Get Mystery Box with random crypto!

Karaa dheeraan deema galmi koo fagoodha Kaayyoo jabaan qaba ab | Haadha Walaloo

Karaa dheeraan deema
galmi koo fagoodha
Kaayyoo jabaan qaba
abjuun koo guddaadha

Gaafa kaayyof baatu
qoreen ni baayyata
Waa alaa waa manaa
hundumtuu qormaata

An garuu kutadhee
jalqabeera deeemsa
Qoreen waraanamaa
dhukkuba koo obsaa

Ilaali ija koo
sodaa takkaan qabu
Humni namaa kamuu
tasayyuu nan dhaabu

Galma koo ga'uudhaf
deemsi itti fufa
Barri baraan darbee
dukkanni ni ifa

kayyoo kiyyaaf jedhee
nan ta'a waan ta'u
Duta sareef jedhee
mormi koo'n naanna'uu
Waca gandee ammoo
gurri koo'n dhaga'uu

#Share
@Haadhawalaloo