Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 5

2022-12-03 23:28:46 200: Dubartii sadihiin hiikamte deebi'anii waliin jiraachuun akkami?

Gaafii: Namni tokko jaartii isaa sadihiin hiikee jiraa; anilleen mana isaanii quphadhaa akkam ta’a, eega sadiin hiikeellee deebi’anii waliin jiraachutti jiranii?

Deebisaa: Sheekhotii isaanitti dhihoo jirtu dhaqee gaafachuun dirqama isaatii. Sadiin dubartii hiikamte waliin jiraachuun dhoowwaadha. Kilaafa guddotu keessa jiraa sadii kana warra tokkotti lakkaawutu jiraa, tokkoon kun yoo dallansuudhaaf yoo afaanii bahe hukmiin isaa waan birooti warra jedhutu jira. Garuu dubartiin sadiin xalaaqamte rakkina guddaa qabdii abbaan manaa deebi’ee waliin jiraachuun dilii gurguddatu irra jira.

Sheikh Alii Jimmaa
310 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:28:37 199: Kitaaba irraa qara'aa salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko yoo salaata keessa qur’aana laalee qur’aana irraa qara’e maal qabaa du’aa’iillee taanaan kitaaba qur’aanaallee taanaan, salaata keessa laalanii qara’uun dhoowwaa qabaa tarawihaas taanaan salaata biros taanaan?

Deebisaa: Humaa rakkoo hin qabu kitaaba irraa laalaa salaatuun ni ta’a, kitaaba irraa laalaa du’aa’ii godhachuun ni ta’a, yoo xum’aaniinaa dhoowwee ka waswaasa namatti hin fidne ta’e jechu. Saalaanni kushu’a qabdii, yoo akka qur’aana baachuuf qur’aana babbanuun ka kushu’a nama hin dhoorkine taate humaa hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
349 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:28:24 198: Nama imaama booda raka'aa xumurachuuf salaataa jirutti hidhachuun ni tahaa?

Gaafii: Salaanni namni tokko nama tokkotti hidhatee salaate yoo namni sun salaama baafatee warri kun ol ka’anii salaatan isaanittillee namni biraa dhufee hidhachuu ni danda’aa?

Deebisaa: Ee humaa rakkoo hin qabu, imaama lammataa jedhamaa garuu ka duraa sun salaama baafatu malee sadaffaa dhufanii jalaan nama biraatti hidhachuun hin ta’u. Namuma tokkotu nama tokkotti hidhata yookaa nama hedutu nama tokkotti hidhataa namichi duraa sun yoo salaama baafatee warri kun ka’ee ol guuttatu namni biro dhufee nama kana keessaa nama tokkotti hidhachuu ni danda’a humaa rakkoo hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
413 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:21:11 197: Sharxiin Sujuudaa dubartii irratti akkami?

Gaafii: Sujuudni dubartootaa akkam ta’aa? Dubartiin tokko yoo sujuuddu cinaacha isiitiif ciqilee harka isii adda hin baasinii hin babbanatinii qaama isii jedhanii akkamii?

Deebisaa: Adaba salaataa keessatti ulamaan akkasumaa dubbatan. Dubartoonniniif dhiirri akka akka takka hin taane akka mummuraan qaama isaanii hin muldhanne of sattaratanii haa salaatanii; kun yeroo ajnabiyyaan isaan argu. Yeroo ajnabiyyaan isaan hin agarre ammoo akkuma rasuulli salaatetti salaatuu qaban. Garuu yeroo ajnabiyyaan isii argu adabaaf akkastu bareedaadha jechaa ulamaan lafa kaayanii jiran.

Sheikh Alii Jimmaa
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:21
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:20:17 196: Abbaan kiyya wanta hin hayyamamne naaf biti yoo jedhe maal godha?

Gaafii: Abbaan kiyya ergaa na ergataa, ergaan isaa irra guddaa caatiidha yookan jimaa bituudha, sigaaraallee itti naa dabalii koottu naan jedhaa ammoo wanni kun maasiyaa ni beekaa, abbaa kiyyallee akka godhu wallaalee ni bitaaf moo ni didaa?

Deebisaa: Bitiif hin bitin siin jechuun duratti abbaa kankee akka sigaaraafi caatii namni muslimaa horiidhaan bituun hin taane kaassetti sheekhootii irraa waraabii geessii jala kaa’I, abbaa keetiif daa’awaa godhuu qabda. Hiriyaa abbaa keetiitti himadhuu wanni kun maasiyaadhaa akka abbaan kiyya itti miidhamu hin fedhuu irraa naa dhoowwaa jedhiin. Anillee ergaa isaallee diduu hin fedhuu ammoo waan Rabbiin na dhoowwellee bituu hin fedhuu jedhii abbaa kankee hiriyoota isaatti himii sirraa haa dhoowwanii akkasitti malaan qabadhu. Yoo inni tana biti tana biti siin jedhe abbaa kiyya bar dhoowwaadhaa ani yoo ati mallaqatti haajomte mallaquma sii kenna malee aabboo shariyatti wanni kun dhoowwaa atillee guyyaa qiyaamaa na hin dhiistuu maaliif waan haraamaa naa bittee yoo ani wallaalummaaf si ajajallee maaf na jalaa hin didin naan jechuu jiraattaa abbaa kiyya bar waan akkanaattu jiraa jedhii, eega manguddoof shariyaa daawaa dhaqqabsiiftee booda abbaa kankee mala bareedduudhaan kadhadhu osoo ifachuuf lolaan hin ta’in.

Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:20:10 195: Nama guyyaa tokko soomaa guyyaa biroo balleessu Zakaatal Fixirii irraa baasuun ni tahaa?

Gaafii: Hukmiin nama yeroo tokko soomee nama yeroo tokko faxaree sooma baballeessaa deemu zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a nama sani?

Deebisaa
: Zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a. sooma inni balleesseef isatu gaafatama. Ati garuu zakaatal fixriin isaa yoo sirratti wajjabee jiraateef baasi. Yoo ammoo isarratti wajjabee jiraate innillee ufirraa haa baasuu. Maaliif jennaan sabaaba ma’asiyaan tokko dalagameef ma’asiyaan lammataa dalagamuu hin qabu. Kanaafuu zakaatal fixrii baasuun ni ta’a.

Sheikh Alii Jimmaa
961 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:20:04 194: Namni tokko gammachuudhaaf yoo nama affeere mana isaatii nyaachuun ni ta'aa?

Gaafii: Daa’awaan yookaa waamichi obboleessi keenya tokko nu yaamu fakkeenyaaf ka inn mana ijaaratee nu yaamu yoo inni gammachuudhaaf daggasee nu yaame dhaqanii nyaachuu dhoowwa jedhaa warri gariin, midhaan akkasii san nyaachuun hin ta’u nuun jedhanii ni nyaanna moo ni dhiifnaa maaltu haraama godhe?

Deebisaa: Namni tokko yoo gammachudhaaf yoo nama yaame, aroozaaf yoo nama yaame, e yoo nama yaame mana ijaaratee gammachuudhaaf du’aa’ii naaf godhaa jedhedhaquun ni ta’a humaa takka rakkoon hin jiru. Waamicha obboleessa awwaachuun waajiba shariyaa islaamaa keessatti waan bakka inni itti nama yaame sani diliin hin jirreen. Garuu waan mana ijaarsa waan gammachuu fuudhaa, na dhukkubaa koottaa du’aa’ii naaf godhaa jedhe qalee yoo nama yaame rakkoon hin jiru. Dhaqanii du’aa’ii godhaniif nyaata isaa nyaachuun kabajaa isaatii ka inni namarraa qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
960 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:19:59 193: Waraabessi Jinnii ni argaa, ni nyaataa?

Gaafii: Jinni waraabessi ni argaa ni nyaataa akkamii waraabessi argee ni nyaataa jinniin tun ni baqattii waraabessa irraa ni sodaatti?

Deebisaa: Anis dur waan akkanaa dhagayaa turee garuu kitaaba irraa sunnaa irraa wanni ani waraabessatu jinni nyaata jechuu hin arginee daliilallee wanni nuti qabannellee hin jiru. Garuu tun gaafiin barbaachatti haajomtii yeroo yeroo itti arganne barbaannee yeroo biraa walitti deebina.

Sheikh Alii Jimmaa
933 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:19
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:19:53 192: Foon warri Shi'aa qale/goorra'e nyaachuun ni tahaa?

Gaafii: Ani warra shi’aa tokko bira dalagaa warri shi’aa kun mowulida baasanii ji’atti yeroo tokko yeroo lama walitti dhufanii qalanii yeroo gorra’anillee abbaa Abdallah jedhaa gorra’anii bismillaah jedhanii hin gorra’anii, akkam godhutu narra jiraa?

Deebisaa: Jalqabumaa intaltii islaamaa takkaaf gurbaan islaamaa tokko warra shi’aa bira jiraachuun dhoowwadha. Yeroo ammaa keessatti shi’aan aduwwii warra islaamaa aduwwii warra sunnii ta’anii jiranii irraa fagaachuutu si barbaachisaa. Yoo diinii keetiif aakhiraa keetiif ka yaaddoftu taate, jiruu teetifiillee yoo ka yaaddoftu taate warra shi’aa irraa fagaachuu si barbaachisa.

Wanni isaan qalani isaanuu maqaa Rabbiitiin hin qallee waan nama biraatiif qalamee nyaachuun isa shirkiidha waan biraatti nama geessa. Isaaniin wajji nyaachuun, isaaniin wajji dalagachuun isaan wajji jiraachuunis barbaachisaa miti yeroo ammaa keessatti. Miidhama jiruu keessaniitifis miidhama mataa keessaniitiifis waan akka malee nama sodaachisu waan ta’ee jiruuf jechu.

Sanuu dubri faati mirga waan hin qabneef akka fedhan godhuu ni danda’anii nama Rabbi hin sodaanne waan ta’aniif, nama amaanaa hin qabne waan ta’aniif, intalti dubraa tokko duraanuu maahrama malee waan bahanii dalagaa jiraniif rakkoo biraa fidaa jira jennaan ammallee nama shi’aa bira yookan nama kuffaaraa bira dalaga jechuun dubbii jajjabduudhaa, jiruu teessaniif duniyaa teessaniif, aakhiraa teessaniifillee miidhama guddatu isin irra gahaa irraa fagaachuudha qabdan.

Sheikh Alii Jimmaa
975 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:19
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:19:48 191: Qur'aana Afaan Arabaatiin ala afaan birootiin qara'uun akkami?

Gaafii: Qur’aana kana yoo afaan Arabaatiin qara’uu dadhabee Afaan ingiliffaatiin qara’adhee afaanuma ingliffaatiin hadiisa kan baradhe hoo? Yeroo namni afaan Arabaatiin qur’aana kana qara’u ni dheebodhaa garuu hin beekuu. Afaan Arabaatiin qara’u moo Afaan Ingiliffaatiin qara’utu irra ajrii qabaa?

Deebisaa: Afaan Arabaatiin qara’utu irra ajrii qaba. Rasuula Rabbiittu ﷺ harfii aliif laam miim jettu sadeen tana ani harfii hin jedhuu isiin ufii tokkumaan katabamtee walitti jirtii ani garuu harfii tokko hin jedhu jedhe. Aliifilleeen, laamilleen, miimilleen harifiidhaa tokkoo isii irratti kudhantu isinii katabamaa jedhe.

Garuu afaan ingiliffaatiif Afaan Oromootiin namni tafsiira wayii dubbisu harfii kuma tokko irrattillee wanni katabamuuf hin jiru. Maaliif jennaan jecha Rabbii guddaa waan ta’eef ajriin akkasitti argama. Kanaafuu biyya garitti kitaaba qur’aanaa kan afaan oromootti jijjiirametu jira. Ispeelingiin afaan arabii ispeeling afaan Ingiliishitti ka jijjirame jechu kun shariyaa islaamaa keessattillee dhoowwadha.

Kanaafuu kama afaan arabaa kana ka Rabbiin ittiin baradhaa nuun jedhe. Garuu kitaabni azkaaraa , kitaabni hadiisaa tokko afaan oromootiin afaan ingliishiitiin nu katabame rakkoo hin qabu. Hiikkaa isaa achirraa faayideeffannee barachuu ni dandeenya. Garuu qur’aanuma qofa ajriin kan itti argatamu lafzii isaa qara’uun.

Sheikh Alii Jimmaa
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:19
ओपन / कमेंट