Get Mystery Box with random crypto!

Dhaamsa Jaalalaa 💝

टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝 D
टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝
चैनल का पता: @orolovechats
श्रेणियाँ: अवर्गीकृत
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 3.74K
चैनल से विवरण

"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada".
👆
Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश

2022-08-28 23:39:27 Hojjattuu manaa bira dhaqeen hojii eegaan xiqqo gargaare booda qarshii 20k naa liqeessi, siif kaffalaa gaaf rabbi jedhee gaafadhe. Natti kofaltee "Isa amma hojjatte kanaaf mindaan siif haa kaffalamuu?" nan jette. Haay liqaa siin jedheem an. Tole! Hin qabu anuu naan jennaan biraa qajeele.
Halkanaa'eera anis ka'een kutaa hirriiba kiyyaatti gale.

"Kan yaanni isaa narra maru
Dadhabe garaan sirraa sabru
Si dhabee jireenyi koon jiru
Si faanan dhufa anin turu
Aha si faanan dhufaa anin turu"

Jechuudhaan ergaan sirbe booda rafe. Akkumaan hirriibaa ka'een yaanni tokko naaf dhufe. Computer barumsaaf abbaan koo naaf bite yaadadhee isa gurgurachuu akkaan qabu murteesse. Computer kiyya fuudhee akkumaan gad ba'een, itti fufa..

Kabajamtoota fi hordoftoota keenya kutaa 8ffaan hamma walitti deebinutti nagaan turaa.
Torbaan milkii isiniif hawwa!
~~
@orolovechats
425 viewsShamil N Mohammed, 20:39
ओपन / कमेंट
2022-08-28 23:39:06 ABJUU!
KUTAA 7ffaa.

Sossodaachaatumaan maraataa sana bira gad taa'e. Akkumaan gad taa'een haasawa gara afgaafiitti seenne. 'Brother ani sin beeku, ati eenyu? Eenyuudha ati? Maaliif na hordofta? Maal narraa barbaadda? Eenyu ati?' Jedheen bakkaan taa'uu ol ka'ee sagalee ol kaasee itti iyye. Yeroo kana inniniis "Hahaha Hahaha Aayiiiii" Jechaa lafaa ol ka'ee narra naanna'aa kolfuu itti fufe. Natti utaalee morma koo qabee na hudhe. "Eeyyee! Ani maraataadha. Ani maraataadha. Ani maaraaaataadhaaaa" Jedhe sagalee ol kaasee. Ijji isaa ija tiyyatti garmalee dhiiyaatte.

Anis onnee bokoksee, miira aarii keessa galee ija humna guddaan guutamteen ija isa keessa ilaalee gad na furi (Na gad lakkisi) jedheen. Tole jedhee gad na furee booya gad taa'e. Anis baay'ee rifadhee bira gad taa'e.
Brother natti qabamtee (Natti aarte) moo? Dhiifama! Akka ati aartu hin barbaadu jedheen. Innis tole! Rakkoo hin qabu naan jedhe. Deebiseen waan tokko si gaafadhuu? Jedheen. Eeyyee! Itti fufuu dandeessa jechuun naaf hayyame. Aniis yaada koon ibsachuu eegale, 'Saamiin karaa bishaaniitiin biyyarraa baqateera, aniis deemuun barbaada, waan kanarraatti nama na deeggaru hin qabu, si qofaan qaba. kanaafin sibira dhufe" Jedheen. Ijaan gama ilaalaa "Abadan hin ta'u. Eeyyee inni deeemera ati garuu hin deemtu. Maaliif yoo jatte ati durba karaa biishaaniitin deemuun aarsaa guddaa nama kafalchiisa. Kanaafuu asumatti eegaa barumsa kee barachuu qabda" naan jedhe.

Osoma nuti waliin teenyee haasofnuu dachii bahee, samii bu'ee hin beeku abbaan kiyya nutti dhufe. Eessaa akka dhufe mooji, tarii yaaduma karaa deema ta'a. Tasa na argee rifate. "Si sii Simalee!" jedhe. Gadi taa'ee lafarra jilbaan akka daa'imaatti deemaa nubira gahe. Aniis baay'ee rifadheen dudduubatti jalaa adeeme. Akkas jedhe! "Simale doctora tiyya sima moo ija tiyya? Anaa hirriiba kessaa jiraa laata? Maali wanti ta'aa jiru kun? ihi ihi ihi" jedhee imimmaan lakkuu roobsaa suutuma lafarra natti dhufe. Maraatichi lafa ol utaalee isa qabee "Tasgabbaa'i anis namuma akka keetiitii bar" jedheen.
Abbaanis ija keessa ilaalee harkaan isa dhayuuf ol kaase. Yeroo tanaan dafee utaalee harka irraa qabe. Abbaan kiyyaas yeroo takka na ilaalee harka gad deeffatee na dhiisee gara manaatti qajeele.

Anis duubaan dhaqqabuuf yommuun ka'u, Maraattichi harkaan na qabee hin deemin dursa waan dhufteef xumuri nan jedhee na tasgabbeesse. Anis tole!
Ani deemee saami arkuun qaba, ykn jiraachuuf hin taa'u na gargaari haala na mijeessi jedheen. Deeggarsa biraa sirraa hin barbaadu haala itti deeman qofa naaf himi jedheen.

Innis xiqqo itti yaadee "Simale! Eega deemu malee jettee karaa seeraatin jechuun xiyyaaraan haala siif mijeessaa ni dheeyxa" nan jedhe, maraatichi keessi isaa fayyaa kun.

Ni danda'amaa? Eeyyee! yoo qarshii qabaatte waanti hin danda'amne hin jiru nan jedhe. Anis waan qarshii hin qabneef xiqqo rifadhee dhaabbadheen yaadee, Tole haa ta'u haala naa mijeessi jedheenii biraa qajeele.
Yeroo ani galu abbaan kiyya ni ciisa, dhaqeen bira taa'e.

Abbaa jedhee morma isaa jala seenee dhungadhe. Ofitti na qabu dhiisee narra a garagale. Abbaa maraatichi inni.. uss afaan kee qabi, jedhee iddoo ciisuu ol utaale. "Ihim doctor! Doctora naaf taatee? maraticha sanirratti yaala gaggeessaa turtee? Doctora sammuu yaalu naaf taatee haa? Hahaha simaleen tiyya cimtuudha. Maraatticha waggaa meeqaaf karaarratti gale fayyiftee manatti deebisuu heddi. Hahaha Aaayiii!" Jedhe.

Waan tokkoyyuu isin gaafachuu hin barbaadu. Qarshii naaf kennaa! Qarshii ka maalii? Ihi! qorichaan bituufii heddaa?" Amma boqonnaa san keessaa bahaa qarshiin ana baay'ee na barbaachiseeraa naaf kennitan moo naaf hin kennitan? Yoon kennu baadhe akkam ta'uuf? Homaa garuu naa kennuu qabdan malee! Meeqa barbaadda? Hamma barbaaduus waan hin bariniif calliseetuma 20k jedheen eeega xiqqo itti yaade booda, Hahaha 20kn maraataa fayyifnaan maraattoota Ethiopia hunda si biratti haa wal'aannatan kaa! Uuuufffff! abbaa na hin kennitan taanaan natti hin qaaqinaa, jedhee aaree biraa bahe.
358 viewsShamil N Mohammed, 20:39
ओपन / कमेंट
2022-08-28 23:38:31 Abjuu!
Kutaa 6ffaa.

Akka tasaa guyyaa tokko mana nyaataa (Hoteela) tokko seenee akkuman gad taa'ee of maddii ilaaleen Intala yeroo dabre Saamii waliin turte sana arge. Ka'eetin fiigee bira dhaqee "Obboleettii akkam jirta?" jedheen. "Ihi akkaan jiru na hin argitu moo?" Naan jatte. Waanin si beeku natti fakkaattee turte dhiifama yoon dogoggore jadheenin irraa of qabee dhaabbadhe. Ishiinis deebitee "Tole rakkoo hin qabu, haa ta'uutii ati eessattii na beekta?" Jattee na gaafatte. Ati obboleettii Saamiitii miti moo? Jedheen! "hin dogoggorre garuu kan akkas ta'uu beektu maalif akkas lafaan of quute (Of tumte) gaafas?" Naan jette.

Lakki obboleettii koo! dhugaa akkasitti hin hubanne, Saami waan baay'ee jaaladhuuf miira koo too'achuu dadhabe maalee,
ergaan dhagaye immoo baay'een rifadhee ture yeroon jedhuun "Dhugaa moo?" nan jettee hidhii mimicciirte. Amma Saamin eessa jira? Jedheen deebisee gaafadhe, gochaawwaan isii kana hunda obsee. "Kana booda saami argachuu hin dandeessu, abdii kutadhu. Saamin sin madaalu, sababa keetti ji'a 5 mana hidhaa ture. Sababa badii tokko malee abbaan kee himata sobaa irratti baneen. Waaqaaf haa galatu inniis amma baheeti jira, garuu karaa baqaa kuteera, jechuun baharaan gara Sa'udi Arabia mark mark" yeroo ishiin jettu rifadheen, markabaan moo? Jedheen. Ishiinis "Us mee hin fakkeessinii, waan hunda sirritti beekta kan saamin sababa keetii hidhame ati guyyaa tokko dhuftee mana hidhattis hin dubbifne, inni garuu baay'ee waa'ee kee dhiphachaa ture, amma garuu hunduu nagaya argateera." naan jette sagalee ol kaaftee natti iyyite.

Baay'een rifadhee iddoo dhaqu dhabe. Gurraa qabadheen ofirra gad taa'e. Baay''ee miira koo na jeeqe. Ani hidhamuu Saamii malee maalif akka hidhameefi eenyu akka hiisise hin barre. Ji'oottan darban kana dirqamaan of dagachiisuf yaalaa ture malee second takkaafis keessa kiyyaa hin banne. Wanti anaaf haaraya ta'ee sirritti na rifachiise karaa biyya baqaa deemuu isaatii fi kara abba kootin mana hidhaa seenuu isaati.

Deebiseen akkas ofiin jedhe 'Simale tasgabbaa'i, wantoottan kitaaba saami sana keessatti dubbifte dhageefadhu, odeeffannoo saami dhibbaan dhibbatti ni argatta!
haay Ani odeeffannoo maalin godha niin gabaasa moo?
odeeffannoo isaa osoo hin taane isa akkamitti argadha? Hahaha niin argadha, namicha maraattuu sana barbaaduun qaba, waan tokko hin dagatin Simale" ofiin jedhe. Yeroo galtees maatii keetitti hin jijjiiramin tasgabbaa'i. jedhee of gorsee of dhageeffadheen achii deemee manatti galee gara dalagaatti seene.

Ganama akkuma lafti bari'een gara lagicha isa baratameetti qaceele.
Nama tokko kan taa'u fageenyatti argee itti dhiiyaadhe. Namuma ani barbaadaa ture sanaadha. Yeroon ani soodachaa dudduubbee isaatin itti dhiyaadhu "Simale akkam jirta? Eessatti badde?"
Nan jedhe. Osuma ofirraa na hin ilaalin. Anis na ajaa'ibsiise, akkamitti na argite? Atu ofirraa na hin ilaallee jedheen. "Hahaha ani akka ati dhuftu waan beekuuf as taa'ee yeroo ati manaa kaatu si arge" naan jedhee natti qoose. Haalli maraatticha kanaas baay'ee na ajaa'ibsiisaa dhufe. 'Taa'ii simale! Naan jedhe. Aniis tole jedheen sossodaachaatuma bira gad taa'e, itti fufa...

Hordoftoota keenya kabajamo, hamma kutaa 7ffaan walitti deebinutti nagayaan nuuf turaa. Torbaan milki isiniif haa ta'u.
~~
@orolovechats
383 viewsShamil N Mohammed, 20:38
ओपन / कमेंट
2022-08-28 23:19:26 Jaalaltti uumama nama jaalaltii hin qabne hin jiru. Kan wal jallateef gammachuudha. Kan hinaafuuf dhukkubbiidha. Kan ta'ee isaan dawwatuuf Ykn walittii isaan laaluu Destv dha. Jechoota jaalala, gorsa fi barumsaa jaalala argachuuf channel Telegram kenyaa #join godhaa.
419 views𝚙𝚊𝚜𝚜𝚙𝚘𝚛𝚝 𝚊𝚐𝚎𝚗𝚌𝚢....R𝔲𝔥𝔦𝔦𝔨𝔬, 20:19
ओपन / कमेंट
2022-08-27 22:50:50
Jaalala
.
.@Samii_koo
~~
orolovechats
610 viewsShamil N Mohammed, 19:50
ओपन / कमेंट
2022-08-23 22:02:54 Siin jaaladha. Dhiiraatu qaalahee dubartii rakise jachuuf odoo hin tahin, dhiiraatu dhabame dubartii baayyate jachuuf odoo hin tahin, jaalalatu oofee balbala kee na fide Habiibii.

Siin jaaladha jachuun ati qaalii tahuuf ani rakisa tahuu kan ibsuu miti, ati nama hunda caalaa anaan filatamuu Kee ibsa. Siin jaaladha siin bara cahuuf odoo hin tahin sii waliin baraaf barii, mucucaaf rakkoo mara harka wal qabadhee cahuudhaaf
2.2K viewsShamil N Mohammed, 19:02
ओपन / कमेंट
2022-08-23 21:35:04
Callisaa fii fageenyakee
Gaafa gaafa of dhabakee
Nan hubadha..
Fedhii kankee hubamuu
Humnaan na saamamuu

Tarii..
Ofin gaafataa deema
Haala kee isa ammaa

Maaluma taate
Maa fagaattee?

Ni hidhan moo
Ni miidham moo?

Jedheen yaadee
Kophaa bahee nama keessaa
Mee akkamittiin
Ishee fidee fitti dhiheessaa?

Edaa...
Ati addunyaan tee
Kan jiraattu ana keessaa
San yaadadheen
Bara guutuu of jabeessaa!

Nagayaan bulaa!
Shamil Nasir Mohammed
~~
@dhwalaloo
909 viewsShamil N Mohammed, 18:35
ओपन / कमेंट
2022-08-21 21:24:58 Abjuu!
Kutaa 5ffaa.

Maraatichi najala fiiguu itti fufe, erga daqiiqaa 5 na ari'ee booda iddoma gaaf dura kufe sanitti na dhaqqabee harkaan na qabe. "Maaliif najalaa fiiyda? Ani namaa mitii? Tarii maraataan sitti fakkaadhee?" Naan jedhe.
Kolfee oliif gadi deemee harka waliin dhawa. Ani immoo yaa rabbi qormaata Saamii san kanattii naaf jijjiirte moo? Ofiin jechuun eegale keessa kiyyatti.

Natti as deebi'ee maraatichi akkas naan jedhee "Simale Ahmed jedhamta. Kan ati dhalatte bara (1993 ALH)tti Hahaha aaayiii Simee! Iddoo kana ni yaadattaa? hahaha ta'iiwwan asirratti turan ni beektaa? Hahaha ani garuu hii ani garuu maraataa miti si maraattuun!" Jedhee narra naanna'a. "Kitaaba kana hoo beektaa?" Jedhe Kitaaba Saamii san narratti darbatee qaceele.
'Heey takka na eegi' jedheen jala fige! na dhiisee fiiguu itti fufe. Aniis hammaan danda'u jala fiigee dadhabeen jalaa hafe. Kitaaba banee akkumaan jedheen xalayaa tokko keessatti argadhe.
Akkas jedha xalayichi "Eeyyee! Ani maraataadha nama hundaatu na beeka! akkaan ani maraattuu ta'e. Garuu si waliin namni maraatee namni hin beekiniif kan fayyaa se'an hedduutu jira. Simalee! Ani jalqabarraa eegalee si hordofaan ture, ammaas yeroo ati xalayaa kana dubbiftuyyuu si hordofaan jira. Hahaha wantoottan maraattuu si godhan keessaa muraasa siif himuu? Kunooti
1, Atii fi Saamiin erga wal bartanii osoo hin turin kiss!
2, Osoo isa hin baratin nama akkamii akka inni ta'e atiin bareedduun sun guyyoottan muraasa keessatti jijjiiramte.
3, Osoo hin hubatin kara irratti kufte! tan inni waliin ture sun obboleettii isaati.
Maraattuun ana moo sihi ree?" Kitaaba immoo anaatu Saamii jalaa hate. Saamiin ammaaf hidhameera. Jechuun mana amala sirreessaa jira. Please Simale gama keetti deebi'ii maatii kee waliin nagayaan jiraadhu!
Aniis wanti har'a ala na galchaa jiru kun waan ati har'a ta'aa jirtu kanaa beeki. Ati rakkoo kiyya kanaaf hin saaxilamin hadaraa! Waan Saamiin irra gaye si hubachiisa."

Akkumaan xalayaa dubbisee xumureen yoo Xiqqaate sa'aa tokkoof akkasumattiin taa'ee hafe.
Of ilaale. Gama kootti deebi'uu akkaan qabuus of amansiisee gara manaa qaceele. Akkumaan mana gaayen abba koo fuula ifaan dubbise. hojjattuu manaas waalin dubbii eegale. Hojii manaa keessaas ishii waliin akkaan hojjadhu itti hime. Mana barumsaas yeroon deemu eegale. Qo'achuufi haaloota fokkisaa sana keessaa bahee sammuu kiyya bilisoomsee akkaan baradhuus ofitti hime. Abbaa kootiniis akkas jedheen! "Abbaa koo! Ati maal akkaan ani siif ta'u feeta? Gosa barumsaa keessaa waan tokko irratti xiyyeefadheen baruumsa koo itti fufaa."
"Tole simale koo! Doctor akka naaf taatuun barbaada.
#Ana 'Tole dad!'

Ji'oottaan 7 ergaa gammachuun maatii faana dabarsine booda guyyaa tokko mana nyaataa tokko keessatti akkumaan of cinaa milladhetti mucattii (Intala) Saamii faana jirtu, turte sana arge! Itti fufa...

Hordoftoota koo hamma kutaa 6ffaan walitti deebinutti nagayaan naaf turaa torbaan milkii isiniif haa ta'u. Yaada keessaniis naaf qooduu hin dagatinaa. Galatoomaa!

Simalee Asellati
~~
@orolovechats
1.1K viewsShamil N Mohammed, 18:24
ओपन / कमेंट
2022-08-19 23:04:40 Seenittii

Haati manaa koo ana cinaa rafaa jirti. Animmoo feesbuuka seeneetin nootifikaashin achirra jiru laale, dubartii takkaatu jira add na goote. Anis nin deebiseef, erga hiriyoomnee booda akkanan jedhee keessaan barreesseef "wal ni beeynaa?". Isheenis "an akka ati fuute dhagaheetin jira, garuu an hanga ammaa suman jaaladha" naan jette .

Isheen hiriyaa too tan dur turte. Hoggan laalu suurarratti akka malee bareeddi. Haasaa jidduun dhaabeetin haadha manaatoo laale, isheen dadhabbii hojii guyyaatirraa kan ka'e hirriiba addaa keessa ana cinaa rafaa jirti.

Yeroo ishee laalu wahiitu na dura dhufe , akkamitti isheen mana itti guddatte malee mana haaraatti ana wajji akkatti das jettee rafti kan ju'u. Isheen maatii isheerraa fagoo jirti, bakka dur sa'aa 24 maatiin marfamtee dabarsitu. Kan hogga aarte ykn gaddite haati ishee isii bira jirtu ifittu qabdu. Obboleewwaan isii qoosaadhaafii taphaan ishee kofalchiisan. Kan abbaan ishee hogga dhufu waan isheen feetu hunda fiduuf, kunoo isheen ana amantee san hunda narratti obsitee ana cinaa akkatti rafti.

Wantoonni kun hundi sammuutti na dhufe, anis silkii too nan cufe, nama san "Block" godheetin, haadha manaatoo tana hammadhee ishee moggaa ciise.
Ani dhiira, nama guddaadha joollee miti. An isheef amanamaa tahuutu narra jira, kanuma tahasi. An yoomillee nama haadha manaa isaarraan ija hin qaarsine tahuun fedha, kan maatii adda hin diiyne san...

Shamil N Mohammed
~~
@orolovechats
1.2K viewsShamil N Mohammed, 20:04
ओपन / कमेंट
2022-08-18 22:12:18 Dhufumoo ni dhuftaa

Jaalala kee ibsuuf
Jechatu na hanqata
Bilbilaan haasa'uuf
Arraba koo hiita,
Maal godhee sii himu
Gar kamiin salphata
Atillee sanuma
Dubbii afaan keerraa
Ifatti mul'ata
Maali kana hunda
Maaf yaadan gubatta
Dhufumoo ni dhufta
Mee kamiin filatta
Cabaa onnee kootiis
Gaafas naa suphita
Ara galfii taate
Na qabbaneessita
Onnee kootti seentee
Dhiiga koos raabsita @orolovechats
1.2K viewsR𝔲𝔥𝔦𝔦𝔨𝔬, edited  19:12
ओपन / कमेंट