatuma irratti qara’i inni fedhu haa diduu akka diliin isarratti deebitu yoo inni dideef.

  Sheikh Alii Jimmaa
873 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:39
ओपन / कमेंट
2022-11-06 13:37:07 167: Haqa abbaa kiyyaatu dursa moo haqa jaarsa kiyyaattu dursa?

Gaafii: Amrii ilmoo tiyyaa abbaa kiyyatu harkaa naa qabaa, aniif gurbaan tokko wal fuunee eegasii adda baanee ilmoo tokko argannee, ilmoo sanillee biyya galcheetiin abbaaf haadha tiyyatti kennadhee akkasitti qur’aana naa barsiisaa jedhee bira kaayadhe. Eegasii yeroo murtaa’e booda abbaanillee biyyatti galee akka gurbaan qur’aana qara’utti hin jirre hubate. Gurbaa kana qur’aana qaraasisa naan jedhee jennaan abbaa kiyyatti himuu sodaadhee xiqqoo jiddutti dhibaawee ture. Egasii abbaa kiyya yoo gaafadhuu qara’utti jiraa naan jedhanii, abbaan mucaallee yoo deebi’ee gaafatu humaa qara’utti hin jiru kanaafuu abbaan kiyya qaraasisutti hin jiranii haqqii gurbaa kiyyaallee balleessutti jiraa, abbaa ilmoo kanallee haqqii isaa balleessa jiraa , ilmoo tana gaafa duraa abbaa kiyya haadha tiyyatu naaf guddisutti jiraa akkam ta’aa? 
 
Deebisaa: Amma isiin wanni barbaaddu haqqii ilmoo barsiisan kanaafii haqqii abbaa ilmoo isiin irraa dhaltee kanaafii haqqii abbaa ilmoo isii guddisutti jiruu sadeen san akkami godhaa? boodarra abbaan kiyya natti dallanee na dubbisuu dhabutu malaa mee an haqqii abbaa ilmoo eegee ilmoo tana waa barsiisa moo abbaa kiyya ka natti dallanu kana ufirraa eegaa jetti. Shariyan islaama waa hundaa qopheessee lafa kaayee jira. Jalqaba ilmoon yeroo dhalattee jalqabee abbaaf haadha irratti waajiba. Gaafa abbaa kee bira geessitu sani abbaa ilmootiin mari’attee jirtaa? Abbaan yoo qallaba ilmoo kennaa jiraate namni ilmotti haqqii qabu abbaa ilmoo dhale sani. Akkuma abbaan kankee sirraa haqqii qabu sani ilmoonillee abbaa irraa haqqii qabdi abbaalleen ilmoorraa haqqii qaba jechuudha.

Yoo gaafas inni ilmoo waliin si gatee humaa nafaqaallee siif kennuu didee gara abbaa keetiitiif haadhaa teetittiin baqattee ilmoo kankee achitti yoo qaraasifataa jiraatte. Waan duri kafaluu dhabee kafalee ilmoo san gara isaa haa deebisanii rakkoo hin qabu. Maaliif jennaan ilmoon waa barachuun dirqama. Dallansuun abbaan kankee dallanu ilmoo wallaalumatti haa hanbisuu jechuun hin ta’u. Garuu abbaan kankee waan waliin rakkateef dallansuu qabaachuun ni mala. Dallansuu san inni araarfatee ilmoo isaa manguddoodhaan irraa fudhatee araarfatee akaakayyuu ilmoo saniillee haa qalbii isaanii gammachiisuu. Araaratu karaa furmaataati
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:37
ओपन / कमेंट
2022-10-29 09:46:01
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
2.1K viewsChannel Help, 06:46
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:29:22 166: Namni fatwaa dhagaye tokko irraa ka'uun nama biraatii fatwaa godhuu danda'aa?
 

Deebisaa: Ni dandeessa yoo seera isaa guutuu dandeesse. Qaayidaa dubbiin nama tokkorraa dhufee nama lamatti dabree, nama saditti dabruun dubbiin dabalamaa deema yookaa irraa hir’ataa deema. Yoo amaanaa san guuttee akka sheekhin dubbatee amaanaa diinii tana Rabbirraa dabarsetti yoo ka guuttee dabarsuu dandeettu taate dabarsi.

Yoo hin dandeenne taate bakkuma fatwaan sii deebite kanattii nama sanillee deebisi achirra jirtii fatwaan akkanaa achirraa fuddhu jedhiinii, yoo waraabbatee jiraatte sagalema nama sanii dabarsiif akka amaanaan biro sirratti hin kufne sirratti hin banne.

Sheikh Alii Jimmaa
3.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:29
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:28:58 165: Namni manaa bahu du’aa’ii fulaa kamitti kadhata?

Gaafii: Du’aa’ii manaa bahaniifii du’aa’ii mana seensaa yoo kadhannu akkuma beektan du’aa’ii yoo manaa baanuu bismillaahi, tawakkaltu Alallaahi, walaa hawla quwwata illaa billaah’ jedhanii manaa bahani. Garuu gaafiin kiyya eessarraa jalqabaa? An mana fooqii sadaffaa gubbaa gala, yoo mana an keessa jiraadhurraa gad bahu du’aa’ii kadhadha moo yoo fooqii irraa gad bu’ee dallaya manaa irraa bahu kadhadhaa?
 
Deebisaa: Mana kee irraa yoo gad baatu kadhatta. Yoo manni fooqii sadanuu kiyya ka jettu taate yeroo dallayaa gad baatu kadhadhu. Yoo lakkii manni na laallatu mana an keessa galuu golli tiyya tama fooqii sadaffaa gubbaa sani yoo ka jettu taate akkasumatti yoo mana kee irraa gad baatu jedha shari’aan. Kanaafuu mana kankee situ beeka eessatti jalqabee eessatti dhumataa. Du’aa’iin ol seensaallee akkasuma gabaabdutti.

Sheikh Alii Jimmaa
2.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:28
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:28:12 164: Namni haxxiffate nama haadhaafi abbaan maqaa kaasan je’anii dubbiin tun akkami?

Gaafii: Yoo namni tokko haxxiffate, haxxishoo tana keessatti namni tokko tokko ni hoodata, maal jennaan namni haxxiffatu kun nama haadhaa abbaan dubbatan jedhanii dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii walumaa galattuu waa hedduudha wanni namni wallaalaan himu. Yoo ijji nama sossoote, yoo harki nama nyanyaate, yoo miilli nama nyanyaate waan adda addaa jedhan. Keessummaatu dhufa; maallaqan argadha jedhan. Tiitichillee yoo afaan nama seene foon nyaatta waliin jechuufaatu jira.

Tanaafuu irra hedduun waan namni wallaalaan jedhu malee waan hukmii shariaa keessa jiruu miti. Garuu hogguu haxxiffatan Nabiin keenya ﷺ akka nu barsiisetti namni tokko hoggaa haxxiffate alhamdulillaah jedha. Namni bira taa’u ammoo yarhamukallaah jedhaan. Ka haxxiffate deebi’ee yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedhaan.

  Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:28
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:27:46 163: Hoggaa Soomana furan du’aa’iin godhan ni jirtii?

Gaafii: Hoggaa furan duaaiin jedhan ni jirtii?
 
Deebisaa: Nama biratti furtuus, ofiifillee hoggaa furtuus wanni je’amu ni jirtii. garuu waan je’an san yoo dhiisanii furanis huma takkallee hir’inni soommana keetitti hin dhaqqabu. Fakkeenyaaf hoggaa dura furtu wanni ittiin furtu asheeta timiraati. Yoo asheeta timiraa hin qabaanne timiruma bilchaate. Yoo san hin qabaanne aannani. Yoo san hin qabaanne bishaani.

Akka Nabiin keenya ﷺ nuu ibsetti wanni jettu zahabazzama’u wabtallatil uruuqu wasabatal ajru. Hoggaa nama biratti furtu afxara indakum saa’imun yoo jettees ni dandeessa. Duaaiin bakka furiinsaatti jedhan hedduudhaatu jira. Wanni itti uf rakkiftulleen hin jirtu. Yoo jettees sunnaa Nabii keenyaati ﷺ. Dadhabdus bismillaahi jedhiituma furi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
1.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27
ओपन / कमेंट