Get Mystery Box with random crypto!

Galata Waaqayyoo galata rabbii bu'aa ba'ii hedduu darbeen jir | Haadha Walaloo

Galata Waaqayyoo
galata rabbii
bu'aa ba'ii hedduu
darbeen jira darbii

Iyyaafataa dhabnee
hin hafne karaatti
Beelaaf harka laannee
hin sagadu garaatti

Jabaadhee tiradhee
har'a ga'e kunoo
Darbeera kaleessa
barri gaddaa sunoo

Fira kan fakkaatu
dhibba miti kuma
Inni hin jijjiiramne
galatoomi Uumaa

#Share
@Haadhawalaloo