Get Mystery Box with random crypto!

Oromiyaan kan biqilchite silaan mudaa hin qabu Argaan ishee qo | Haadha Walaloo

Oromiyaan kan biqilchite
silaan mudaa hin qabu
Argaan ishee qofti
nam-oolcha agabuu

Kuullee nadhii dammaa
Taliila qulqulluu
Gaarii kan kee malee
hamaa kee hin jaalluu

Ifi kana caala
ol ka'ii mul'adhu
Gaddi sittin gorin
gammachuun jiraadhu

#Share
@Haadhawalaloo