Get Mystery Box with random crypto!

‍ Of-eeggannoo!! #Reetiinaa_Ija_Keenyaa_Akka_Hin_Dhabne Waxaba | OOLMAA ADDUNYAA

‍ Of-eeggannoo!!
#Reetiinaa_Ija_Keenyaa_Akka_Hin_Dhabne
Waxabajjii 14/2012 ALH'tti Gaaddiddaa'uun Aduu waan mul'atuuf of-eeggannoo gochuu qabna!

Gaaddiddaa'uun Aduu bara 2012 kan mul'atu:-
- Waxabajjii 14/2012 ALH'ttidha,
- Gaaddiddaa'uu sanaan dukkanni sa'a 6'f ni argama,
- Guutummaa Itoophiyaatti ni mul'ata,
- Keessumaayyuu: Wallaggaa, Goojjam, Goondar, Dasee, Alaamaaxaa, Injibaaraatti parsantii 98 dukkana ta'ee ni mul'ata!
- Hojimaata Addunyaa karaa Dinagdee, Siyaasaa, humni olaanaa uumamaa argamuu danda'a jedhanii Saayintistoonni yaada isaanii dhiyeessaa jiru!
- Baha Itoophiyaa kaasee hanga Kaaba Itoophiyaatti Gaaddiddichi ni mul'ata!
- Aduun parsantii 98 ni gaaddiddoofti (Ji'atu gaaddiddeessa jechuudha)

Bakka itti mul'atuu fi bakka itti dhaabbatu:
- Jalqaba Walakkaa Afrikaa Koongoo irraa ni jalqaba, Sudaan, Itoophiyaa, Yemen, Paakistaan, Taayiwaan, Hindii fi Chaayinaa kutee Galaana Paasifik irratti dhaabbata!
- Dabalataan gaaddidaa'uun Aduu kun walakkaadhaan waggaa 18 booda, guutummaatti (akka kan bara kanaatti) immoo waggaa 146 booda akka deebi'ee mul'atu Saayintistoonni qorannoodhaan bira ga'aniiru!

Yeroo guutummaatti gaaddiddichi mul'atu:
- Halkan Waxabajjii 14/2012 ALH'tti sa'a 11:45 irratti ni jalqaba, ganama sa'a 03:40 irratti guutummaa guutuutti Ji'i dhufuudhaan Aduu irra ni oolti (kanaafuu, sa'a kanatti lafti parsantii 98 ni dukkanoofti), gaaddiddichi hanga guyyaa sa'a 06:45'tti ni tura! Sa'a kanatti Ji'i guutummaatti Aduu irraa ni deemti!

- Ijaan ilaaluun dhorkaadha, Retiinaa Ija namaa miidhuudhaan torban tokko booda jaamina Ijaaf nama saaxila!
- Kishaafa (Maxanxarii) Suuqii keessaa gurguramu fayyadamuun ilaaluun dhorkaadha!
- Gaaddiddaa'uu Aduuf jedhamee Kishaafni hojjetame jira garuu, biyya keessa hin jiru!
- Kishaafa Gaaddidaa'uu Aduuf fayyadu qabna warra jedhanirraa of-eeggadhaa!
- Of-eeggannoo guddaa taasisuu qabna! Dagattaniillee gaafa 14 sana (Sanbata Guddaa) hanga sa'a 06:45'tti gara Samiitti ol ilaaluu hin qabnu!


Uummanni keenya hedduun odeeffannoo kana waan hin qabneef share taasisuun hunda bira akka ga'u taasisuun dirqama lammummaa keenya haa baanu!!

Dr Liyaa Taaddasaa
Afaan Oromootti kan hiike FikaTech dirqama isaa bahateera!