Get Mystery Box with random crypto!

186: Salaata duhaatiif salaata Asrii sunnaan isaa akkami?   De | Fataawaa NuuralHudaa

186: Salaata duhaatiif salaata Asrii sunnaan isaa akkami?
 
Deebisaa: Salaatni duhaa raka’a lamarraa jalqabaa. Rasuulli Rabbii ﷺ raka’aa lamaan jalqabee gaafa duraa raka’aa afurillee salaatee jiraa, raka’aa saddeetillee salaatee jiraa, raka’aa kudha lamallee salaatee jira. Salaata duhaa jechuun salaata waaree jechu.

Ganama sa’aa tokkoof nuusa irraa jalqabee hanga saa’aan jaha gahutti salaanni waaree ni jira. Irraa caalaan isaa ganaam sahaa afur shanitti kanaaf salaata duhaa jedhama, waaree ka salaatamu sunnaadha. Rabbiin nama san salaatee kheeyrii guddaa ni kennaaf garuu dirqamaa miti nama mara irratti. Salaanni Asrii duratti sunnaa raka’a afur qabdi. Rasuulli Rabbii du’aa’ii godhaniif Rabbi Rahmata haa godhuuf nama asrii dura raka’aa afur eeggatee jedhan.
 
Sheikh Alii Jimmaa