Get Mystery Box with random crypto!

#Anaa_fi_Buna_Jabanaa Mana bunaa xiqqoodha. Teessumni irra ta | Ebisa Bayissa

#Anaa_fi_Buna_Jabanaa
Mana bunaa xiqqoodha. Teessumni irra taa’anii dhugan hin jiru. Lama lamaan, sadi sadiin, afur afuriin, dargaggeessi morma wal qaxxaamursee taa’ee dhuga. Akka kaannisa gaagura keessaa uuu…uuuu….jedhee uursa. Namoota achi jiran keessaa dhibbantaan 90 dargaggoota. Sunuu sa’a hojiitti.
Waa’ee bunaa waa jedheen dhimma kootti deebi’a. Buna hedduu oomishtee gabaa addunyaaf dhi’eessuun Xoobbiyaan addunyaa kana irraa sadarkaa 5ffaa irratti argamti. Biyyoota buna dhi’eessan hunda keessaa biyya kana wanti adda taasisu hamma oomishte keessaa walakkaa (50 %) ofuma ishee dhugdi! Ishee irraa hafee kan alatti ergamu walakkaa qofadha! Biyyi oomisha ishee walakkaa dhugdee walakkaa qofa alatti ergitu Xoobbiyaa qofan jedhe.
Gaafan mana bunaa xiqqoo sanatti dargaggeessa hamma sana baay’atu argu dhugaa armaan oliin yaadadhe. Daqiiqaa 30 dhaabadhee booda taa’umsa argadheen gad taa’e. Namoota 4 tti dabalameen 5ffaa ta’e. Haala ho’aan na simatan.
“Maal ajajamu?” jette dhuftee mucayyoo qal’oon funyaan gabaabaa tokko. “Aannan naaf fidi! Aannanin barbaadaa!” jedheen deebiseef. “Aannan hin qabnu! Buna qofa!” naan jette. "Isa gaarii yoom qabaattanii beektu?" jedheen hafuura dheeraa baafadhe. "Maaliif buna hin dhugdu?” naan jette. “Dhimma koo anatu beeka. Isa keessa si hin galchu!” jedheen dalga ilaale. Namoota na bira taa’an keessaa tokko, “Dhugaa jette mucayyoon! Maaliif buna hin dhugdu?” naan jedhe. “Obboleesso! Garaacha maaliittan buna dhuga? Garaachi koo bar na gubateera! Dhumeera!” jedheen deebiseef.
“Maaltu fixe garaacha kee?” jedhee na gaafate. “Oromoo! Oromootu fixe! Kunoo laali. Mana bunaa hammas geessu jala meeqa ta’ee taa’ee uursa. Sunuu sa’atii hojiitti. Amma sa’a kana nama meeqatu walitti naanna’ee taa’ee yeroo gubaa jira ? Yeroohoo haa gubuu dhiisi. Meeqatu nama hamata ? Namahoo haa hamatuu dhiisi ? Meeqatu boolla waliif qota? Keessumaa kan Oromoo Feesbuukii irra jiruu dhiisi! Wal nyaachuu qofa!" jedheen itti iyye sagalee guddaan.
“Nama gaafa nuti qabsoo jennee dhagaa qabannee matarayyasiitti fiigaa turre mana isaa karaa keessaa qollofatee (jecha kana Afaan Oromoo isaa naaf barbaadaa) rafee akka marqaa qoqutu har’a mana buna jabanaa jala taa’ee Kolonel Gammachuu Ayyaanaa qeeqa ! Nama 2x+3=5 jettee gatii x barbaadi yoo jette beekee hin hojjennetu hiixatee Jawaar Mohaammadiin ceepha’a. Addunyaa kana irra ardiilee meeqatu jiru jettee yoo gaafatte 54 jedhee nama siif deebisutu Dr Mararaa irratti arraba dheeressa. Kana biraa eessa deemta moo maal goota ? Kana kana argaa akkamitti garaachi si hin gubatu?” jedheen banbane.
“Ofii Oromoon ati garaacha koo fixe jettu kun isa kami? Isa Facebook irraa wacu kanaa?” naan jedhe tokko jara keessaa. “Isa kamiree?” jedheen gaaffii isaa gaaffiin deebise. “Kkkkk…!” jedhee natti kolfe. Sagalee guddaadhaan. Mootiin kolfaa, Maaster Balaachoo Girmaa, buna dhuguu dhufee waan nutti dabalamen se’e. Garuu isa hin turre.
“Maal kolfita, Kabbada?” jedheen gaafadhe. “Ati kan itti aartu hin beektuu? Oromoon Facebook irraa wacaa oolu bar Oromoo isa bal’aa bakka hin bu’u! Oromoo dhugaan Facebook irra miti lafa jira. Dhugaa tokko sitti himuu? Oromoon Facebook irraa iyyaa oolu otoo cuunfamee feestaalii kurtuu ishee gurraattii tokko hin ta’u! Eyyee, Oromoon kan biroodha!” naan jedhe.
Akka calaqqee qaqawweessaa waa natti ife. Balac natti jedhe. Aareen finiine. “Aabbee waan jedhaa jirtu beektaa? Isaan keessaa ani tokkoom!” yoon jedhu, “Siinis ni dabalata!” naan jedhe.
Harka koo mirgaa aboottadhee akka furuursaa Daawwit fuula Kabbadaatti darbachuu koo qofan yaadadha. Funyaan isaa irraa cabsee shiinii Dhibbiseen buna itti buusaa jirtu keessaa isa tokko keessa buusuu ture kaayyoon koo. Garuu maal godha? Kan yaadan marti yoom namaaf guutee beeka? Otoo abootteen koo fuula isaa bira hin ga’iin harki wayii harka koo qabee karaa dhaabe. Yaaliin haleelli ani raawwadhe milkaa’uu dhabus ani garuu abdii hin kutanne. Doorsisuun eegale.