Get Mystery Box with random crypto!

Haadha Walaloo

टेलीग्राम चैनल का लोगो haadhawalaloo — Haadha Walaloo H
टेलीग्राम चैनल का लोगो haadhawalaloo — Haadha Walaloo
चैनल का पता: @haadhawalaloo
श्रेणियाँ: कोटेशन
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 5.18K
चैनल से विवरण

Koottaa Mana walaloo keessa nu waliin jiraadhaa. Yaada qabdan kamiyyuu @Haadhabot irraan nuuf erguu dandeessu.

Ratings & Reviews

1.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

3


नवीनतम संदेश 3

2022-04-08 19:39:24 Sirba ajaa'ibaa Mata dureen isaa BITIMAA jedhu Gurmeessaa Erootin. Hundumtuu daawwadhaa.



2.7K views16:39
ओपन / कमेंट
2022-04-05 12:58:56
Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa hojjatamuuf Taatuu qooddattuu jabduu taatee hojjattu ni barbaadna. Namootni Ulaagaa armaan gadii guuttan Suuraa keessan (Audition Photo)f ta'u, Maqaa, Lakkoofsa bilbilaa fi Bakka jireenyaa keessan karaa Telegramii @CastingAO_bot irraan nuuf erguu dandeessu.

Ulaagaalee
1. Afaan Oromoo sirritti dubbachuu kan dandeessu
2. Bifa magaala
3. Hojjaan 1.65 irraa kaasee
4. umrii 21-25

t.me/CastingAO_bot
2.8K views09:58
ओपन / कमेंट
2022-03-22 20:35:20 Ishee of taatee
ofii isheetin boontu
Ishee of beektee
Adaa isheen koortu

Ishee barattee
beekkumsaan lammiif geessu
Ishee goota taatee
dinni ishee dheessu

Ishee simboo qabeettii
Aadaaf safuu eegdu
Ishee of kabbajchiistee
namaaf kabaja qabdu

Ishee keessi qulqulluu
shiraaf daba hin beekne
Ishee lammii gantee
mana gumaa hin deemne

Ishee harki warqee
haadha ogummaa hedduu
Ishee faara qabeettii
hundumaan bareeddu

Ishee akka kanaa
kan toltee hundaanuu
Oromiyaa irraa malee
eessayyuun argannuu

#Share
@Haadhawalaloo
5.9K views17:35
ओपन / कमेंट
2022-03-21 20:46:29 Hatticha

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Dheebuu daawwattoota filmii afaan Oromoo baasuuf dalagame Trailer isaa kunoo



3.8K views17:46
ओपन / कमेंट
2022-03-21 09:05:40 Karaa irraa gorraan
innis si sirreessu
Waan gaarii hojjannaan
inni si jajjabeessu

Gufatteetoo kufnaan
kan si kaasu lafaa
Cabakeef dhiphatee
kan siif cabu nafaa

Inni dirqii malee
onneen si jaallatu
Inni kufee ka'ee
si waliin jiraatu

Isa laali hirbuun kee
guutaan cinaa bitaa
Isa darbiteetoo
waaqa ni komattaa?

#Share
@Haadhawalaloo
4.1K views06:05
ओपन / कमेंट
2022-03-18 19:28:00
Oromiyaan kan biqilchite
silaan mudaa hin qabu
Argaan ishee qofti
nam-oolcha agabuu

Kuullee nadhii dammaa
Taliila qulqulluu
Gaarii kan kee malee
hamaa kee hin jaalluu

Ifi kana caala
ol ka'ii mul'adhu
Gaddi sittin gorin
gammachuun jiraadhu

#Share
@Haadhawalaloo
4.8K views16:28
ओपन / कमेंट
2022-03-17 18:20:22 Dhaloota mandaraa
hin ta'in yaa koodee
Akkas taanan hin muufatin
yoon ani siin oodee

Addunyaan fbn miti
kan fagaate bakkee
Barumsaaf teeknoloojiin
gara hawaa sokkee

Munaagde bar- hedduu
umurii kee caaluu
Kan isa sii'achii
maaf beekuf hin ooluu?

Ilma akkoo malee
ilma abbaan ta'in
Anarraa gaarii malee
yaraa koo hin dhaalin

#Share
@Haadhawalaloo
4.2K views15:20
ओपन / कमेंट
2022-03-16 20:39:02 Hatticha

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Dheebuu daawwattoota filmii afaan Oromoo baasuuf dalagame Trailer isaa kunoo



3.2K views17:39
ओपन / कमेंट
2022-03-14 20:59:46
Na gattee jetta yoona
afaan kee guuttattee
Maqaan anin qabne
shiraan natti laattee

Ayii yaa hojii kee
si magan yaa tiruu
Dabaan akka kee
lafa kanarran jiru

Ofumaa na murtee
ofumaa na cabsitee
Oolmaa koof deebii
salphina galchite

Si fedhee yoon boo'u
mana onaa keessatti
Ati alaa burraaqxa
kilabiif veergotti

Akkan waa hir'isee
akkan waa hanqisee
Ana mana keessee
orma si feesises

Sagal galuun yaa hafu
sagal ala bultee
Na gatte jetteemmoo
maqaa natti tuulte

Deemera nagatti
sirra kophaa wayyaa
Madaa biraan fedhu
kanarraas nan fayyaa

#Share
@Haadhawalaloo
4.4K views17:59
ओपन / कमेंट
2022-03-10 20:37:03

4.7K views17:37
ओपन / कमेंट