Get Mystery Box with random crypto!

#Sa'aatii_Hojiitti Ganama akkan biiroo seenen jalqaba uffata d | NGO Health related and other vacancies

#Sa'aatii_Hojiitti
Ganama akkan biiroo seenen jalqaba uffata danbii koo uffadha. Itti aansee waraqaaleen ittiin tajaajila kennu marti akka jiranan mirkaneeffadha. Sana booda, galmee maamiltootaa akka inni toora qabatee jiruun waameen tajaajila kennuu eegala. Har'a galmeen jalqabarratti na mudate kan barattuu kutaa 11ffaati. Akkuma ol seente teessuma qabatteen maqaa koo fi gahee hojiikoo himeefitan odeeffannoo dhuunfaa ishee ( Demographic data) fudhachuu eegale.

Ergan odeeffannoo barbaadu argadheen booda, rakkoo ishee mudaten itti aanse. Rakkoo ishee ibsuuf otuma rakkattuu, rakkoo ishee ibsattu malee furmaanni akka hin jirre waan beektu qofaaf akkana jechuun eegalte. ''Baran jiraadhe keessatti wantootni nama sodaachisan danuun akka jiran hubadheera garuu, waan akka nama fuuldura dhaabatanii haasa'a gochuu nama sodaachisu waan jiru natti hin fakkaatu. Namoota walitti qabaman dura dhaabbadhee dubbachuurra du'an filadha. Otoon hima lama wal hin qabsiisin dafqi qaaruu koorraa akka burqituu gannaa lol'a. Namni achi taa'u marti waayee koo waan haasa'an fakkaatee natti mul'ata. Qaanin na dhidhimsee garaan koo na boora'a. Sagaleen koo akka nama lubbuun keessaa bahaa jirtuutti humna dhabee yarata. Qaamni koo marti akka nama busaan qabeetti na ollata. Deeffuu natti guddisee ol na deebisiisa.'' Jechuudhaan itti fufte...

''Sababa kanaan barrin daree barnootaa koorraa hafee waggaa tokko irra deebi'e jira. Fala dhabnaanan gara keessan dhufe'' jettee haasawa ishee xumurte. Rakkoon kun si qofa kan mudate miti. Namoonni baayyeen namoota walitti qabaman duratti haasawa gochuuf ni rakkatu. Rakkoon akkanaa kun sodaa humnaa olii namoota duratti hasawa taasisuu dadhabuu(Social anxiety disorder(SAD)) jedhama. Namoonni hedduun rakkoo akkanaa qabu jechuun ammoo rakkoon kun furmaata hin qabu jechuu miti. Furmaanni isaa inni guddaan shaakala gochuu yoo ta'u, kutaa sammuu keenyaa kan sirna sodaa too'atu Amagdaalla qorichaan tasgabbeessunis ni danda'ama.

Wanti beekuu qabdu garuu, namoonni addunyaa keenyarratti haasawa hawwaasaaf (Public speech) gurguddaa taasisuun beekaman yeroo wayiitti rakkoo akka kanaa kan qaban danuu turan. Falmitoota mirga dhala namaa kan ta'an #King , #Gaandii fi #Maandeellaan rakkoo akka kanaan rakkachaa turan. Yeroo booda garuu shaakala taasisaniin namoota haasawaan isaanii dorgomaa hin qabne ta'uu danda'aniiru. Keessattuu #Maandeellaan haasawa isaa ''I am prepared to die'' jedhuun addunyaa booji'ee, haasawa jaarraa 20ffaa keessa dorgomaa hin qabnes jedhameera. Maal kana qofa, namoota hamoo addunyaa keenyaa kan akka #Hitilar fi #Mosoloniiyyuu namoota rakkoo akka keen rakkataa turan yoon siin jedhu na amantaa? Eeyyeen namoonni ija jabeessa turan kuni rakkoo sodaa guddaa namoota fuulduratti dubbachuu qabu turan. Booda irra garuu shaakalaan sirreeffatanii ija jaboo addunyaa kanaa ta'an.

Atis yoo shaakaltee fi fooy'iinsaaf of kennite,gorsituu hawaasaa fi dubbattuu dubbiin miidhagu, kan miliyoononni luka kee jala taa'aanii si dhaggeeffachuuf hawwan akka taatu dhibbaan dhibbattan amana. Beellama itti aanutti ammoo malaa fi tooftaalee itti fayyadamtun fakkeenyaan dabaalee si eega, ammaaf qoricha eegaluurra mala shaakalaa kanaan yaalutu siif gaaridha. Jedheen maamilakoo beellama biraan gaggeesse.

Tolasaa Badhaadhaatin
( Mental health and psychosocial support team,unicef)
@Siifjedhee