Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 7

2022-11-18 08:35:10 181: Janaabaa yeroo dhiqatan mataa fooxaa qofaan yoo Xaragatan ni tahaa?

Gaafii: Janaabaa akkamitti dhiqatani? Janabaa qaama dhiqatanii mataa ammoo fooxama qofaan xaragachoon ni ta’aa?
 
Deebisaa: Hin ta’u. Qeensi qeensaa, rifeensi rifeensaa, ka bishaan hin gahin yoo hafte qaama namaa irraa janaabaan sirratti haftee jirti hin dhiqatamne jechuudha. Kanaafuu seerri shari’aa guututti dhiqachuun sirra jiraa siin jedha.

  Sheikh Alii Jimmaa
550 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:35
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:12:52 180: Khuxbaa Jum'aa Afaan Arabaa dhagayuu dhabuu kiyyaaf diliin narratti ni argamtii?

Gaafii: Khuxbaa Juma’aa yeroo hedduu afaan Arabaa hin dhagayuu khuxbaa juma’a dhagayuu dhabuu kiyyaaf maali diliin narra jiru?

Deebisaa: Afaan Arabaa hanga dandeesseen baradhuu khuxbaan gorsa keetii, gorsa kankee akka dandeesseen fahami. Waan fahamuu dhabdeef ammoo Rabbiin si hin gaafatu inshaallah.

Sheikh Alii Jimmaa
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:12
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:12:40 179: Saffii salaataa irratti warra miilaan namaarraa dheessu maal godhutu namarra jira?

Gaafii: Saffii walitti hin qajeelfatan ummatni arabaa kunis ummanni hindiitis miila walitti hin butanii nama dhibanii haalli dilii kanaa eenyuun irratti argama diliin saffii kutuu kun?
 
Deebisaa: Yoo miila itti butte si jalaa butatan sirratti hin argamu diliin isaanumarra jirti. Ati haga dandeettun tattaffattee humaa sirra hin jiran.

Sheikh Alii Jimmaa
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:12
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:11:33 178: Obboleessa nama irraa du'e sadaqaan ni baafamaa?
 
Deebisaa: Sadaqaa takkallee wanni sirraa fedhan takkallee hin jirtu. Yoo ilmaan xixiqqoon du’an abbootiin haqiiqaa baasuu qabdi ilmaan xixiqqoo saniif. Abbaa irraa fedhama malee sirraa wanni fedhamu tokkollee hin jiru.
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:11
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:11:20 177: Xabala dhiqachuun akkami?

Gaafii: Nama firaatiin wajjiin bakka Xabalaa dhaqee bataskaana seenee bishaan nutti naqanii, nuti garuu xabaluma sani dhiqachuu dhaqne malee waan kaniisaatiif waan qaddasan sanirraa haajaa hin qabnuu
 
Deebisaa: Humaa bishaan sitti facaasani kijibaa waa takkallee humaa si hin godhu. Islaamummaa irraa si hin baasuu akkasumas dilii sitti hin ta’u. Wanni isaan qaddasaniif wanni isaan kijibaan sitti naqanis humaa si hin godhu inshaallaah.

Sheikh Alii Jimmaa
 
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:11
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:10:54 176: Namni tokko ka intala takka karaa haraamaatiin itti dhufe eegasii deebi’ee fuudhuu ni dand’aa?

Deebisaa: Ulamaan islaama seera kaayanii jirani. Namni tokko yoo dubartii takka karaa nikaha hin qabneen waliin rafe dura adda bahuu qaban walirraa fagaachuu jechu, ajnabiyyumma duraa kaamila sanitti deebi’uu qabani duraanuu ajnabiyyuma haraama dalagan malee. Akkasuma toowbachuu qaban. Boohuu qaban, Sadaqachuu qaban, yeroo dheertuu walirraa turanii eegasii karaa halaalaatiin walitti deebi’anii waliyyirraa kadhatanii, fira irraa kadhatanii fuudhu ni danda’anii toowbaa isaanii Rabbiin ima qeebalaa inshaaAllah.

  Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:10
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:10:40 175: Namni jawwaala harkaa qabu ka qur’aana ittiin qara’utti jiruu yoo aadaan dubartii itti dhufe diliin isii maali?

Deebisaa: Diliin sitti dhaqabu hin jiru. Jawwaalli jawwaalaa qur’aanni qur’aana. Kanaafuu kitaabuma qur’aanatuu ta’ee yoo tafsiira ta’e qur’aana kaamila hin jedhamu tafsiira jedhama maqaan isaa. Ka ati harkaa qabdullee yoo qur’aana tafsiiraafii qur’aana kaamila qabaatellee jawwaala jedhama.

Jawwaala kankee yeroo hundaa yoo harkaan qabatte si’ii janaabaa qabuu, si’ii dubartii aadaa qabduu humaa rakkoo hin qabu. Qara’uu ammoo shari’aan islaamaa janaabaafii akkasuma dubartiin dhiiga qabdu qara’uu ni dandeessi moo qara’uu hin dandeessuu kilaafatu harkaa walqaba.

Waan qara’uu hin dandeessu jedhu hin agarree harkaan qabachuutu dhorka malee. Harkaan qabachuun baanan sunillee jawwaalaa mitii kitaaba qur’aanaa kaamila ka qur’aanni qofti katabaa itti qabu harkaan qabachuun dhoowwaadhaa jedhanii jiran. Ammoo warri hifzii qabu qara’uun humaa rakkoo hin qabuu.
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:10
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:10:14 174: Namni adaadaa/haboo tiyya fuudhe ana hoo fuudhuu ni danda'aa?
 
Deebisaa: Walitti qabuu hin danda’u malee adda addatti fuudhuu ni danda’a. Dura fedhu si fuudhee eegaasii yoo haboo fuudhe. Haboo tantee fuudhee ka’ee yoo gad dhiise si fuudhu ni danda’a humaa rakkoon hin jiru.
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:10
ओपन / कमेंट
2022-11-14 14:10:01 173: Namni tokko haadha warraa isaa gara duubaatiin qunnamuun ni ta’aa?

Gaafii: Namni tokko haadha warraa isaa gara duubaatiin qunnamuun ni ta’aa?
 
Deebisaa: Gaafiin akkanaa shari’aa keessatti dhufee jira. Rasuula Rabbii ﷺ Umar gaafatee, yaa ergamaa Rabbii ani eda dilii seenee bulee karaa bade jedheen. Maal taate yaa Umar akkamitti jennaan; Haadha manaa tiyya gama duubaatiin itti dhufee jedhe. Yoo bakka ilmoo Rabbi keessa si razzaqu taate humaa hin qabuu jedheen Rasuulli ﷺ gara duraatiin ta’ee gara boodaatiin ta’ee bakki ati itti fayyadattu yoo farjii  karaa fincaanii ta’e humaa rakkoo hin qabuu jedhe.

Yoo ammoo karaa sagaraa taate haraamaa jedhe shari’aan abaaree jira Rasuulli Rabbii ﷺ abaarsa Rabbii guddaa dabarsanii jiran. Nama dubartii isaa karaa Rabbi halaal godheef dhiisee karaa sagaraa seenanii karaa sanitti namni fayyadate abaarsa Rabbii guddaa qaba. Abaarsi Rabbii isatti haabuutu namni dubartii isaa karaa halaalaa karaa ilmoon dhalattuun dhiisee karaa biraa seene jedhe Rasuulli Rabbii ﷺ
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:10
ओपन / कमेंट
2022-11-06 13:40:40 172: Hukmiin dhiigaa maali?
 
Deebisaa: Dhiiga namaa ta’ee, dhiiga horii, hukmii nama tuqiinsaa yoo taate humaa hin qabu. hadiisa Abdalaah ibnu Masu’uuditu jiraa ka inni re’ee uduhiyyaa qalee cumaaf dhiigni garaa isaa irra jirutti salaatee jira.

Akkasuma sahaabaa lamaan waliin deemaa turte ka tokko dadhabee biraa rafee halkan kana wardiyaa eegi jedhee tokkorratti dhiifatee rafe ka diinni dhufee namtichaa salaatutti jiru san waraane ka dhiigni isarra yaa’u salaate humaa salaanni isaa bade hin jenne Rasuulli Rabbii ﷺ dhiigni namaas ka horiis salaata hin balleessuu najaasummas hin qabu. Garuu dhiiga dhuguun dhiiga meeshaa dibuun shari’aa Rabbii keessatti hin jirtuu eeggachuu barbachisa.
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:40
ओपन / कमेंट