Get Mystery Box with random crypto!

518: Yeroo lamaa irraanfatanii allaahu akhbar yoo jedhan salaa | Fataawaa NuuralHudaa

518: Yeroo lamaa irraanfatanii allaahu akhbar yoo jedhan salaata keessa maal godhuu qabu?

Gaaffii: Namni tokko ka kophaa salaatu yoo irraanfatee sujuuda irraatti marroo lama allahu akbar jedhe marroo duraa allaahu akbar jedhee ammallee irra deebi’ee allaahu akbar jedhe. Takkaa namni imaamaa tokko yoo inni irraanfatee irra deebi’ee Allaahu akbar jedhe maaltu isarratti jira?

Deebisaa: Wayta sujuudu akkasuma ammallee wayta sujuudarraa yookaan ruku’arraa ol ka’u yoo irraanfatee Allahu akbar jedhe marroo lama iirra deebi’ee dogongora salaata keessatti argame. Garuu salaanni saniin hin badu sujuudussaawhiitu isarratti dirqama ta’a jechu. Maaliif jennaan salaata keessatti ziyaadaa Allaahu akbar marroo lama dhufeen jechu. Waan takbiirtaa marroo lama irra deddeebi’eef jecha. Nama kophaa jiru haa ta’uu takkaahuu nama imaamaa haa ta’uu yoo inni irraanfatee marroo lama irra deebi’e takkaahuu ruknii tokko marroo lama irra deebi’e salaata isaa wayta geesse sujuudusaawhii waan jedhaniin saniin gadi dhufaa jechu wayta salaata isaa irraa bahuuf deemu. Gabaabbinnatti namni salaata keessatti waa ida’e takkaa waa hiri’ise sujuudusaawhii dhufuu qaba.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif