Get Mystery Box with random crypto!

#Aayyoo_Koo (Eebbisaa Baayisaa) Aayyoo koo! Bada aayyoo tiyy | Ebisa Bayissa

#Aayyoo_Koo
(Eebbisaa Baayisaa)

Aayyoo koo!

Bada aayyoo tiyyaa...

Ijoolleen kee
Inni tokko in bitame
Inni tokko in butame
Inni bitame muudamee
Inni butame muddame!

Aayyoo_koo
"Kan ajjeese jaarsa kee
kan du'e obboleessa kee,
Tilmaamarra darbe
gaddii fi dhiphinni kee!"

Ani jooraan kee immoo...
Yokaan hin bitamne
Yokaan hin butamne qarqaran dhaabadha,
Imimmaan koo roobseen
Obsa akka siif kennu Waaqa siif kadhadha!

Eebbisaa Baayisaa 2022