Get Mystery Box with random crypto!

Karaa irraa gorraan innis si sirreessu Waan gaarii hojjannaan | Haadha Walaloo

Karaa irraa gorraan
innis si sirreessu
Waan gaarii hojjannaan
inni si jajjabeessu

Gufatteetoo kufnaan
kan si kaasu lafaa
Cabakeef dhiphatee
kan siif cabu nafaa

Inni dirqii malee
onneen si jaallatu
Inni kufee ka'ee
si waliin jiraatu

Isa laali hirbuun kee
guutaan cinaa bitaa
Isa darbiteetoo
waaqa ni komattaa?

#Share
@Haadhawalaloo