Get Mystery Box with random crypto!

Ebisa Bayissa

टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa E
टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa
चैनल का पता: @eebbisaabaayisaa
श्रेणियाँ: साहित्य
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 5.04K

Ratings & Reviews

4.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


नवीनतम संदेश 3

2022-12-16 17:30:07 Sambata Duraa borii sa’a 7:30 irraa eegallee galaa keenya qabannee Giddu Gala Aadaa Oromootti wal geenyee kitaaba eebbisiisnee lammiilee keenya rakkoo keessa jiran haa gargaarru. Hundi keenya galaa qabna! Ulfaadhaa!
544 views14:30
ओपन / कमेंट
2022-12-16 17:29:05
560 views14:29
ओपन / कमेंट
2022-11-04 21:32:56
655 views18:32
ओपन / कमेंट
2022-10-22 18:34:19 Namoonno keenya Amuru, Jaardagaa Jaartee, Agamsa...irraa buqqa'anii magaalaa Shaambuu qubatanii jiran deggersa atattamaa barbaadu! Waan dandeenyuun haa birmannuuf!
1.3K views15:34
ओपन / कमेंट
2022-10-22 18:33:22
1.3K views15:33
ओपन / कमेंट
2022-09-30 14:18:01 #Irreecha_Nan_Deema!"
(Eebbisaa Baayisaa)
"Irreecha ni deemtaa?"
"Eyyee! Nan deema!"
"Ni irreeffattaa?"
"Lakki! Hin irreeffadhu?"
"Maaliif deemtaree?"
"Achi hiiqee dhaabadhee Oromoo miliyoonaan walitti yaa'e ilaaluufan deema! Bara Minilikii eegalee saba duguuggaan irratti yaalamaa ture kan haala ajaa'ibsiisaan dhumuu oolee jiraate kana ilaaluuf! Saba hammuma ajjeesan dachaan baay'atee lafa dhaalaa deemu kana ilaaluuf! Saba hammuma gad qaban mataa ol qabatu, hammuma jibban dagaagu, hammuma dhiiban bal'atu kana ilaaluufan deema!"
"Maaliif immoo hin irreeffattu?"
"Maaliif?" jechuun gaariidha! Deebiin koo kunooti!
Yeroo irreechi ga'u hunda waggaa waggaan gaaffiin ittiin wal falminu, "Irreechi amantiimoo aadaadha?" kan jedhudha. Jalqaba irratti, aadaa fi amantaan fuula lamaan saantima tokkoo akka ta'an hayyoonni soosholoojii haalaan beeku. Kun amantii qofa, sun immoo aadaa qofa jedhanii daangaa gidduu isaanii kaa'uun ni ulfaata. Gara irreechaatti gaafa deebinu immoo irreechi qaama amantaa waaqeffannaa ta'uun isaa beekamaadha. Maaliif?
1ffaa: Irreechi ayyaana galateeffannaadha. Bacaqii gannaa dabarsee birraa nuuf bariisisuu isaaf waaqa guraacha galateeffanna jedhama.
2ffaa: Galateeffataa fi galateeffatamaan jiraannaan hariiroon jira. Sun amantaadha jechuudha. Eenyutu galateeffata? Uummata amantaa sana hordofu. Eenyu galateeffatama? Waaqa gurraacha!
Sababni ani hin irreeffanneef as jira egaa. Ani Oromoodha; Kiristaanas. Amantaan ani hordofu qajeeltoowwan mataa isaa qaba. Barsiisawwan (doctrines) inni qabu keessaa tokko waa'ee Waaqayyooti. Waaqni ani itti amanu Waaqa tokkicha eenyummaawwan adda addaa sadii qabudha. Waaqa Abbaa, Waaqa Ilmaa fi Waaqa Hafuura Qulqulluudha. As keessatti Waaqa Ilmaa kan jedhame Yesuus Kiristoos yoo ta'u, Gooftaan Yesuus karaa ittiin gara Waaqayyo Abbaa dhaqnu Isa tokkichadha. Yesuus Kiristoos waaqa irraa ergamee, bifa namaa uffatee dhalachuun dhiiga Isaa nuuf dhangalaasee bakka keenya du'uun jireenya nuuf kenne. "Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12)". Kanaafuu, karaan ittiin jireenya bara baraa argannu tokkichi Ilma Waaqayyoo Isa ta'e Yesuus Kiristoositti amanuudhaan qofa akka ta'en amana. Maaliifan amana? Dhugaa isaatu naaf gale.
Amantaa Waaqeffannaa keessatti Waaqni Gurraachi ilma hin qabu. Jireenya bara baraa argachuufis kallattiin kaa'ame hin jiru. Maaliif? Amantaan waaqeffannaa hamma ani beekutti jireenya du'a boodaatti hin amanu. Jiraachuu seexanaa illee hin fudhatu.
Gabaabaamatti, Waaqni gurraachi Waaqayyo Isa ani itti amanu irraa guutummaan guutuutti addadha. Ani immoo akka amantaan hordofuutti galateeffachuu fi waaqessuu kanan qabu Waaqan itti amanu, Isa tokkicha Ilma Isaa Yesuus Kiristoosiin dabarsee naaf kenne, Isa jireenya bara baraa naaf laate, isa du'a keessaa jireenyatti akkasumas dukkana limixii keessaa ifa isa ajaa'ibsiisaatti na ceesise qofadha. Isaan ala kan jiran waaqoliin hunduu waaq olii tolfamoo jedhamu. Akkan hin waaqeffannee fi hin galateeffanne amantaa kootu na dhorka. "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin!" (Bau 20:3). Kanaafuu, uummatan irraa dhaladhee fi baay'ee jaalladhu miliyoonaan walitti qabamee argee gammaduuf nan deema. Achi hiiqee dhaabadheen gammada! Sirna achitti ta'u kamittuu hin hirmaadhu. Lagas hin bu'u. Wantota achitti raawwataman otoo hin taane, sabicha barbaachan deema. Kanuma egaa. Kana qofa!
Otuu haasofnuu, irreecha deemuuf qophooftanii? Haa deemnukaa!
#deemsiittifufa
786 views11:18
ओपन / कमेंट
2022-08-25 22:14:23 Maaliifan akkana du’a koo sodaadha; jireenya koo du’i du’a keen jiraadhaa!
301 views19:14
ओपन / कमेंट
2022-08-25 22:14:23 Ani…
300 views19:14
ओपन / कमेंट
2022-08-25 22:14:23 #Walaloo
300 views19:14
ओपन / कमेंट
2022-07-30 12:58:46 https://vm.tiktok.com/ZMNVM3pMt/?k=1
613 views09:58
ओपन / कमेंट