Get Mystery Box with random crypto!

#na Abjuu...! Guyyaa tokko ganama akkuma hirriba ka'een cire | Dhaamsa Jaalalaa 💝

#na
Abjuu...!

Guyyaa tokko ganama akkuma hirriba ka'een cire nyaadhe gara laga tokkoo tti qajeele.Laga kana yeroo deemu sababa tokkoo hin qabu ture. Achi gaye, laga bareeda mukkeen gosa gara gara magariisa uffate jiru tokkoodha.
Bishaan qulqulluu sagale gad qabatee yaa'u tokkos of kessaa qaba. Bay'ee miira nama hata.

Anis uumama kana aja'ibsiifachuttii seene yaadan fagaadhe mukkeen kana tokko tokkoon fooli isaani fi bifa isaani adda baafachuttii seene. Giddumaan immoo bishaan kana kessaa seene ol facaase qoba koo of faana xabadha. Bishaanichuma faana kolfee fiffiige miiran hatamee essaa akka jiru of dagadhe xaba itti fufe. Yeroo tokko immo biishaan gara samiitti ol faacase faana laale muka tokko gubbattii kitaaba ta'ee argee.

Suuta jedheen deeme fuudhe, Muka san jala teessoo tokkotu jira.Irraa ta'een dubbisuttii seene. Namni wahii dhufe na gubbaa dhaabate kitaaba naa faana dubbisuu itti fufe. Anis rifadhee of gubbattii ol ilaalee mucaa Baay'ee bareeda haalli dhaabi isa qalbi nama hatu wahidha. Rifadheen utaalee jalaa ka'ee kitaabni na harka bishaan kessaa bu'e.

Innis miira aaritin kitaabicha gad jedhe ol fudhate. Natti hin dubbannee anis itti hin dubbannee daqiqaawwan 30maf kitaaba goggoysu itti fufe. Ergaa kitaabichi gogee ani akkas jedheen:
Dhiifama kitaabni keeti?
"Hahaha kitaabni kanuma abba dubbiseeti!" nan jedhe
Jechuun situ as fide?
"Eeyyee!"
Tole Dhiifama!
"Rakkina hin qabu tasgabaa'i!: nan jedhe.

Teessoo ofi irra ta'ee sagale ol kaase dubbisu itti fufe, Anis bilbiila tiqqoo takka waan harka qabuuf sirba abush zallaqa sagale ol kaase dhageefadhe.
Dhiifama obboleettii sagale gad qabi dhageefadhu, nan jedhe. Atis sagale qabi dubbisi jedheen.
Fuula kessaa na laale tole! nan jedhe.
Gad qabe dubbisuttii seene.
Anis sirbicha cufeen ta'ee isa ilaalu itti fufee.

Maltu as si fide? Jedheeni booda rifadhee dhiifama! Jedheen.
Wanti as na fide uumama bareeda kana bishaanifi bosonniis baay'ee miidhagu kitabichiis wa'ee uumama jireenya dubbata, kaanaf yeroo bay'ee iddoo miidhaagafi namni itti hin argamne barbaade dhaqe achitti dubbisa" nan jedhe. Dhugaa bay'ee namatti toltu hundumtii keessanu waalif jiraadha! jedheen. Ati naaf jiraadhu! nan jedhe.
Itti siqeen muka tokkoo itti argiisise bay'ee bareeda jedheen. Innis eeyyee bay'ee bareeda akkuma sihiti, nan jedhe.

Wal haa barruu?
Eeyyee!
Simale jedhama!
Sami jedhama!
Wal barnoota gaari!
Tole Wal barnoota gaari!
Booda hirriba ka'ee
kutaa itti aanu edana rafe arga
.
.
.
Simale Aselati.
Akkuma isheen barreessitetti kan dhoobamedha.
~~
@orolovechats