Get Mystery Box with random crypto!

188: Jannata keessatti dhiirri hural'eeynii qabaa dubartiin ho | Fataawaa NuuralHudaa

188: Jannata keessatti dhiirri hural'eeynii qabaa dubartiin hoo huural'eenyii ni qabdii?

Deebisaa: Dubartii Rabbi sodaattee iimaan qabdu ta Rabbiif jecha uf qabdee jannata argatte huuraleeynii dhiiraa ni argattii jechuu baaneeti. Ee ni argatti huuraleeynii dhiiraa. Akkuma dhiirri dubartii huuraleeynii argatu sanitti dubartiinillee huuraleeynii dhiiraa argatti. Huuraleeyniin dubartiin argattu akka lama. Tokko abbaa manaa saaliha, abbaa manaa gaarii dhiirsa gaarii qabdu.

Rabbiin huuraleeynuma jannataa tana godhee fidaaf isuma kana jechu keeyrii irratti yoo waliin du’anii keeyrii irratti yoo waliin jiraatan. Yoo isiin dubra taate ka hin heerumin taate. Dhiira jannataa shabaaba jannataa isii heerumsiisa isatti. Kanaafuu huuraleeyniin dhiiraatis huuraleeyniin dhalaatis ni jiran jannata keessa. Akka kennuttuu Rabbi ni kenna
 
Sheikh Alii Jimmaa