Get Mystery Box with random crypto!

Kaleessaf dheengadda dheengaddaraan achi Torbeef ji'a darbe tu | Haadha Walaloo

Kaleessaf dheengadda
dheengaddaraan achi
Torbeef ji'a darbe
tureera yerichi

Addunyaa dhokadhee
lagannaan yoon maqu
Yaada isa keessa
suurri koon warraaqu

Egaa
Turee gaafa guyyaa
yoon addunyaaf ifu
Isa kan biraa miti
Faana koo kan suufu

Namni akka kanaa
sila maqaa qofa
Irri saanii hoolaa
keessi saanii bofa

#share
@HaadhaWalaloo