Get Mystery Box with random crypto!

Jiraattootaa Magaalaa #Shaashamannee hundaaf Magaalaa Shaash | OOLMAA ADDUNYAA

Jiraattootaa Magaalaa #Shaashamannee hundaaf

Magaalaa Shaashamanneetti namni tokko vaayrasii koroonaan qabamuun isaa mirkanaa'eera.

Namni kun guyyaa Kibxataa iddoo tursiisaa addaa magaalaa Finfinnee keessa miliquun gara Magaalaa Shaashamannee Ganda 09 (Araadaa) dhufuun hordoffii godhameen to'atamaniiru.

Namni kun qorannoo laabraatorii godhameen vaayirasichan qabamuu isaa mirkaana'uun iddoo tursiisaa addaa(Diida Boqqe) seenanii jiru.

Haata'uu malee namni vaayirasichan qabamuun isaa mirkaana'ee kun gejjibaa magaalaa keessaa taaksii fi motaraa fayyadamuun magaalichaa keessa nannawaa akka turedha kan odeeffanne.

Bulchiinsi magaalaa; Kaantibaa magaalaa Shaashamannee; Biiroon Fayyaa Godina Arsii Lixaa wal ta'uun ergaa of eeggannoo uummataaf dabarsaa akka jiran maatiin HawiTiMES nuf ibseera.

#Hubachisaa: Qajeelfamoota Dhabbanni Fayyaa Addunyaa WHO'n baasee hojiirra haa oolchinu; Maaskii fayyadamaa, harkaa irraa deddeebiin Samuunaadhaan qulqulleessa, fageenyaa keessaan eeggadha.

@HawiTames
@HawiTames