Get Mystery Box with random crypto!

187: Meeshaa dhiigaan qoraasametti Aanan dhuguun ni tahaa? Ga | Fataawaa NuuralHudaa

187: Meeshaa dhiigaan qoraasametti Aanan dhuguun ni tahaa?

Gaafii: Aadaa biyya keenyaa kutaa Arsiitti meeshaa aanan itti elmatan kana yeroo aannaniif qopheessan akka aanan hin jigisine dhiiga dibaanii sani booda ni qoraasani, akka dhiigni sun qodaa sani irratti qabaatee gogee akka aanan hin jigsineef akkas godhanii. Meeshaa akkasii sani aanan itti dhuguun hin ta’u jedhanii hukmiin isaa maalii?
 
Deebisaa: Aadaan duri hojjataa dhufte wallaalummaan waan jalqabameef jecha ka dur dabre dabree jira. Ammaan tana wanni akkanaa biyyi itti godhamu yoo jiraate ulamaan silaafuu ganda maraa qubattee itti himanii irraa ooluun barbaachisaa jennee jirra. Wanni dabre akkuma dabre sanitti jiraa ka ammoo booda godhachuuf akka aadaatti waan sani baratee jiru irraa haa ooluu irraa haa gabaabbatu. Dhiigni dhoowwadha nyaachuu keessatti taanaan, isa dhuguu keessatti taanaan wama takkatti naqanii fayyadamuun dhoowwadha shari’aa keessatti.

Sheikh Alii Jimmaa