Get Mystery Box with random crypto!

Dhaamsa Jaalalaa 💝

टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝 D
टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝
चैनल का पता: @orolovechats
श्रेणियाँ: अवर्गीकृत
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 3.74K
चैनल से विवरण

"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada".
👆
Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 2

2022-08-17 22:15:00 Abjuu!
Kutaa 4ffaa.

Baay'ee qaamni koo fi qalbiin koos isaan hatamee waan tureef, miira koo too'achuu hin dandeenye. Qaamoonni koo sammuus dabalatee isaan too'atamaniiru. Akka tasaa akkuma tasaa bar tasa.....

Akkumaan dammaqeen hoospitaalatti of arge.
"Maaltu as na fide? ani maaliin godha asii? eenyuutu dhukkubsate?" Jedhee kutaawwan keessa fiige. Mucattiin Saamii waliin turte natti fiigdee "Tasgabbaa'i sister, homaa hin taane namni dhukkubsatees hin jiru" naan jette:

"Aa'aaa! Sihii tan duratti Saamii waliin turte?" jedheen itti fiige.
"Eeyyeen ana obboleettii koo" naan jette suuta! Ani garuu tuffii koof akkas suuta dubbatti jedheen dhayuuf harka kaase.
Osoon hin rukutin Saamiin harka koo qabee mataa ishee gubbatti na hambise.
Fuula keessa wal ilaalle. "Ati eenyu? maa na beekta turtee? Moo isuma guyyaa 9 moo 10'n dura achitti wal argine sani? Naan jedhe.

Baay'een rifadhe! Mataa na cabe. harka koo harka isaarraa butadheen "Haay sin beeku, dhiifama!" Jedheen hollachaa hammaan dhaabbitti kufu tokkotti.

Baay'een jijjiiramaa dhufe. baay'ee qaamni koos akka duraarraa gad bu'aa dhufeera.
Hammaan camera fi daawwitii (Fuullee) keessatti of ilaaluu jibbu takka gayeera.
Galee oolee bulee dhibeen kiyya dawaa hin arganne. Maal akkaan gochuu qabuutu bitaa natti gale. Uuuufffff yaa rabbi maaliif garuu ani mal si balleesse? Maaliif gurbaa duriyyee (Iyyaala) kanaan na adabuu filatte? Maaliif yoon balleessaa qabaadheyyuu adaba kiyya waan biraa naaf hin gootu? Jedhe! kophaa koo taa'ee halkan walakkaa kutaa hirriiba kiyyaa keessatti, ijaan gara samii ol ilaalee, ija lamaaniin imimmaan lakkuu roobsa akka galoo galaana edenittii.

Abbaan koo na dhageeffachaa waan tureef, balbala banee natti ol seene. "Simalee amma waan hundaa dhagayeera gurbaa san qofa natti himi anaatu gatii isa kaffalaafi Eenyu inni? Eessaa jira? Ooho!" Jedhe sagalee ol kaasee harka isaa walaasa (Waliin dhawa).

"Dad dhiifamaa waliin narraa bayuu dandeettaa? Rafuu heda qaaqa (Sagalee) hin barbaadu" Jedheen. Baay'ee rifate. Akkuma na laaletti hafe fuula keessa "si si simalee" osoma inni jedhuu an ifaa dhaamse. Ofirraa garagalee baye narraa.

Maalan rafa eessaan fida hirriba.
Dachiin bari'ee biiftuun bahuuf diddiimatte. "Ijji keefi biiftuun kun amala tokko qabdan har'a." Naan jette hojjaattuunis. "Hahaha dhugaa moo? Eeyyee! eda hin rafnee? Qo'achaa bultee? moo maaf akkas ijji si diddiimatti? Eeyyee! Qo'achaan bule. Gara fuulduraattis qo'achaan bula" jedheen sagalee ol kaase kolfee.

Ganamni baay'ee bareedaa kana. "Eessaa haa deemnu?" Jedheen hojjattuu manaatin. "Haay ani hojiin qaba ati deemuu dandeessa" naan jette:

Gara lagicha koo qaceele. xaba gaafa duraa itti fufe. Osoma xabadhuu maraattuu tokko muka keenya san jalatti arge. Rifadheen fiige. Naa faana fiiguu eegalte. itti fufa.....

Kutaa 5ffaan hamma walitti deebinutti, Torbaan milkii isiniif haa ta'u.
~~
@orolovechats
1.3K viewsShamil N Mohammed, 19:15
ओपन / कमेंट
2022-08-12 21:36:31 Abju
Kutaa 3ffaa

Rifannee adda utaallee, miiran hatamne waan jirruuf, isa akka jirruu of hin beekne.kitaabni saamis yeroo lammaffaf bishaanitti kufeera, lachu sababa kooti. Bay'ee rifadhee gaddee. Ofirraa garagale fiige, oso Ofirraa hin ilaalin mana gaye. Abbaan koo baay'ee na jaalata ture, anis nan jaaladha. yeroo hundaa yeroo baruumsas ta'ee eessayyu deeme galu inni kara dura iddoo ta'ee taa'aa, dhungadhe Innis na dhungate bira ol tara. Garuu har'aa isayyuu hin argine. akkuma galeen oso maqas hin waamin bira ol tare. Baay'ee waan rifadhee jiruuf, homa natti hin mul'atan garuu abbaan koo iddoma isa taa'ee jira. Akkuma ani gad taa'een dhufe. Mal simalee koo, har'aa oso nan dhungatin maaf dabarfattee? Nan jedhe. Aa!aa! Abba koo isin hi!hi!hi!hin argine bar! Jedheen. Maali maal taate har'aa? Essaa dhuftas? fuulli kees sirrii mitim. Nan jedhe, sagale ol kaase. Anis iddoo taa'urraa ol ka'een, uuufff abbaa isin maalif nan dhiiftan natti hin dubbatina, hin gaya! Sagale ol fuudhe san daran itti iyyee. Aaayi! Jedhee abbaan koo, ofirraa gad taa'ee. Anis nan taa'ee. Abbaan gara gama mirgaattii ilaale kopha haasayu eegale. Hintallii tiyya jaalalan qabamte mo? Ihim Ahmed bade. Akkamitti? Kun ta'uu hin qabu. Jedhe kopha ofi of gaafatu fi deebis ofiif laachu itti fufee. Anis waa'e gurbicha hattuu onnee san yaadu eegaleera. Hojjattuun mana laaqana qopheessite waan jirtuuf ka'aa harka dhiqadha! jettee. Ani garuu haalonnii hundi natti jijjiramaniiru.waan isiin jette gurraa qofaan dhagaye. Abbaan koo harka dhiqate dhufe, harka ofitirraa ana yaadan hatame biishan natti fixiree na rifachiisee.ka'ii dhiqadhu! Nan jedhe. Ma! Ma! Maal jedheen. Ani yeroon laaqana ta'uuf dhiisu isaayyuu hin barree. Dhiqadhe deebi'ee gad taa'ee laaqannis dhufeera. ani Akkuma gad taa'een, yaada male nyaata dhiisera. Abbaan koos ija kessaa na ilaale, simu ko maaluma si tuqee? nan jedhe miira dadhabbiitin. Abbaa nagaya kooti garuu nyaachu barbaadu dhiifama! Jedheen gara gola kiyyaati gale . Abbaan koo dhufe ofittii na qabe na gaafatuuf yaalus, mal akka ta'ee itti hin himne.

Osoma yaadu torbaan tokko lakkoofsisee .haalonnii hundis natti dukkana'eera. ganama hunda nan deema isa hin argu.

Gaafa guyyaa 9ffaa lagicha dhaqe taa'e kitaaba isas barbaade dhabe. Achuma ture. abdi muradheen kopha koo haasaya. Naannoo sa'aati afuri iddoon isa waalin tetteenye ilaalen ta'iiwwaan sana yaadan suufe qalbi koo booharsa.
Aduunis gad hammaate, anis ijaa koon imimmaan roobsa waan ta'ee sana yaada seeqa.
Booda auzubillah jedhee nama maalumma isa hin beekne kanaaf akkas godhadha jedhe luka kiyyaa bishaan keessaa sassaabadhe rifeensa kiyyaa hidhadhe kophee kiyyaa diradhee gara mana qaceele.
Garuu osoma laga san keessaa hin bahin daqiiqa 10 erga deeme Sami fi mucattii takka gaaddisa jala, ishee miila diriirfattee teessee inni mata isaatin luka gara jilba oli irraa ciise kolfaani hashaqani xabatu. Sa! Saa! Saaa!! Saaa!saaaaaaaaamiiii. Jedhee kufee........

kutaa 4ffaan ittii fufaa...
~~
@orolovechats
1.6K viewsShamil N Mohammed, 18:36
ओपन / कमेंट
2022-08-11 21:26:08 Gorsa jaalala kan mataa kootitti

Nama tokko dhugaan osoo jaalattuu yoo dhabde miidhamaan si osoo hin taane isa otuu ati jaalattuu si dhiisee deemedha; sababni isaas Inni Nama dhugaan isa jaalatu tokko dhabe, Ati garuu nama sin jaalanne tokko dhabde; yeroof onneen kee miidhamtus moo'ichi kankeeti kanaafuu jabaadhu of hin miidhiin!

Halkan bareedduu qabaadhaa

@Ruhiikoo
Maxxansa kiyyaaf gochuu hin dagatiinaa hamilee keenyaaf!
#halkan_Gaarii !!!

// \\ // \\
@Qaroojaalala
#share
#join
1.3K viewsRuhiiko , 18:26
ओपन / कमेंट
2022-08-09 21:33:31 Akkuma rafeen argee.
Kutaa 2ffaa

Gaaficha itti fufee!
Hojiin kee maali?
Barataadha.
Jechuun hoji hin qabdu jechuudha?
Ahaha barnoonnii hoji miti moo? Haay! Hojiidha. Garuuu hojiis yoo qabaatte gaaridha jedhe waan yaadef male. Ok.....nan jedhe hafura isa adda cite. Ati hojii ni qabdaa? Lakkii hin qabu barattuudha, Jedheen anis. Woow gaaridha tole nan jedhee.

Samii ati maal jaalattaa? jireenya kee kessaatti, simale ani kitaaba dubbisu bay'ee jaaladha. Kitaaba akkami dubbifta? Ka barraahe hundaa, jedhee naa ilaale seeqe kaarruu qaba garan bittiin na jedhe ofirraa gara galeen deeme, naa faanas hin ilaalle kitaaba dubbisuttii deebi'ee. Qalbiin na deemu diddee kophee koo ofirraa baasen biishan keessatti darbee, bishaan kophee kiyyaa fuudhe deeme. Anis akka inni na dhagayayuuf sagale ol kaase iyyaa kophee koo jala fiige,
Na argee na faana fiige kophe koo biishaan kessa fuudhe naaf laate.

Saami! guddaa galatoomi! Jedheen. Rakkina hin qabu simale, Ati mee addunya kanarraa mal jaalattaa? Nan jedhe.
Music:
Mee Music tokko naaf sirbi sagale keetin!
Anis baratadha
Bar ati barattuu
Barattooni gara
Walitti jabaattuu.
Innis na faana jedhe booda waw bay'ee gaaridha simale! Maalif sirba hin baafne ati? Sagale bareeda qabda. Hawwiin kiyyaa akkasi, garuu maati kiyyaan hogganama ani, jechuun maati kiyyaatu musiqaa hin jaalata,Jedheen. Tole!Maalif hin teenyu, nan jedhe. tole jedheen. Nu lachuu qophe baafannee dhaka tokkora tetteenye bishaan kessaa.

Ija kessaa wal ilaallee, miira kessa gallee, hafaanin hin dubbanu suuta suutaan Walitti siqa jirraa ija kessaa kallattii wal hin ilaallu ani hidhi isa Innis hidhi koo ilaala afaan keenya lamaan wal bira gayuuf 5cm qofa nu giddu jira. Kitaabni Sami harka bishaanitti bu'ee. hirriba kessaa dammaqee
Ara dammaqa isinis

ittii fufaa...

Simale Asellati
~~
@orolovechats
1.6K viewsShamil N Mohammed, 18:33
ओपन / कमेंट
2022-08-05 23:20:53 #na
Abjuu...!

Guyyaa tokko ganama akkuma hirriba ka'een cire nyaadhe gara laga tokkoo tti qajeele.Laga kana yeroo deemu sababa tokkoo hin qabu ture. Achi gaye, laga bareeda mukkeen gosa gara gara magariisa uffate jiru tokkoodha.
Bishaan qulqulluu sagale gad qabatee yaa'u tokkos of kessaa qaba. Bay'ee miira nama hata.

Anis uumama kana aja'ibsiifachuttii seene yaadan fagaadhe mukkeen kana tokko tokkoon fooli isaani fi bifa isaani adda baafachuttii seene. Giddumaan immoo bishaan kana kessaa seene ol facaase qoba koo of faana xabadha. Bishaanichuma faana kolfee fiffiige miiran hatamee essaa akka jiru of dagadhe xaba itti fufe. Yeroo tokko immo biishaan gara samiitti ol faacase faana laale muka tokko gubbattii kitaaba ta'ee argee.

Suuta jedheen deeme fuudhe, Muka san jala teessoo tokkotu jira.Irraa ta'een dubbisuttii seene. Namni wahii dhufe na gubbaa dhaabate kitaaba naa faana dubbisuu itti fufe. Anis rifadhee of gubbattii ol ilaalee mucaa Baay'ee bareeda haalli dhaabi isa qalbi nama hatu wahidha. Rifadheen utaalee jalaa ka'ee kitaabni na harka bishaan kessaa bu'e.

Innis miira aaritin kitaabicha gad jedhe ol fudhate. Natti hin dubbannee anis itti hin dubbannee daqiqaawwan 30maf kitaaba goggoysu itti fufe. Ergaa kitaabichi gogee ani akkas jedheen:
Dhiifama kitaabni keeti?
"Hahaha kitaabni kanuma abba dubbiseeti!" nan jedhe
Jechuun situ as fide?
"Eeyyee!"
Tole Dhiifama!
"Rakkina hin qabu tasgabaa'i!: nan jedhe.

Teessoo ofi irra ta'ee sagale ol kaase dubbisu itti fufe, Anis bilbiila tiqqoo takka waan harka qabuuf sirba abush zallaqa sagale ol kaase dhageefadhe.
Dhiifama obboleettii sagale gad qabi dhageefadhu, nan jedhe. Atis sagale qabi dubbisi jedheen.
Fuula kessaa na laale tole! nan jedhe.
Gad qabe dubbisuttii seene.
Anis sirbicha cufeen ta'ee isa ilaalu itti fufee.

Maltu as si fide? Jedheeni booda rifadhee dhiifama! Jedheen.
Wanti as na fide uumama bareeda kana bishaanifi bosonniis baay'ee miidhagu kitabichiis wa'ee uumama jireenya dubbata, kaanaf yeroo bay'ee iddoo miidhaagafi namni itti hin argamne barbaade dhaqe achitti dubbisa" nan jedhe. Dhugaa bay'ee namatti toltu hundumtii keessanu waalif jiraadha! jedheen. Ati naaf jiraadhu! nan jedhe.
Itti siqeen muka tokkoo itti argiisise bay'ee bareeda jedheen. Innis eeyyee bay'ee bareeda akkuma sihiti, nan jedhe.

Wal haa barruu?
Eeyyee!
Simale jedhama!
Sami jedhama!
Wal barnoota gaari!
Tole Wal barnoota gaari!
Booda hirriba ka'ee
kutaa itti aanu edana rafe arga
.
.
.
Simale Aselati.
Akkuma isheen barreessitetti kan dhoobamedha.
~~
@orolovechats
1.8K viewsShamil N Mohammed, 20:20
ओपन / कमेंट
2022-08-04 21:02:36
Erga odeessa kee
Gurri koo dhaga'ee
Suga dubbii keetti
Onneen kiyya na'ee
~
Ija kee goobanee
Addeessa fakkaatu
Simboo keessa goree
Qalbii namaa nyaatu
~
Erga siif na haalee
Yaadni an ajaje
Seeqa ilkaan keetiin
Adoodee fajajee
~
Surraa ejjennaa kee
Duuba wal ari'ee
Erga anummaaan koo
Siin faana qaari'ee...!
~
Erga guyyaa sana
Qalbiin gargar baanee
Kunoo hanga har'aa
Siis,ofiis hin taane !!

#²ffaa

Caalii Ax Aagaa ti (Maraaticha)
~~
@orolovechats
1.5K viewsShamil N Mohammed, 18:02
ओपन / कमेंट
2022-08-02 21:22:08 Rakkoo guddoo ummanni Oromoo keessa jiru akka itti ibsannu dhabne .

Koottaa banaa dhaggeeffadhaa!





@sammuukeef
1.4K viewsShamil N Mohammed, 18:22
ओपन / कमेंट
2022-07-31 23:53:04 Nama wahii tokkootu Jaarsa tokkotti dhufee harka intala isaa gaafachuuf, (Harka gaafachuu jechuun fuudhaaf dhaqachuu jechuudha): "Abbaa khunoo waan isheef maarii tahu nan qaba, manaa fi konkolaataas nan qaba... Yooniif akkan intala tee fuudhuuf naaf hayyamtee naa khennite, ani akka Mootittiin ishee khaddama(kunuunsa)" je'een.

Abbaan ni je'een: "Maahriin ati kafaltu kan isheen feetu tokkittii qofa! Saniif ammoo an gaafii takkan si gaafadha, yooniif naaf deebifte an miyyoo tiyya siifin kenna... Ani akka intala tiyyaaf qabeenya, mana yookaan ulfina guddaa kennituuf sin gaafadhu; ani gaafii tiyyaaf deebisaa sirrii akka naaf kennitun fedha!" je'een.

Gurbaan kun gammadee haala jaarsaa fudhate. Abbaan kun kallattii qax je'ee ija gurbaa kheessa laalee gaafate: "yeroo kamitti gatiin haadha manaa kee gad buuti" je'ee gaafate. Mucaan fuulli isaa jijjiiramee, yaaduu eegale. Erga xiqqo turee booda: "akkan yaadutti, yoo maatii ishee dhagahuu didde, moo hogga jaarsaaf ajajamuu didde? Dhugumatti abbaayyee an hin beeku!" je'een.

Abbaan kun seeqee "Ilma khiyya" je'ee: "ani guddina jireenya kheetirraa yookaan qabeenya horii kheetirraa haajaa takka hin qabu! Intalti tiyya qaaliidha, isheen Hijaaba isheetii fii qulqullina isheetii wajji anatti Mootittiidhaa oli, kanaafuu nama akkasitti naaf kunuunsun fedha! Eenyulleenuu ishii gammachiisuu hin dandahu, nama Uumaa isaa, Safuu isaa fi badii isaa sodaatuu caalaa. Dhiirsa ykn Jaarsa qajeelaa akka ishiin gara Rabbii ishii dhihaattu godhuun gammachuu daangaa hin qabne ishee gammachiisu qofaatu ishee argata" je'een.

Nama kharaa gaarii irratti si qajeelchu, badii ati ofirratti hin agarre, hamtuu sitti gaarii fakkaatu namni irraa si tiiysu yoomuu siif nama Rabbiitti si dhiheessudha. Nama san jabeeffadhu.

Akka warra khararraa maqee suuraa tee, qullaa tee, if waraabdee.... ad hin dhiisin.

Mee yaadi "ati hiriyaa kee gaaritti ajajjee jirtaa"

(Dubartii gaariin dhiira gaariif, dhiirti gaariinis dubartii gaariidhaaf) Qur'aana.

Shamil Nasir Mohammed
~~
@orolovechats
1.8K viewsShamil N Mohammed, 20:53
ओपन / कमेंट
2022-07-31 21:49:36 Hiree

Hireen nama onnee dhugaatiin wal jaalatullee addaan baafti. Onneen dhugaan wal jaalatte, tan yoon guyyaa tokko wal arguu dhabde, laalattee laalaa isheetiin ijji imimmaan roobsitu. Fayyinni onnee sanii onnee akka isii san argatuudha.

Jaalalti dhugaa yoo hireen adda nama fageessitellee hin dhumtu. Bultii feete kheessa jiraattu nama jalqaba onneen tee itti amante san wanni takkalleen siif hin caaltu. Jaalalaafii hireen gaafa wal argatan gammachuun jaalalleewwanii taate.

Rabbi hiree jaalalaan wal argattu isiniif haa godhu .
@samii_koo
~~
@orolovechats
1.5K viewsShamil N Mohammed, 18:49
ओपन / कमेंट
2022-06-19 16:59:40
Akkam jirtan jaalatamtoota khoo.
Khitaabni khoo khan jechootaan mi'aayee dhiyaate, #SITU_JAARE jedhu torban khana dubbiftoota harka ni gaha. Khitaaba khana yoo dubbiftu waan kheessa khee akka itti hooqqattu gaafa dubbifte agarta.

Khitaaba khana shoora ol'aanaa warri kheessa qabu akka dhuunfatti isinin galatoomfadha. Sabni ammoo galata jabaa isiniif qaba. KheessattuShumi Abera Gemechuuu galatoomiin sin ibsu. Ogeessa harkaa fi gorsaa sammuuti ati.

Warri khitaaba khana of harka galfachuu barbaaddan:

Finfinne : Awel Abdela fi Magee Firaa
Adaamaa: Herosan Nuure
Galamso: Caalaa Habroo
Harargee Bahaa : Ana biraa ni argattu.
Bookhee fi Machaaraa torbaan booda isinin beeysisa.
~~
@Sammuukeef
220 viewsShamil N Mohammed, 13:59
ओपन / कमेंट