Get Mystery Box with random crypto!

Dhaamsa Jaalalaa 💝

टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝 D
टेलीग्राम चैनल का लोगो orolovechats — Dhaamsa Jaalalaa 💝
चैनल का पता: @orolovechats
श्रेणियाँ: अवर्गीकृत
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 3.74K
चैनल से विवरण

"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada".
👆
Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 5

2022-03-02 21:39:16 Dubartii akkanaa moo
▬▬▬▬▬▬▬
1. Osoo Online fayyadamtuu 'Hi!' siin jedhe!
2. Deebii osoo hin deebisiniif profile isaa ilaalte!
3. Uffanni isaas ta'ee, dhaabbiin isaa ni miidhaga.
4. Irra deebi'ee Hi! jedhe.
5. Amma garuu gammachuun deebifteefi.
6. Yaada waljijjiiruun jalqabdan.
7. Qaaman walarguuf beellamni qabame.
8. Uffata gaarii uffattee, urgooftuu dibattee qophooftee dhaqxe!
9. Bakka bashannanaa gaariitti si fudhatee qajeele.
10. Yeroo gaarii dabarsuu jalqabdan!
11. Harka kee jaalalaan qaqqabe. Qoosadhaan si kofalchiise!
12. Ija kee ija jaalalaatiin ilaalee gammachuu si soora.
13. Wal beekumsa cimaa qabaachuun sitti dhaga'ame.
14. Karaa manaa isaa akka deemuu qabdan sitti hime, waliif galte!
15. Gammachuun akka sitti dhaga'amu godhe!
16. Jaalalaan hidhii kee dhungachuu jalqabe!
17. Sirrii akka hin taane osoo beeytuu gammachuun sitti dhaga'ame.
18. Kabajaan gara sireetti si fudhate!
19. Mormuuf humna dhabde!
20. Wanti biraa haa hafu, karaa ittisaa fayyadamuuf yaada dhiheessite.
21. Humna fedhiitiin waan guutamteef sitti dhaga'amuu hin dandeenye.
22. Ni Jaalatte, gammachuus argatte.
23. Qabbaneessituu keessaa bishaan qorraa siif fidee ofiisaatii si obaase.
24. Kabajni siif kennu baay'ee si booji'e.
25. Akka carra qabeettiiitti of lakkoofte.
26. Dhiira barbaaddu akka argatteetti sitti dhaga'ame.
27. Uffata kee uffatte!
28. Gara manaatti hammatee si gaggeesse!
29. Boqoo kee dhungatee yeroo gaarii akka dabarsitan sitti hime.
30. Adeemsaaf maallaqa harka keessa si kaa'e.
31. Fuula ifaadhaan "boru walhaa arginu bareedaakoo" jetteen!
32. Inni garuu deebii siif hin kennine!
33. Gammachuun akkuma fuulli kee ifetti deemtee mana geesse.
34. Gammachuun akkuma mana geesseen #message ergiteefi.
35. Online ta'us deebii siif hin deebifne.
36. Bitaa sitti galee irra deebiin barreessiteefi!
37. Ammas deebiin hin jiru.
38. Daqiiqaa booda yoo ilaaltu Toora online hunda irratti #block taatee jirta.
39. Block akka taate sitti beekame!
40. Guyyaa, torban, jiini darbe!
41. Miidhamni sitti dhaga'amuu jalqabe. Dadhabbiin, hir'inni ulfaatinaa...
42. Gara hospitaalaa deemuun qorannoo taasifte.
43. Turtii booda ogeettiin fayyaa bu'aa qorannoo qabattee dhufte.
44. HIV +ve fi ulfa akka taate sitti himte!
45. Akkamitti???
46. Dhugaa waliin morkatte!
47. Dhiphinni si moo'e! Sodaan si liqimse!
48. Fedhiin abdii dhabummaa sitti dhaga'ame!
49. Duuti akka sitti dhihaate sitti dhaga'ame.
50. Haalonni duubatti deebi'amee osoo sirreeffamee hawwite!
51. Garuu maal gatii qabaree, sitti orra'eeraa!
52. Gara Rabbitti iyyitee kadhannaa(istigfaara) goote.
⁃ Dubara akkanaa hin ta'in!
⁃ Fedhiin hin gaggeeffamin!
⁃ Qabeenyaan nama hin madaalin!
⁃ Ilmoon tee ta dubraa akka siif ta'uu hawwitu atis akkas ta'i!

Rabbumti Hunda Keenyaaf Obsaa fi Qalbii Haa Kennu.
.
.
. @samii_koo
~~
@orolovechats
2.9K viewsShamil N Mohammed, 18:39
ओपन / कमेंट
2022-02-28 20:56:58 Yaa ishee na dagachiisuuf
Si gorsanii dadhaban
Yaa ishee narraa fagessuf
Waa hunda sidura qaban.

Mi'aa addunyaa tana
Siin sossobuuf anarraa
Akka ati na irraanfattuuf
Si baasanis manarraa

Yaa tan kophaa ishee
Diddee ana filatte
Yaa tan jireenya isheetif
Gurree koo malee jette

Kunoo an siif kenneera
Harka koo rabbirratti
Du'as walumaan duuna
Jiraannus walirratti

Na godhadhu kunoo
Gabricha kee lafarraa
Lubbuufi qaama kiyya
Hunda siif kenneeraa
.
.
. Shamil N Mohammed
~~
@orolovechats
2.3K viewsShamil N Mohammed, 17:56
ओपन / कमेंट
2022-02-16 22:07:53 Duuba.

Ani nama ana hin jaalannen dhabe, ati garuu nama akkaan si jaalatu dhabde. Kanaafuu yoo si tahe malee ani nama nan jaalanne dhabuu kootti hin gaddu!
.
.
. @orolovechats
3.1K viewsShamil N Mohammed, 19:07
ओपन / कमेंट
2022-02-12 22:17:35 Akka ati na jaalattu gaafa ati "sin jaaladhu" jettun bare .

Siifan Biraanuuti!
~~
@orolovechats
3.2K viewsShamil N Mohammed, 19:17
ओपन / कमेंट
2022-02-12 22:16:03 Kolfi kee hundaa moo'a
To'atee hunda qaamaa
Akka dhagaa bu'uuraa
Qabatee wiirtuu qomaa

Ati naaf badhaasa
Badhaasa rabbiitii
Onneen too siwajjiin
Ana tasgabbooytii

Anaaf soorri kiyyaa
Dhugaan jaalala teetii
Yoon si arkee
Onnèen too sabattii

Mil'uun tee nat'taatee
Amma'faa amalaa
Narraan turin kennaa
Fagaattee halaalaa

Ganama yoon banadhu
Ija kiyya dursaa
Fuula kee ilaaluun
Ana gammachiisaa

Ganama oolmaa gaarii
Galgala akkam oolteen
Yommuu ati nagaa nagaafattuu
Cireedhaaf laaqanaa
Galgalammoo irbaata
Nyaatte lubbuu yoo naan jettuu

Jiruun koo naaf qajeelee
Qaamni koo tottolanii
Guyyaan koo na bohaarsaa
Erga siin wal baranii

Na dhuunfattee hundakoo
Jechaaf gocha tolfattee
Sesseeqaafi gammachuun
Keessa koo kiyyoomfattee

Dirraaf keessa kan koorratti
Biilchiina kee dhaabbattee
Hidda dhiigaa koo keessa
Caasaa kee fageeffattee

To'attee jirta hunduma
Muudamtee onnee irrattii
Eenyulleenuu sin jigsu
Situ motora kootii

Garuummoo yaa giiftiikoo
Giiftii koo ishee lixaa
Muudamni jaalala kee
Kunoo kophaa na xuuxaa

Ilaa kanaafuu giiftii
Giiftii mootii jaalalaa
Qabsiistee narran oofin
Abidda kee dhamalaa

Lafa nagayaa jiraadhaa ummanni dubbise
~~
@dhwalaloo
@orolovechats
3.1K viewsShamil N Mohammed, 19:16
ओपन / कमेंट
2022-01-18 21:56:24
.
Adduunyaa ani hin jaallanne kessa namoota an jaalladhu hedduutu jira, adduunyaa natti hin tolle keessa namoota natti tolaan hedduutu jira. Jiraachuukoo akkan jaalladhu kan na godhan, yeroo dadhanbiikoo jajjabina kan anaaf ta'an, yeroon kufuuf jedheeti kan na deeggaran, namoota gaari hedduutu jiru.
Ati isaan kessa tokkodha bayyeen si jalladha.
.
.
.
@orolovechats
3.9K viewsShamil N Mohammed, 18:56
ओपन / कमेंट
2022-01-16 21:14:29 Nuti tokko taanee

Ergaa wal jallannee
Waggota lakkofne
Hamaaf gaari hundaa
Waliin dabarsiinee
Waadaa gurguddasas
Nutii walii gallee
Jennee duddubannee
Yoomu akka Addan hin baane
Garuu....
Garuu ati suuta suuta
Yaadakee jijjirtee
Amala gaariikes
Natti geddaratte
Utuun sii abdadhuu
Narraa faffagatte
Ofitti si qabnaan
Ofirra naa dhibde

Mee waa sii gaffuu
Anaaf hin deebistaa?
Ana Sobuu dhiftee
Dhugaasa natti himta?

Erga akkas ta'ee
Siin gafadha gaffii
Garuu nan barbaada
Gaffii kootif deebi

Mee maal sin jedhaan
Wa'eeko warrii oduu guuru
Warrii nu bittimsuuf
Asiif achi jooru
Akkamittin tasa
Yaadakee jijjirte?
Enyuutu si gorsee
Enyuudhaf bitaamte?
Moo akkasumattin
Yaadakee gedderte
Wantaa waliin jenne
Akkamin dagattee?
Kana turee waadaan
Inni nuuti jenne
Xiqqoshee yaadadhu
Wanta duddubanne
An simalee hin fedhuu
Yoomuu nama biraa
Takkalee hin feedhu
Sirratti kan biraa
Wajjinin jiranna
Amma lubbuun jirtu
Waaqni ishee haa muru
Kan nuu giddu gaaltu

Takkalee hin dhageenyu
Haasa waarra ormaa
Nuti si'achii tokko
Takkaa hin taanu lama
Jennee isa duddubanne
Haasaa kenyaa Sanaa
Waadaa waliin gallee
Yeroo gammachuu kenyaa
Garuu....
Garuu maalifi
Maaltu sii muudate
Moo maaltu jira
Waan natti muufatte


Ballesaan ballessee
Mee maalfa dhagesse
Sin jalladhe malee
Malaan sit ballesse

Yaadiko akkas hin turre
Dhugaasan sitti hima
Akkas naa goota jedhee
Hin yaanne tasuuma

Jalala kenyaa ho'isuuf
Utuun olii gadii fiiguu
At garuu karoorsiite
Waadaa keenya diiguu

Ammas sin dagannee
An yomiyyuu takkaa
Midhamakoo hundaas
Waaqayyootu arga
Yaadadhu adaraa
Wanta Dabarsiinee
Midhamniikoo hundaas
Maaf siti hin argamne

Qorraa aduu hin jenne
Jalala Kee baadhee
Sin si olfachuuf jechaa
Nama hundaan wal jibbe
Yaadaa sammuukooti
Midhamaa onneekoo
Dhipachuuf cinqama
Midhama qaamakoo

Naaf deebi'i adaraa
Waliin duddubanna
Wanta dogoggorees
Waliin mari'annaa
Iddoo daba kenyaa
Wal qajeelchinee
Kottu ni jiranna
Nuti tokko taane
.
.
.
~~
@orolovechats
3.7K viewsShamil N Mohammed, 18:14
ओपन / कमेंट
2022-01-09 19:51:01 Dhaamsa jaalalaa!

Yeroo tokko tokko wanti miidhamaaf aarsaa guddaa itti kafaltee garuu kan yeroo hedduu itti gammaddee jiraattu yoo jiraate miidhama jaalalaati.

Jaalalli dhugaan nama ati jaallattu sanaan hagamuu yoo jibbamtellee yeroo hedduu gammachuu siif kenna. Ati miira itti boqottu tokko keessa keetii qabda. Onnee Qulqulluun ati qabdu sun kennaa hunda caaltu ta’u ishee beektaa garuu?

Waan tokkommoo hin dagatin! Hagamuu jaalladhu, jaallachuu kee malee jaallatamuu kee waan hin beekneef gaaf tokko akka hin jaallatamne siif gala. Yeroo kanatti waan hedduutu sammuu keef guutummaa jireenya kee jeeqa.

Of jibbita. Miira achi keessa jiru hunda baasee dubbachuun narra hin jiru. Dhugaa kana marri keenyayyuu waan beeknuuf! Onneen waan ajajatte dhabde tun guutummaatti dalagaa ishee dhaabdi. Waan fedhii ishee sana malee homaa simachuuf baay'ee rakkatti.

Ija ishee...yaada ishee...fedhiif hawwii ishee hundumaa raawwattee irraa deebiti. Abbaan fedhe ishee hawwee, barbaadee...karaa isheerra imalee of kennee argachuu hin danda'u. Wanti nuti jala murree beekuu qabnu...Dhugaan onneerra jirti.

Gaafa dhugaa ishee dhabdu ni kottoonfatti. Lamuu deebitee of hin kennitu. Of qofa dhaggeeffatti. Hunda irraa dhimma dhabdi. Karaa mataa ishee...yaada mataa ishee...karooraaf ejjennoo mataa ishee qofa hordofti. Atis inni gattee dhugaa ishee nyaatte, atis inni barfattee dhugaan ishee argachuu feetu tasuma akka arguu hin dandeenyetti of golgiti.

Miidhama darbes mi'aa jaalalatiin aguugdee mudaa isaa dhoksiti. Qananii dhufu isa darbeen madaalti.

Dhugaa si harka jirtu hin kenniin Kaniinan barbaadde hin argattuu.

Nagaan bula!

Barento M Mohammedidha.
~~
@orolovechats
3.6K viewsShamil N Mohammed, 16:51
ओपन / कमेंट
2022-01-03 22:31:03 Ilmi dhiiraa Dubartii sana osoo hin taane haalota ishee marsanii jiran kan isheen keessa jiraattu sana jaalata!

Kun waan 'Dubartii Dhugaa' tan jedhamtu tan baayyee bareedduu, tan baayyee hawwattuu, fi tan hawaasa keessatti ol'aantummaa qabduu sanaa miti nu jechisiisudha. Dubartiin dhugaa tan dhiiraaf sammuu ishee, qaama ishee, bareedina ishee fi milkaahina ishee kennitu osoo hin taane, haalota hunda keessatti dhiirsa isheetiif haala isaaf mijatu uumteefii tan jiraattudha.

Dubartiin iddoo mijataa dhiirsa isheetiif uumtu yeroo hunda dhiirsa ishee biratti jaalatamtudha. Haalli mijataan isheen isaaf uumte kun kan dhiirsi ishee itti bohaaruufi itti ishee mararsiifatudha. Miira kana keessatti Dhiirri kamuu Dubartii akkasiitiif akka Maagneetiitti atti fiiga.

Haalli hawwataan akkasitti naannoo ishee marse kun maagneetii jaalalaa ta'ee namootas gara isheetti harkisa!.


.Mee bareedinaa fi qabeenya caalaa amala nama hunda hammatuun jaalala to'achuu yaalaan dhaamsa dubartootaaf ani dhaamudha
~~
Galatoomaa
~~
@orolovechats
3.6K viewsShamil N Mohammed, 19:31
ओपन / कमेंट
2022-01-02 17:02:12
IJA BANAA
~~
Dhagessanii jirtuu?
Kitaabni xiinsammuu kan gahumsa dhunfaa (personal development) guddisu akkasumaas gorsaa fi ergaa addaa dabarsu, kan mata dureen isaa #IJA_BANAA ja'u barataa muummee meedisinii waggaa 5ffaa kan tahe, barreeysaa #Ilyaas_Abdallaa_Mahammadiin barreeyfame ummata bira gahuudhaaf guyyaa lakkaawwachaa jira. Kitaabni kun hogbarruu
Oromoo, kan yeroo ammaa bifa dinqisiisaan dagaagaa jiru daran cimsa.

Kana malees iccitiiwwan jireenya dhala namaa utuban if keeysatti hammatee jira. Namni dhunfaas tahe hawaasni jireenya gammachuu fi milkiin guuttame jiraachuuf wantoota utubaa tahan ibsan. Nutiis kitaabni
kun yeroo muraasa booda akka isin bira gayu abdii qabna. Isiniis kitaabakana dubbisuuf of qopheessaa isiniin jenna.
~~
@Sammuukeef
3.2K viewsShamil N Mohammed, 14:02
ओपन / कमेंट