Get Mystery Box with random crypto!

Ebisa Bayissa

टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa E
टेलीग्राम चैनल का लोगो eebbisaabaayisaa — Ebisa Bayissa
चैनल का पता: @eebbisaabaayisaa
श्रेणियाँ: साहित्य
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 5.04K

Ratings & Reviews

4.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


नवीनतम संदेश 5

2022-06-02 18:15:49 #QOFAA_KEE_KOTTU!
Bara duula Vetnaam. Dargaggeessi yeroo dheeraaf achitti duulee ture gara biyya isaatti gale. Lammii USA ture. Dhufaa akka jiru itti himuuf maatii isaa Firaansiskoo jiraniif xalayaa barreesse. Bara sana miidiyaaleen hawaasaa akka har’aa waan hin turreef, xalayaan filatamaa ture.

“Abbaa koo fi haadha koo akkam jirtu? Dhuma irratti kunoo gara biyya kootti deebi’een jira. Dhimmoota tokko tokko xumuradhee guyyoota muraasa booda manatti nan gala. Haga ijaan wal agarrutti nagaan naaf jiraadhaa!”

Maatiin ilma isaanii lubbuun jiraachuu hubatan guddaa gammadan. Waan abjuu abjootan itti fakkaate. Fedhii guddaan akka isa eegan ibsanii deebisanii xalayaa barreessaniif. Guyyoota muraasa booda ilmi isaanii bilbila bilbileef. Sagalee isaa waan dhaga’aniif maatiin daran gammadan. “Dhufuu illee guyyoota muraasa booda nan dhufa. Garuu rakkoo tokkotu jira…” ittiin jedhe.

“Rakkoo maaliiti, ilma koo?” jedhanii gaafatan haati isaa. “Maal seetan? Adda waraanaa irratti waan hedduu kan waliin dabarsine hiriyyaa tokkon qaba. Dhihoo kana garuu balaa guddaan isa mudate. Harka tokkoo fi miilla isaa tokko fanjiidhaan dhabe. Hiriyyaan koo kun addunyaa kana irraa hiriyyaa, firas ta’e maatii tokko illee hin qabu. Anaa ala namni inn ikan kooti jedhu hin jiru. Ana qofa qaba. Kanaafuu, isa fidee dhufuu yaadaan jira. Maal isinitti fakkaata?”

Abbaa fi haati isaa deebisanii, “Kun illee hin ta’u. Akkamitti ta’a? Namni harkaa fi miilla hin qabne ba’aa guddaa akka nutti ta’u beekamaadha. Hundi keenya immoo jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna. Kun tasuma ta’uu hin danda’u!” jedhanii yaada ilma isaanii morman.

“Maal naaf wayyaree? Hiriyyaan koo bakka itti kufu kan biroo hin qabuu maal godhu? Eenyutti kenneen dhufa?” jedhee kadhate.

“Isa dhiisi. Hiriyyaa koo kan jettu sana dhiisii qofaa kee kottu. Sima barbaanna. Eyyee, qofaa kee nuuf kottu!” jedhanii deebisaniif. Mucaan isaanii abdii kutatee bilbila isaa cufate. Achumaan bade. Gidduu kanan dhufa jedhee kan ture ilmi isaanii achi buuteen isaa dhabame—akka miilla Bakar Waaree.

Abbaa fi haati isaa dhiphina guddaa keessa otoo jiranii bilbilli tokko isaaniif bilbilame. Poolisii irraa ture. Ilma isaanii balaan mudateera. Gara magaalaa ilmi isaanii jira isaaniin jedhetti imalaa otoo jiranii ture, ilmi isaanii gamoo dheeraa irraa of darbatee lubbuun isaa dabarte. Maatiin lapheen isaanii gaddaan miidhame reeffa ilma isaanii fudhachuuf gara waajjira poolisii isaaniif bilbilee deeman. Waan iji isaanii arge garuu amanuu hin dandeenye. Akkuma arganiin kan duraa caalaan gaddaan guutaman. Reeffi ilma isaanii harka tokkoo fi miilla tokko hin qabu!

Edaa hiriyyaa koo jedhaa kan ture ofuma isaan ture. Maatii, “Namni harkaa fi miilla tokko hin qabne nuuf ba’aa guddaadha!” jedhetti galuu irra of ajjeesuu filate.
Seenaa kana irraa waan guddaa baranna. Maal akka barattan “comment” barreessaa!
#ananamabiyyaoromoo
438 views15:15
ओपन / कमेंट
2022-05-31 18:09:44 Hiriyyoota keessaniif naaf qoodaa!
773 views15:09
ओपन / कमेंट
2022-05-31 17:51:35 Link kanaan seenuun subscribe godhaa. Seenessawwan ajaa'ibsiisoo hordofaa
777 views14:51
ओपन / कमेंट
2022-05-31 17:50:57 https://youtube.com/channel/UCMtb3NcCHKUqFUJ__mOGFog
779 views14:50
ओपन / कमेंट
2022-05-31 17:50:52
786 views14:50
ओपन / कमेंट
2022-05-31 17:50:46 https://www.facebook.com/100000690950104/posts/5632360636796912/?flite=scwspnss
785 views14:50
ओपन / कमेंट
2022-05-26 11:24:05 https://www.facebook.com/eebbisaa.baayisaaf
625 views08:24
ओपन / कमेंट
2022-05-17 13:56:01 Wooow
895 views10:56
ओपन / कमेंट
2022-05-17 12:19:14 Walqixxeetti wal agarra!
950 views09:19
ओपन / कमेंट
2022-05-17 12:19:01
950 views09:19
ओपन / कमेंट