Get Mystery Box with random crypto!

Na gattee jetta yoona afaan kee guuttattee Maqaan anin qabne s | Haadha Walaloo

Na gattee jetta yoona
afaan kee guuttattee
Maqaan anin qabne
shiraan natti laattee

Ayii yaa hojii kee
si magan yaa tiruu
Dabaan akka kee
lafa kanarran jiru

Ofumaa na murtee
ofumaa na cabsitee
Oolmaa koof deebii
salphina galchite

Si fedhee yoon boo'u
mana onaa keessatti
Ati alaa burraaqxa
kilabiif veergotti

Akkan waa hir'isee
akkan waa hanqisee
Ana mana keessee
orma si feesises

Sagal galuun yaa hafu
sagal ala bultee
Na gatte jetteemmoo
maqaa natti tuulte

Deemera nagatti
sirra kophaa wayyaa
Madaa biraan fedhu
kanarraas nan fayyaa

#Share
@Haadhawalaloo