Get Mystery Box with random crypto!

Haadha Walaloo

टेलीग्राम चैनल का लोगो haadhawalaloo — Haadha Walaloo H
टेलीग्राम चैनल का लोगो haadhawalaloo — Haadha Walaloo
चैनल का पता: @haadhawalaloo
श्रेणियाँ: कोटेशन
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 5.18K
चैनल से विवरण

Koottaa Mana walaloo keessa nu waliin jiraadhaa. Yaada qabdan kamiyyuu @Haadhabot irraan nuuf erguu dandeessu.

Ratings & Reviews

1.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

3


नवीनतम संदेश 4

2022-02-10 20:51:36 Kan na marse keessaa
harki caalan isaa
Keessaa summii baatee
fuula isaa ibsaa

Gammaduu koof maraatee
boo'uu kootti kolfaa
Imimmaan koo arguuf
madaa kiyya horfaa

Jiruu isaa dhiisee
anaaf rafuu dhaba
Na kuffisuuf yaadee
gufuu kiyyaan caba

Seeqa koo dhaamsudhaaf
maalumaaf jarjaruu?
Gita waan hin qabneef
kolfa koon gurguruu

#Share
@Haadhawalaloo
8.7K views17:51
ओपन / कमेंट
2022-02-07 17:39:02 Galata Waaqayyoo
galata rabbii
bu'aa ba'ii hedduu
darbeen jira darbii

Iyyaafataa dhabnee
hin hafne karaatti
Beelaaf harka laannee
hin sagadu garaatti

Jabaadhee tiradhee
har'a ga'e kunoo
Darbeera kaleessa
barri gaddaa sunoo

Fira kan fakkaatu
dhibba miti kuma
Inni hin jijjiiramne
galatoomi Uumaa

#Share
@Haadhawalaloo
7.9K views14:39
ओपन / कमेंट
2022-01-31 20:26:41 Osoo ta'ee akka garaa
gaarii ta'a hundi baraa

Osoo ta'ee akka hawwii
Hin mul'atu kan koo qaawwii

Osoo ta'ee akka onnee
gad hin jennu qaata boonnee

Sila maal godharee'n ta'uu
riqicha malee akkamiin ce'uu

Riqichi keenyahoo qaata cabee
hirreen tokkummaadhaa dabee
fayyaan qabnu achii qabee

#Share
@Haadhawalaloo
8.6K views17:26
ओपन / कमेंट
2022-01-30 10:02:46 Quuqamaa fakkaachuf
inni watawattu
Afaanin Oromoo
gochaan kan saggaxxuu
Dhama raasta malee
Bu'aa hin argattu

Inni afaan bal'attee
na arrabsuuf kaattu
Maalif akaakayyuu kee
waan kanan gaafattu?
Hibboon "Namichi mataa moluu mana foonii seenee"
maalif safuudhan jettu?

Anaan quuqamaa koo
Anaan yaa abbaa safuu
si mitii "suura kee qullaa naaf ergi" jedhee
kan dhudhuufu

#Share
@Haadhawalaloo
7.8K views07:02
ओपन / कमेंट
2022-01-25 17:14:21
"Imaammiyyee suuta
maaloo'n jarjarinaa
Addunyaa gubaa kanatti
gubaan dabalinaa"

Jedheen itti hasaasee
xinnooshee qaana'aa
Seeqa lakkisani
natti as naanna'aa

"Fedhee miti namni
raqa kan ulatu
Fayyaan namni yoomuu
seexanan jaalatu

Sababa kanaani
kanan akkas ta'ee
Keessaa ba'uuf ammoo
gaara natti ga'ee"

Deebii jedhu ture
kanan eege irraa
Faallaa kanaa ta'e
deebin akka carraa

Aayyoon kun bookkisaa
sagal qaqabsiisaa
sagal ammoo dhaamsaa

"Raqni raqarra osoo jiraatuu
raqa hin balfatuu"

#Share
@Haadhawalaloo
8.2K views14:14
ओपन / कमेंट
2022-01-24 11:12:59
Karaa dheeraan deema
galmi koo fagoodha
Kaayyoo jabaan qaba
abjuun koo guddaadha

Gaafa kaayyof baatu
qoreen ni baayyata
Waa alaa waa manaa
hundumtuu qormaata

An garuu kutadhee
jalqabeera deeemsa
Qoreen waraanamaa
dhukkuba koo obsaa

Ilaali ija koo
sodaa takkaan qabu
Humni namaa kamuu
tasayyuu nan dhaabu

Galma koo ga'uudhaf
deemsi itti fufa
Barri baraan darbee
dukkanni ni ifa

kayyoo kiyyaaf jedhee
nan ta'a waan ta'u
Duta sareef jedhee
mormi koo'n naanna'uu
Waca gandee ammoo
gurri koo'n dhaga'uu

#Share
@Haadhawalaloo
6.9K views08:12
ओपन / कमेंट