Get Mystery Box with random crypto!

ABJUU! KUTAA 7ffaa. Sossodaachaatumaan maraataa sana bira gad | Dhaamsa Jaalalaa 💝

ABJUU!
KUTAA 7ffaa.

Sossodaachaatumaan maraataa sana bira gad taa'e. Akkumaan gad taa'een haasawa gara afgaafiitti seenne. 'Brother ani sin beeku, ati eenyu? Eenyuudha ati? Maaliif na hordofta? Maal narraa barbaadda? Eenyu ati?' Jedheen bakkaan taa'uu ol ka'ee sagalee ol kaasee itti iyye. Yeroo kana inniniis "Hahaha Hahaha Aayiiiii" Jechaa lafaa ol ka'ee narra naanna'aa kolfuu itti fufe. Natti utaalee morma koo qabee na hudhe. "Eeyyee! Ani maraataadha. Ani maraataadha. Ani maaraaaataadhaaaa" Jedhe sagalee ol kaasee. Ijji isaa ija tiyyatti garmalee dhiiyaatte.

Anis onnee bokoksee, miira aarii keessa galee ija humna guddaan guutamteen ija isa keessa ilaalee gad na furi (Na gad lakkisi) jedheen. Tole jedhee gad na furee booya gad taa'e. Anis baay'ee rifadhee bira gad taa'e.
Brother natti qabamtee (Natti aarte) moo? Dhiifama! Akka ati aartu hin barbaadu jedheen. Innis tole! Rakkoo hin qabu naan jedhe. Deebiseen waan tokko si gaafadhuu? Jedheen. Eeyyee! Itti fufuu dandeessa jechuun naaf hayyame. Aniis yaada koon ibsachuu eegale, 'Saamiin karaa bishaaniitiin biyyarraa baqateera, aniis deemuun barbaada, waan kanarraatti nama na deeggaru hin qabu, si qofaan qaba. kanaafin sibira dhufe" Jedheen. Ijaan gama ilaalaa "Abadan hin ta'u. Eeyyee inni deeemera ati garuu hin deemtu. Maaliif yoo jatte ati durba karaa biishaaniitin deemuun aarsaa guddaa nama kafalchiisa. Kanaafuu asumatti eegaa barumsa kee barachuu qabda" naan jedhe.

Osoma nuti waliin teenyee haasofnuu dachii bahee, samii bu'ee hin beeku abbaan kiyya nutti dhufe. Eessaa akka dhufe mooji, tarii yaaduma karaa deema ta'a. Tasa na argee rifate. "Si sii Simalee!" jedhe. Gadi taa'ee lafarra jilbaan akka daa'imaatti deemaa nubira gahe. Aniis baay'ee rifadheen dudduubatti jalaa adeeme. Akkas jedhe! "Simale doctora tiyya sima moo ija tiyya? Anaa hirriiba kessaa jiraa laata? Maali wanti ta'aa jiru kun? ihi ihi ihi" jedhee imimmaan lakkuu roobsaa suutuma lafarra natti dhufe. Maraatichi lafa ol utaalee isa qabee "Tasgabbaa'i anis namuma akka keetiitii bar" jedheen.
Abbaanis ija keessa ilaalee harkaan isa dhayuuf ol kaase. Yeroo tanaan dafee utaalee harka irraa qabe. Abbaan kiyyaas yeroo takka na ilaalee harka gad deeffatee na dhiisee gara manaatti qajeele.

Anis duubaan dhaqqabuuf yommuun ka'u, Maraattichi harkaan na qabee hin deemin dursa waan dhufteef xumuri nan jedhee na tasgabbeesse. Anis tole!
Ani deemee saami arkuun qaba, ykn jiraachuuf hin taa'u na gargaari haala na mijeessi jedheen. Deeggarsa biraa sirraa hin barbaadu haala itti deeman qofa naaf himi jedheen.

Innis xiqqo itti yaadee "Simale! Eega deemu malee jettee karaa seeraatin jechuun xiyyaaraan haala siif mijeessaa ni dheeyxa" nan jedhe, maraatichi keessi isaa fayyaa kun.

Ni danda'amaa? Eeyyee! yoo qarshii qabaatte waanti hin danda'amne hin jiru nan jedhe. Anis waan qarshii hin qabneef xiqqo rifadhee dhaabbadheen yaadee, Tole haa ta'u haala naa mijeessi jedheenii biraa qajeele.
Yeroo ani galu abbaan kiyya ni ciisa, dhaqeen bira taa'e.

Abbaa jedhee morma isaa jala seenee dhungadhe. Ofitti na qabu dhiisee narra a garagale. Abbaa maraatichi inni.. uss afaan kee qabi, jedhee iddoo ciisuu ol utaale. "Ihim doctor! Doctora naaf taatee? maraticha sanirratti yaala gaggeessaa turtee? Doctora sammuu yaalu naaf taatee haa? Hahaha simaleen tiyya cimtuudha. Maraatticha waggaa meeqaaf karaarratti gale fayyiftee manatti deebisuu heddi. Hahaha Aaayiii!" Jedhe.

Waan tokkoyyuu isin gaafachuu hin barbaadu. Qarshii naaf kennaa! Qarshii ka maalii? Ihi! qorichaan bituufii heddaa?" Amma boqonnaa san keessaa bahaa qarshiin ana baay'ee na barbaachiseeraa naaf kennitan moo naaf hin kennitan? Yoon kennu baadhe akkam ta'uuf? Homaa garuu naa kennuu qabdan malee! Meeqa barbaadda? Hamma barbaaduus waan hin bariniif calliseetuma 20k jedheen eeega xiqqo itti yaade booda, Hahaha 20kn maraataa fayyifnaan maraattoota Ethiopia hunda si biratti haa wal'aannatan kaa! Uuuufffff! abbaa na hin kennitan taanaan natti hin qaaqinaa, jedhee aaree biraa bahe.