Get Mystery Box with random crypto!

“Na dhageessaa? Anaa fi si’i keessaa tokko aduu bor ganamaa hi | Ebisa Bayissa

“Na dhageessaa? Anaa fi si’i keessaa tokko aduu bor ganamaa hin qaammannu. Bor yoona kana anaa fi si’i keessaa tokko Oromoodha tokko immoo Oromiyaadha. (Yoo jiraannu Oromoo gaafa duunu Oromiyaa taanahoo!) Nu keessaa inni Oromoon bor laaqana isaa midhaan nyaata, isa Oromiyaa ta’u immoo awwaala isaa irra midhaantu facaafama! Sin dhiisu! Yoon si dhiise nan dhiisin!” jedheen akeekkachiisa kennaa dafqa illee koo irraa xuruuru haqadhe.
Xiqqoo yoo ani qabbanaa’u namichi dubbii eegale. “Aboo akka jabanaa haadha Dirribee asii ol natti hin danfiinii taa’i ni mari’annaa! Mariin malee humnaan rakkoon furru tokko illee hin jiruu!” naan jedhe. “Anaa fi fakkaattota koo warra Facebook irra jirru hunda peestaalii tokko hin taatan erga jettee booda marii maaltu barbaachisa? Marii miti asitti murteessaan humnadha!” jedheen carraa mariif naaf kenname dide.
“Oromoon ati jettu isa kam? Isa mana buna jabanaa jala taa’ee kan jiruu fi hin jirre haasa’aa ooluu? Isa Facebookitti ol ba’ee akka simbira qilxuu gubbaa iyyaa ooluu? Isa ganama diimaa jedhee waaree booda gurraacha jedhuu? Akkanatti amantaa?” naan jedhe. Yaadan naanneffadhe. Nan yaade. Nan xiinxale. Edaa dubbiin dhugaa ta’uu hin oolu. Oromoon lagaan wal hin qoodne, Oromoo hir’uu walii funaanee qilleensaaf wal hin laanne, Oromoon wal jaallatu, Oromoo rakkoo isaa ilaa fi ilaameen furatu…Oromoo dhugaan qilleensa irra otoo hin taane lafa irra jira.
Akkuman yaada naanneffadheen, “Dhiifama obboleesso! Miiratu xiqqoo mataatti na ba’ee! Naannessee aaruu malee naannessee yaaduu dadhabeen si galaafadhee oole ! Maraafuu, buna kee anatu siif kaffala ! » jedheen qarshii abbaa kudhanii gabatee irra kaa’e. Harkan dura ittiin rukkutuuf darbadhe diriirseen nageenyaaf itti hiixadhe. Ija mararteen ilaalee nagaa itti dhaameen ba’e. Gara godoo kootti.
Mana kootti galuuf karaa yoon eegalu yaadonni hedduun sammuu koo guutanii turan. Akka nama uffata dha’uu fo’aa yaadaa yaasee xaxuun eegale. Shaa jedheen bade—yaadaan. Yoon of baru siiqsaan jira. “U’uu..u’uu’uu’uu…u’uu’uu’uu…u’uu’uu’u…” siiqsaan jira. Faarfannaa fi sirba ta’uu isaa hin beeku. Sammuutti deebi’ee maal siiqsaa akkan jiru yoon yaadu, walluu Haacaaluu Hundeessaa kan, “Eessa…eessa jirta? Kottu maaloo na waldhaantaa!” jedhu ture. Sirba sana siiqsuu koof saalfiin natti dhaga’ame. Bor ganama Waldaa akkan deemu yaadadheen of saalfadhe. “Yaa anaa! Jireenyi koos ijaa fi ijoo dhabeera! Akkuma biyya koo!” jedhee ofitti dubbadheen qalbii koo jijjiirrachaa tarkaanfii koo itti fufe. Otoo hin turiinan godoo koo ga’e! Kanatti aansee wanti ani beeku dafqaan cuuphamee fiixee siree koo irra taa’uu koo qofa. Abjuun tokko tokko akkam nama naasisa?
Jedhaa egaa! Nagaan bulaa! Warra nagaan bu’ee aduu borii qaammatu nu haa taasisu!
#namabiyyaoromoo