Get Mystery Box with random crypto!

#Sadan_keessaa_isa_kam_siif_wayya? Barattuu kutaa 12ffaati. Ij | NGO Health related and other vacancies

#Sadan_keessaa_isa_kam_siif_wayya?
Barattuu kutaa 12ffaati. Ijoollummaa isheetti harmeen ishee abbaa isheetti ,ishee dhiistee jalaa godaante. Abbaa isheetu akka Aayyoo fi Aabboo ta'ee ishee guddise. Ijoollee haadha qaban caala yoo jiraatte malee hanqattee hin beektu. Abbaan ishee hoteela keessatti nyaata bilcheessuun dorgomaa hin qabu ture. Galii hoteelaa argatuun qananiisee ishee guddise. Haa ta'u malee haguma umuriin ishee dabalaa deemuun, dirqamni barnootaa bahachuu qabduu fi gaaffileen garagaraa kan maatii isheen wal qabatu itti baay'achaa deemuun boqonnaa ishee dhorgatan. Qormaanni sammuu ishee mudate kun guyyuma guyyaan baay'achaa(danachaa) deemuudhaan of too'achuu dadhabde.

Gaaffilee ishee hundaaf deebi kennuuf yaalturee hin milkoofne. Baayyinnii fi qormaanni barnootaa ammoo daranuu rakkoo ishee kana hammeessanii, harka kennachiisan. ''Muka kufetti qottootu baayyata'' akkuma jedhamu, isheedhaa gaaffilee maatiin wal qabatan baruuf jecha qabsoo taasisaa jirtuu qormaatileen daree barnootaas rakkoolee kaaniif birmatanii daranuu ishee dararani. Jijjiirama amalaa agarsiisaa jirtu kan hubatan abbaan ishee, guyyaa tokko gara alawwaada ('kushiinaa') hoteela hojjatani fudhatanii deeman. Okkotee('Distii') saditti bishaan naqanii daffisan. Bishaan okkotee sadeen keessa jiru erga daffee booda, okkotee jalqabaatti daakuu #Buna, okkotee lammaffaatti #Moosee(dinnicha), okkotee sadaffaatti #Hanqaaquu dabalanii daqiiqaa 20 oliif eegan.

Gochaan abbaa ishee kan bitaa itti gale durbeen kun dhuma karoora abbaa ishee hawwiin eeguu eegalte. Abbaan ishees okkotee lamaan keessaa hanqaaquu fi moosee meeshaa nyaatarratti baasan. Buna ammoo siniitti buusan. Daakuu bunaa, hanqaaquu hin bilchaannee fi 'dinnicha' dheedhii biroos bukkee warra bilchaatee kaa'an. Gochaan abbaa ishee itti bitaacha'us ammallee hawwiin isheen dhuma isaa arguuf qabdu dabalaa jira. Abbaan kun, intalli isaanii kun dabareedhaan hanqaaquu dheedhii fi bilchaataa, dinnicha dheedhii fi bilchaata jabeessitee akka qabdu yoo ajajan, daakuu bunaa fi buna danfe ammoo akka dhamdhamtu taasisan. Hanqaaquun bilchaate humna qabeessa yoo ta'u inni dheedhiin salphumatti caccabee dhangala'e. 'Dinnichi' dheedhiin jabaataa yoo ta'u inni bishaan danfaan qorame, salphaadhumatti harka ishee keessatti burkutaa'e. Bunni daakuun dhamdhama dhangaggaawwaa qabaatuyyuu inni abiddaan qorame dhamdhama nama qabaneessu isheef laate. Sana booda mee waan jara sadeen kana irraa baratte naaf himi jedheen.

Dhalli namaa karaalee gara garaatiin qormaatileen isa mudataa oola. Addunyaa kana irratti rakkoon nu mudachuu hin qabu jennee, rakkoo hambisuun gonkuma hin dand'amu. Rakkoo nu mudachuun mataansaa rakkoo miti, rakkoo nu mudateef deebii sirrii kennuu dhabuutu rakkoo keenya hammeessee dhukkubaaf nu saaxila. Akka haanqaaquu fi bunaatti rakkoo gara carraatti jijjiiruu dandeenyaan ,abidda keessaa jabina fi dhamdhama gaarii horatta. Rakkoo si mudateef harka laannan akka 'dinnichaatti' jabina qabdu dhabdee rakkoof rakkattee jiraatta. Rakkoon nu mudatuyyuu gara humna sirriitti jijjiirree ittiin maashaa luka keenyaa jabeeffachuu qabna (Changing negative energy to positive energy ) jettee deebisteef . Kanaafuu jara sadeen keessaa filannoon kee kami jedhee gaafate....... ? Dubbistoota koo qaalii mee filannoo keessan saanduqa yaadarra naaf olkaawaa

Tolasaa Badhaadhaati (Mental health and psychosocial support professional, at unicef)