Get Mystery Box with random crypto!

#Qubeelaa_irratti Mootiin biyya tokkoo gorsaa isaa waamee qube | Ebisa Bayissa

#Qubeelaa_irratti
Mootiin biyya tokkoo gorsaa isaa waamee qubeelaa isaa itti kenne. "Qubeelaa kana irratti barreeffama naaf barreessita. Barreeffamni kun yeroo ani gaddu kan na gammachiisu, yeroo ani gammadu immoo kan na gaddisiisu ta'uu qaba!" jedhee abboome.
Gorsaan isaas ni barreesseef. Maal kan jedhu? "Yeroon kun ni darba!"
Sirriidha! Yeroon kamuu ni darba. Kaleessi akkuma darbe har'is inuma durba. Boris dhufeema darba. Yeroon beelaa akkuma darbu yeroon quufaas ni darba. Hattuu qabeenya biyyaa saamtee fooricaa yaatuu irraa akkuma darbu, hiyyeessa jireenyi itti dukkanaa'eefis ni darba. Warra alkoolii liitirii tokko birrii miliyoonaan lakkaa'amuun dhugee machaa'ee iyyaa galu irraa akkuma darbu, warra rakkoo hamaa keessa galanii waan afaanitti dibatan dhabaniifis ni darba. Warra abbaa yeroo jedhaman irraa akka darbu, warra barri miiteefis ni darba! Eyyee, gaariis ta'u gadhee yeroon hin dabarre hin jiru!
Kitaaba walaloo koo, "Itti Hin Himiinaa" jedhe keessaa walaloo gabaabduun isin afeera:

#Ati_inni_sun
As buutee achi hin bu'iin nan duroome jettee,
Adda nuuf haa ba'uu eessaa akka hammaarratte!

#Ati_inni_kun_immoo
Boossee nun boossisiin nan rakkadhe jettee
Kan dhihe in bari'aa hin bari'u seetee!

Via: Ebisa Bayisa

Join godhaa


@OGUMMAA_A_U
@OGUMMAA_A_U