Get Mystery Box with random crypto!

#Yooman_Si-Gate? Nagaan hunda keessaniif haa ta'u. Barreeffam | Ebisa Bayissa

#Yooman_Si-Gate?
Nagaan hunda keessaniif haa ta'u. Barreeffama Margaareet Feshbaak Paaworsi barreessite dubbiseen isiniif qooduu jaalladhe. Isinis barreeffama kana "share" gochuun namoota hedduu naaf qaqqabsiisaa. Akkana jetti Paaworsi:

Galgala tokko rafeen abjuu abjoodhe. Samii dukkana'aa irratti taateewwanjireenya koo hammi tokko natti mul'atu turan. Ani immoo Gooftaa koo waliinan qarqara galaanaa deeman ture. Tokkoo tokkoo argaman sanaaf faana miillaa kan koo fi kan Gooftaa koo walumatti fakkii faanawwan miillaa namoota lamaan arge.

Dhuma irratti gara xumura argamawwan sanaatti fakkii faana miillaa cirracha galaana biraa sana irratti yoon ilaalu faana miillaa nama tokkoo qofatu natti mul'ata. Yeroon yaadu yeroon sun jireenya koo keessatti yeroon itti rakkoowwan gurguddoo keessa turedha. Yeroon itti baay'ee gaddaa ture. Waan kun baay'ee waan na dhiphiseef Gooftaa koon gaafadhe.

"Gooftaa koo, si duukaa bu'uuf yeroo ani murteesse bara jireenya koo hundumaa karaa koo irratti akka na waliin taatu waadaa naaf seentee turte. Garuu jireenya koo keessatti yeroon hunda caalaa dhiphadhee fi gidirfametti kunoo faana miillaa nama tokkoo qofan arge. Yeroo itti baay'ee na barbaachistutti maaliif akka ati na gatte naaf hin galle!" jedheen gaafadhe.

Gooftaan koos naaf deebisee, "Jaallatamtuu mucaa koo! Yooman si gate? Baay'een si jaalladha. Raawwadhee si hin dhiisne; si hin dhiisus! Yeroo rakkinaa fi qormaataa sanatti faana miillaa nama tokkoo qofa kan argite, ati deemuu dadhabnaan si baadhee waanan deemeefi. Ati dugda koo irra turte. Faanni miillaa ati argite sun kan koo malee kan kee miti!" naan jedhe.

Ergaan qaba! Yeroo tokko tokko qorumsaa fi rakkina gurguddaa keessa seenna. Wantonni hunduu dalga nu galu. Firoonnii fi hiriyyoonni dugda nutti gatu. Akka waan qofaa keenya addunyaa bal'aa kana irra jiraannuutti nutti dhaga'ama. Kallattii arfanuu irra ilaallee harka gargaarsaaf nuuf hiixatu dhabna. Kallattiin nu harkaa badee gara itti gorru wallaalla. Kumaatama nu marsee jiru keessaa nama nu hubatu tokko dhabna. Karaan namoota dabarsu nutti immoo ni cufama. Bokkaan eebbaa ollaaf yandisee roobu mana keenya lagata. Eyyee, yeroo tokko tokko akkasi!

Yeroo akkanaa keessa garuu kan nu hin ganne, kan nu hin dhiisne, akka namaa kan nu irraa hin fagaanne, ol fuudhee kan nu baatu, dukkana hamaa keessa kan nu dabarsu, kan nuuf yaadu...tokko qabna! Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jedhama! Isa amanachuutu nuuf ta'a!

Yeroo gaarii qabaadhaa!

#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa