Get Mystery Box with random crypto!

Ebisa Bayissa

टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa E
टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa
चैनल का पता: @eebbisaabaayisaa
श्रेणियाँ: साहित्य
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 5.04K

Ratings & Reviews

4.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


नवीनतम संदेश 4

2022-07-18 09:35:09 Channel photo updated
06:35
ओपन / कमेंट
2022-07-16 19:07:48 #Sanyiin_Koo_Maali?
Viishen Laakiy’aanii kitaaba ‘The Buddha and the Badass’ jedhu keessatti waa’ee mataa isaa waan tokko dubbata. Akka armaan gadiittan dhi’eessa.
Ijoollummaa kootti yeroo boqonnaa koo Kaartumittin dabarsan ture. Kaartum magaalaa Sudaan Kaabaa, bakka itti Abbay Adii fi Gurraachi itti walitti dabalaman, magaalaa bareedduudha. Achitti mana akaakayyuu koon boqodha. Karra bakka bashannanaa mooraa isaanii keessa jiru irra muka loomii dulloomaa fi ija danuu hin godhanne tokkotu ture.
Anii fi akaakayyuun koo muka loomii sana jala teenyee cheezii taphanna turre. Akaakaan koo barsiisaa jireenya koo ture; gorsawwan baay’ee barbaachisoo na gorsa.
Gaaf tokko mukicha jala teenyee otoo cheezii taphachaa jirruu, loomii lafa bu’e tokko marga keessaa fuudhee bakka lamatti dhoose. Ija loomichaa tokko keessaa baasee harkatti qabate. Ija loomii sana natti agarsiisaa akkana naan jedhe, “Ilaa yaa ilma ilma koo! Kun ija loomiiti. Muka loomii siif kenna. Muka maangoos ta’e kan burtukaanii siif kennuu hin danda’u. Guddachuuf biyyoo mijataa, bishaan xiqqoo fi ifa aduu isa barbaachisa. Maalis ta’u maal dhuma irratti garuu kan inni siif kennuu danda’u muka loomii qofadha.
“Akkuma argitu mukti kun dulloomaa jira; ni du’as. Akkuma koo jechuudha. Anis dulloomaan jira; gaaf tokko nan du’a. Waan ani jedhu hubachaa jirtaa? Dulloomaa gaafa deemtuu fi guyyaan kee yoo dhi’u gaaffii barbaachisaa tokko of gaafachuu qabda, ‘Sanyiin koo maali?’
“Sanyiin kee kan hortu waan horuu qabdu qofadha. Waan biraa hin hortu. Hin jeeqamiin; hin yaadda’iin; namoonni maal iyyuu yoo siin jedhan sun dhimma kee hin ta’iin. Waca isaanii hin dhaga’iin; miira kee qofa dhaggeeffadhu.
“Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Sanyiin koo maali?’ Kana yoo beekte, deebii isaa argatta.
“Deebii kee qajeelummaa fi gaarummaan barbaadi; barbaadi yoos kaayyoo jireenya kee raawwachuu dandeessaa; ijas ni godhatta!”
Seenaan kun waan tokko akkan xiinxalu na taasise. “Dhuguma iyyuu sanyiin koo maali? Ija maal jedhamun godhadha?” kan jedhu. Ibsa baay’ee itti kennuu hin fedhu. Namni barreeffama kana dubbisu kamuu gaaffii baay’ee barbaachisaa kana akka of gaafatun gaafadha. Eyyee, sanyiin kee maali?
Galgala bareedaa qabaadhaa!
#deemsiittifufa
#ananamabiyyaoromoo
534 views16:07
ओपन / कमेंट
2022-07-16 16:47:09 #Yoo_Waaqayyo_Jedhe!
Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe.
Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele!
Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef.
Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa
turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!"
Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufani!
#deemsiittifufa
424 views13:47
ओपन / कमेंट
2022-07-08 13:30:29 Dilbata iftaanii Lidataa, Kakuu Maammeetti eebbifama. Aadde Yashiimmebeet ijoollee maatii hin qabne walitti qabanii guddisu. Hoolotaa fi Ambootti rakkatoota gargaaruun hojii guddaa hojjetaa jiru. Galiin kitaaba kana irraa argamus guutummaan isaa hojii tola ooltummaa kanaaf oola. Hundi keenya argamnee haa jajjabeessinu. Sa'a 8 tti eegala.
68 views10:30
ओपन / कमेंट
2022-07-08 13:28:28
77 views10:28
ओपन / कमेंट
2022-07-06 16:22:43 Jaallatamoo hordoftoota koo!
Namoonni hedduun bilbiltanii maaliif akka ani Facebook kiyya cufa na gaafataa jirtu. Rakkoo addaa qabaadhee otoo hin taane, hojii koo irratti xiyyeeffachuu waanan barbaadeefani.
660 views13:22
ओपन / कमेंट
2022-06-23 17:22:37
2.0K views14:22
ओपन / कमेंट
2022-06-04 16:20:39 “Na dhageessaa? Anaa fi si’i keessaa tokko aduu bor ganamaa hin qaammannu. Bor yoona kana anaa fi si’i keessaa tokko Oromoodha tokko immoo Oromiyaadha. (Yoo jiraannu Oromoo gaafa duunu Oromiyaa taanahoo!) Nu keessaa inni Oromoon bor laaqana isaa midhaan nyaata, isa Oromiyaa ta’u immoo awwaala isaa irra midhaantu facaafama! Sin dhiisu! Yoon si dhiise nan dhiisin!” jedheen akeekkachiisa kennaa dafqa illee koo irraa xuruuru haqadhe.
Xiqqoo yoo ani qabbanaa’u namichi dubbii eegale. “Aboo akka jabanaa haadha Dirribee asii ol natti hin danfiinii taa’i ni mari’annaa! Mariin malee humnaan rakkoon furru tokko illee hin jiruu!” naan jedhe. “Anaa fi fakkaattota koo warra Facebook irra jirru hunda peestaalii tokko hin taatan erga jettee booda marii maaltu barbaachisa? Marii miti asitti murteessaan humnadha!” jedheen carraa mariif naaf kenname dide.
“Oromoon ati jettu isa kam? Isa mana buna jabanaa jala taa’ee kan jiruu fi hin jirre haasa’aa ooluu? Isa Facebookitti ol ba’ee akka simbira qilxuu gubbaa iyyaa ooluu? Isa ganama diimaa jedhee waaree booda gurraacha jedhuu? Akkanatti amantaa?” naan jedhe. Yaadan naanneffadhe. Nan yaade. Nan xiinxale. Edaa dubbiin dhugaa ta’uu hin oolu. Oromoon lagaan wal hin qoodne, Oromoo hir’uu walii funaanee qilleensaaf wal hin laanne, Oromoon wal jaallatu, Oromoo rakkoo isaa ilaa fi ilaameen furatu…Oromoo dhugaan qilleensa irra otoo hin taane lafa irra jira.
Akkuman yaada naanneffadheen, “Dhiifama obboleesso! Miiratu xiqqoo mataatti na ba’ee! Naannessee aaruu malee naannessee yaaduu dadhabeen si galaafadhee oole ! Maraafuu, buna kee anatu siif kaffala ! » jedheen qarshii abbaa kudhanii gabatee irra kaa’e. Harkan dura ittiin rukkutuuf darbadhe diriirseen nageenyaaf itti hiixadhe. Ija mararteen ilaalee nagaa itti dhaameen ba’e. Gara godoo kootti.
Mana kootti galuuf karaa yoon eegalu yaadonni hedduun sammuu koo guutanii turan. Akka nama uffata dha’uu fo’aa yaadaa yaasee xaxuun eegale. Shaa jedheen bade—yaadaan. Yoon of baru siiqsaan jira. “U’uu..u’uu’uu’uu…u’uu’uu’uu…u’uu’uu’u…” siiqsaan jira. Faarfannaa fi sirba ta’uu isaa hin beeku. Sammuutti deebi’ee maal siiqsaa akkan jiru yoon yaadu, walluu Haacaaluu Hundeessaa kan, “Eessa…eessa jirta? Kottu maaloo na waldhaantaa!” jedhu ture. Sirba sana siiqsuu koof saalfiin natti dhaga’ame. Bor ganama Waldaa akkan deemu yaadadheen of saalfadhe. “Yaa anaa! Jireenyi koos ijaa fi ijoo dhabeera! Akkuma biyya koo!” jedhee ofitti dubbadheen qalbii koo jijjiirrachaa tarkaanfii koo itti fufe. Otoo hin turiinan godoo koo ga’e! Kanatti aansee wanti ani beeku dafqaan cuuphamee fiixee siree koo irra taa’uu koo qofa. Abjuun tokko tokko akkam nama naasisa?
Jedhaa egaa! Nagaan bulaa! Warra nagaan bu’ee aduu borii qaammatu nu haa taasisu!
#namabiyyaoromoo
578 viewsedited  13:20
ओपन / कमेंट
2022-06-04 16:20:38 #Anaa_fi_Buna_Jabanaa
Mana bunaa xiqqoodha. Teessumni irra taa’anii dhugan hin jiru. Lama lamaan, sadi sadiin, afur afuriin, dargaggeessi morma wal qaxxaamursee taa’ee dhuga. Akka kaannisa gaagura keessaa uuu…uuuu….jedhee uursa. Namoota achi jiran keessaa dhibbantaan 90 dargaggoota. Sunuu sa’a hojiitti.
Waa’ee bunaa waa jedheen dhimma kootti deebi’a. Buna hedduu oomishtee gabaa addunyaaf dhi’eessuun Xoobbiyaan addunyaa kana irraa sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Biyyoota buna dhi’eessan hunda keessaa biyya kana wanti adda taasisu hamma oomishte keessaa walakkaa (50 %) ofuma ishee dhugdi! Ishee irraa hafee kan alatti ergamu walakkaa qofadha! Biyyi oomisha ishee walakkaa dhugdee walakkaa qofa alatti ergitu Xoobbiyaa qofan jedhe.
Gaafan mana bunaa xiqqoo sanatti dargaggeessa hamma sana baay’atu argu dhugaa armaan oliin yaadadhe. Daqiiqaa 30 dhaabadhee booda taa’umsa argadheen gad taa’e. Namoota 4 tti dabalameen 5ffaa ta’e. Haala ho’aan na simatan.
“Maal ajajamu?” jette dhuftee mucayyoo qal’oon funyaan gabaabaa tokko. “Aannan naaf fidi! Aannanin barbaadaa!” jedheen deebiseef. “Aannan hin qabnu! Buna qofa!” naan jette. "Isa gaarii yoom qabaattanii beektu?" jedheen hafuura dheeraa baafadhe. "Maaliif buna hin dhugdu?” naan jette. “Dhimma koo anatu beeka. Isa keessa si hin galchu!” jedheen dalga ilaale. Namoota na bira taa’an keessaa tokko, “Dhugaa jette mucayyoon! Maaliif buna hin dhugdu?” naan jedhe. “Obboleesso! Garaacha maaliittan buna dhuga? Garaachi koo bar na gubateera! Dhumeera!” jedheen deebiseef.
“Maaltu fixe garaacha kee?” jedhee na gaafate. “Oromoo! Oromootu fixe! Kunoo laali. Mana bunaa hammas geessu jala meeqa ta’ee taa’ee uursa. Sunuu sa’atii hojiitti. Amma sa’a kana nama meeqatu walitti naanna’ee taa’ee yeroo gubaa jira ? Yeroohoo haa gubuu dhiisi. Meeqatu nama hamata ? Namahoo haa hamatuu dhiisi ? Meeqatu boolla waliif qota? Keessumaa kan Oromoo Feesbuukii irra jiruu dhiisi! Wal nyaachuu qofa!" jedheen itti iyye sagalee guddaan.
“Nama gaafa nuti qabsoo jennee dhagaa qabannee matarayyasiitti fiigaa turre mana isaa karaa keessaa qollofatee (jecha kana Afaan Oromoo isaa naaf barbaadaa) rafee akka marqaa qoqutu har’a mana buna jabanaa jala taa’ee Kolonel Gammachuu Ayyaanaa qeeqa ! Nama 2x+3=5 jettee gatii x barbaadi yoo jette beekee hin hojjennetu hiixatee Jawaar Mohaammadiin ceepha’a. Addunyaa kana irra ardiilee meeqatu jiru jettee yoo gaafatte 54 jedhee nama siif deebisutu Dr Mararaa irratti arraba dheeressa. Kana biraa eessa deemta moo maal goota ? Kana kana argaa akkamitti garaachi si hin gubatu?” jedheen banbane.
“Ofii Oromoon ati garaacha koo fixe jettu kun isa kami? Isa Facebook irraa wacu kanaa?” naan jedhe tokko jara keessaa. “Isa kamiree?” jedheen gaaffii isaa gaaffiin deebise. “Kkkkk…!” jedhee natti kolfe. Sagalee guddaadhaan. Mootiin kolfaa, Maaster Balaachoo Girmaa, buna dhuguu dhufee waan nutti dabalamen se’e. Garuu isa hin turre.
“Maal kolfita, Kabbada?” jedheen gaafadhe. “Ati kan itti aartu hin beektuu? Oromoon Facebook irraa wacaa oolu bar Oromoo isa bal’aa bakka hin bu’u! Oromoo dhugaan Facebook irra miti lafa jira. Dhugaa tokko sitti himuu? Oromoon Facebook irraa iyyaa oolu otoo cuunfamee feestaalii kurtuu ishee gurraattii tokko hin ta’u! Eyyee, Oromoon kan biroodha!” naan jedhe.
Akka calaqqee qaqawweessaa waa natti ife. Balac natti jedhe. Aareen finiine. “Aabbee waan jedhaa jirtu beektaa? Isaan keessaa ani tokkoom!” yoon jedhu, “Siinis ni dabalata!” naan jedhe.
Harka koo mirgaa aboottadhee akka furuursaa Daawwit fuula Kabbadaatti darbachuu koo qofan yaadadha. Funyaan isaa irraa cabsee shiinii Dhibbiseen buna itti buusaa jirtu keessaa isa tokko keessa buusuu ture kaayyoon koo. Garuu maal godha? Kan yaadan marti yoom namaaf guutee beeka? Otoo abootteen koo fuula isaa bira hin ga’iin harki wayii harka koo qabee karaa dhaabe. Yaaliin haleelli ani raawwadhe milkaa’uu dhabus ani garuu abdii hin kutanne. Doorsisuun eegale.
537 viewsedited  13:20
ओपन / कमेंट
2022-06-03 19:22:37

664 views16:22
ओपन / कमेंट