Get Mystery Box with random crypto!

Ishee of taatee ofii isheetin boontu Ishee of beektee Adaa is | Haadha Walaloo

Ishee of taatee
ofii isheetin boontu
Ishee of beektee
Adaa isheen koortu

Ishee barattee
beekkumsaan lammiif geessu
Ishee goota taatee
dinni ishee dheessu

Ishee simboo qabeettii
Aadaaf safuu eegdu
Ishee of kabbajchiistee
namaaf kabaja qabdu

Ishee keessi qulqulluu
shiraaf daba hin beekne
Ishee lammii gantee
mana gumaa hin deemne

Ishee harki warqee
haadha ogummaa hedduu
Ishee faara qabeettii
hundumaan bareeddu

Ishee akka kanaa
kan toltee hundaanuu
Oromiyaa irraa malee
eessayyuun argannuu

#Share
@Haadhawalaloo