Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 20

2021-10-22 08:07:19 56: Haadha warraa tiyyarraa hangam turuutu naaf hayyamama?

Gaafii: Warra biyyaa qaba. Warra kiyya kana dhiisee deemuun kiyya, nyaataa dhugaatii qofaa mitii haqa firaashaa narraa qabdii, hukmii shariaatti hangam takka isiirraa turuudhaaf mirga qaba?
 
Deebisaa: Gabricha Rabbii, hukmii shariaatti baatii afurirraa hanga baatii jahaati. Achii ol ammoo amata lama ta’us amata sadii ta’us yoo isin jidduu waltahiinsi jiraate, wama takkallee rakkoon hin jiru.

Amata lama ta’u sadii ta’u waan rizqiif deemtuuf, waan isiinis waa nuuf godhutti jiraa beeytuun, fedhinnaa isiitiin haqa firaashaa dhiifama siif gootee hangas teessee yoo itti dhaqxe, wamaa takka sirratti hin jiru. Garuu Rabbi rizqii sitti kennee yoo dandeettii qabaatte, amatuu dhaqi.

Obboleeysi keenya itti aansee wanti gaafate, Anaafi isiin yoo amata lamatti wal taane rakkoon jirtii? Je’e.

Sadihittillee rakkoon hin jiru garuu intalti tun yoo sababa ati fagaatuutiin waan biraa keessa galte, dhiiraan wajjiin nyaachuu, dhiiraan wajjiin shirshirii, dhiiraan wajjiin deemuu, dogongora keessa yoo galte, itti gaafatamtaa beeki. Jaartii tantee akka jaartiitti qabattee mirga isii eegdee akka Rabbiin jaalatutti wajjiin jiraachuu qabda.

Yoo isii tana dhiiftee ta biraa fuudhuun si keessa jiraattes, Rabbiin si beekaa ilmoo namaa hin qoronya’in, hin rakkin, akka jaarsaa jaartiitti wajji jiraachuu takkaa ammoo intala tanaaf karaa gad dhiisutu sirra jira.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:07
ओपन / कमेंट
2021-10-20 07:19:48 55: Ajaja jaarsa  kiyyaa diduu niin dandayaa?

Gaafii: Gurbaa tokko ka biyya jiruuf nikaaha na hidhan. Gurbaan horii natti ergi naan je’a. Lammeessallee amata kana booda koottu naan je’aa dideetiin amata tokko booda aanee maaltu narra jira?
 
Deebisaa: Horiin ati carraaqachaa jirtu halaal keetii isatti erguudhaaf dirqama hin qabdu. Abbaa keetti, haadha keetti nama feetetti ergachuu dandeessa.  Ala bahuun kee daangaa cabsuudhaa san Rabbii kee kadhadhu.

Amma ammoo eega jaartii namaa ta’uu uf beeytee bakka jaarsi kee koottu siin je’etti gali. Diddee taa’uun keetilleen balleessaadha. Rabbii kankee araarama kadhadhuu isallee dhiifama gaafadhu. Abbaa warraa keetiif qajeeli, dalagatti hin deebi’inii taa’i yoo siin je’es taa’i. Waajibni nafaqaadhaa isarratti jira.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:19
ओपन / कमेंट
2021-10-18 13:32:26 54: Dhalaan sagalee ol fuutee ni salaattii? Jama’aa hoo akkamitti salaatan?

Gaafii: Yeroo salaatu suuratul Faatihaa akka dhiiratti ol fuudhee yoon qara’e akkami? Yeroo dhalaa waliin salaannu salaatul jama’aa akkamitti salaatuu dandeenya?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waan dhiirti si bira hin jirreen, waan ajnabiin sibira hin jirreen, dhalaa biratti sawtii tee hamma gurri kee si dhagayutti qara’uun wamaa hin qabu.Nama dhageessisuu hin barbaadin.

Waldhabbiin salaatul jama’aa dhiiraaf dhalaadhaa ammoo dhiirti yoo imaamni dura bu’e, isumaan duubatti saffiin dheertuun godhamti.

Yoo masjiidni xiqqaate, dhiirti mirgatti dhaabbachuu ni dandeessi. Karaa bitaatiin ammoo dhaabbachuu hin dandaa’an.

Akkataan dhalaan itti waliin salaattu ammoo mirga imaamatiifi bitaa imaamatiin dhaabbatti. Ta imaama taatu akkuma beekkamtuuf xiqqo hanga taakkuu takkaa duratti achi siqxi malee walakkuma dhaabbatti.

Haalli dhalaan dhalaa wajjiin itti salaattu kanaa Rabbiin sirraa haa qeebalu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
962 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:32
ओपन / कमेंट
2021-10-15 10:08:17
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
2.4K views07:08
ओपन / कमेंट
2021-10-14 22:42:55 53: Soomana akkamittiin qadaa baasa?

Gaafii: Soomana guyya sagaliittu narra jira, akkamitti kaffaaraaa wajjin qadaa baasa?
 
Deebisaa: Wanni sirra jiru guyyama sagali. Hamma dandeetutti ufirraa baasi, ta kaffaaraadhaa ammoo ulamaayiin irratti wal kallafe. Fiinxeen wanni ati qabachuu qabdu, bikka kaffaaraa yoo tawbattellee ni dandessa. Qadaan garuu tawbaan namarraa hin bu’u. Qadaa kee soommanii  Rabbii kee araarama kadhadhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 19:42
ओपन / कमेंट
2021-10-14 22:40:55 52: Eegaan zinaa dalagee nikaaha hidhadhe.

Gaafii: Gurbaa tokko jaaladheetiin badii walitti hojjannee achi booda nikaaha hidhanne.
 
Deebisaa: Yaa jara keenya bakka jirtan cufatti mee Rabbillee kadhadhaa. Tun khiyaanaa bar. Wal khaainne jechu malee wal kaadhimne jechuu miti. Jarreen khiyaanaa akkanatti walitti godhan kun nikaan isaaniilleen haraami.

Zinaarratti nikaan hin hidhamuu nikaan duraa sun baaxili. Addaan bahuu qaban. Baatii takkarraa hanga baatii sadii adda fagaachuu qaban.

Eega addaan bahanii tawbaa qulqullii tawbataniin booda yoo nikaaha godhatan nikaan isaanii bakka jira.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 19:40
ओपन / कमेंट
2021-10-13 15:59:45 51:Gaafii: Yoo Rabbiin fedhe heerumaafin biyyatti deema. Shamarran kiriistaanaafii kaanis silkii natti dhahanii miizee siif ta’uuf huccuu qopheeffanne naan je’an. Miizeen tun Shari'aa keessatti halaalii? Ani waan aadaa Awurooppaa kanallee hin fedhuu dhaamsa maal naaf dhaamtan?

Deebisaa: Huccuu qaama nama muldhistu ta aadaa nasaaratiifi yahuudaa hin godhatin. Huccuun ati uffattu magariisa, adii, bunnii waan fedhe haa taatuu akka intala Muslimaatti yoo satrii qabaatte, uffachuu dandeessa.

Hanga dhalaa keessa jirtutti fuula banaas taa’uu ni dandeessa. Qaamni kankee ammoo haa sattaramu. Ta diggisiidhaa ammoo sun sumaafi gurbaa laalti. Waan dandeessaniin godhaa yoo hin dandeennellee uf hin dirqinaa.

Ta miizeedhaa ammoo dhalaan namaan wajjiin deemtee gizee ati teessu si cinaa taa’anii dhiirtis dhiiraan wajjiin gurbaan miizee godhachuun hukmii shariaatti haraami.

Akka aadaa badduu warra baadiyaa intalti miizee je’an tun dhalaa bira buluun dhiirtinis guyyaa lamaa sadi buluun addaan isaan ittisuun haraam calla. Waan akkasii irraa akka fagaattu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
3.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:59
ओपन / कमेंट
2021-10-12 15:39:40 50: Zakaa namaan walitti baasuun danda’amaa?

Gaafii: Zakaa kana yoo ka’ee obboleettii tiyyaan waliin walirratti baase ni taati naan je’anii dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Yoo obboleettii tee wakkalattee zakaa haganaattu narra jiraa naatu siif kafalaa narraa baasi jetteen halaali; waa takka dhoorkaan hin jiru.

Zakaan ka kennamu baatii sadiifi baatii jahaa miti. Amata irratti. Horiin keetis qulqullummaan irraa baafamuu qaba akka Rabbiin jaalatutti.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:39
ओपन / कमेंट
2021-10-11 06:47:33 49: Zakaan maali?

Gaafii: Zakaa numa je’anii zakaan kun waajiba jechaa numa dhagayaa ani waa takkallee waan irraa beeku hin qabu.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii yoo biyyumatti dhalatte, magaalatti dhalattus warri magaalaa mallaqa hin wallaalu.

Xiqqeenyaan biyyaa bahee an wamaa hin beeku yoo ka jettu taate ammoo, horii yoo Rabbi sitti kenne 10,000, 20,000, 30,000 yookaa 100,000 mallaquma fedhe haa ta’uu kuma tokkorratti qarshii 25 baafta; Yoo gaala ta’e ammoo, gaala shan yoo qabaatte, re’ee takka kennita.

Yoo re’ee qabaatte re’ee 40 keessa takka kennita. Yoo horii qabaatte horii 30 irratti jabbii takka kennita. Ta midhaanii ammoo ulamaa’ii baadiyaa jiran gaafadhu.daarota 10 irratti tokko kennan je’an. Namni ammoo kennituuf warreen saddeettan Rabbiin suuratuttawbaa keessatti dubbate. Zakaa haadhaa abbaa keetii hin kennin.

Waan achii gadii ammoo eessumman kee, adaadaa tee, adeerran kee kan miskiinaatiif kenni. Dura isaaniif haqa. Yoo isaan qabaatoo ta’an miskiina biraatiif dabarsita.

Garuu ammoo Zakaa kee masjiidaan hin ijaarin, madarasaanis hin ijaarin. Wanni inni godhameef jara saddeettan sani.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
ओपन / कमेंट
2021-10-07 09:08:29 48: Hidhaa sodaatanii kijibuun akkami?

Gaafii: Gaaf tokko osoma hojjannuu, ijoollee hojjattoota dhalaa tokko ganda isaanii ziyaarra jennee dhaqnee hulaa itti tuttumnee dhabnaan an ufirraa deeme. Gurbaan tokko hafee odoo tumuu namni ollaa arkee, isa hin beekanii ana yaamanii, dhalaa as keessa jirtuu isin himatee maaliifi jennaan lakkii anilleen gurbaalleen nuti hin dhufnee je’een. Qur’aanaan nu kakachiisan.Yoo boru wanni tun dhugaa taate, anilleen ni hidhama; gurbaanillee dalagaa irraa ari’amaaf kijibe.
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, wanni ati gaafachuu qabdu, Nin kakadhee kakuu tanaaf maaltu narra jiraa dura, dhalama ziyaaruu san maaltu si geese? Waani obboleettii tee, haboo tee, adaadaa tee hin ta’in dhalaa ziyaaruun atis saahibni keetis haraam calla.

Sanirraan hin dhaqne jettanii kakachuun keessan sunilleen balleessa. Dhugaadhaan uf baasan malee kijibaan uf hin baasan. Kanaaf jecha dhalaa ziyaaruu, wajjiin nyaachuu, wajjiin dhuguu, wajjiin kophaa taa’uun, isaanitti laaqqamuun, kasaaraa gurgurdoo waan ta’eef boodaafillee itti hin deebi’in. Waan dabre irratti ammoo Rabbii kee araarama  kadhu.

Ta kakuutiif ammoo nama kudhan nyaachisi; takkaa nama kudhan uwwisi; yoo san hin dandeenye soommanatti dabri; soomana guyyaa sadi.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:08
ओपन / कमेंट