Get Mystery Box with random crypto!

Guyyaa adiin kunoo kophaa na teechisaa Nama gidduu taa'ees sum | Haadha Walaloo

Guyyaa adiin kunoo
kophaa na teechisaa
Nama gidduu taa'ees
suma na yaachisaa
Bonaa ilma sabaa
maaliimee qorichisaa?

Halkanii fi guyyaa
hojii kiyya taatee
Akka busaa keelloo
mataarra na baatee
Gubaa koo millattee
maal qaba yoo dhufte?

Moote onnee koo
gonfoon isaa keetii
Miilli kee murattii
yoom gara koo lufti?
Yoom ilkaan koo seeqa
yoom muufoon kuni haftii?

@Haadhawalaloo