Get Mystery Box with random crypto!

Seenittii Haati manaa koo ana cinaa rafaa jirti. Animmoo f | Dhaamsa Jaalalaa 💝

Seenittii

Haati manaa koo ana cinaa rafaa jirti. Animmoo feesbuuka seeneetin nootifikaashin achirra jiru laale, dubartii takkaatu jira add na goote. Anis nin deebiseef, erga hiriyoomnee booda akkanan jedhee keessaan barreesseef "wal ni beeynaa?". Isheenis "an akka ati fuute dhagaheetin jira, garuu an hanga ammaa suman jaaladha" naan jette .

Isheen hiriyaa too tan dur turte. Hoggan laalu suurarratti akka malee bareeddi. Haasaa jidduun dhaabeetin haadha manaatoo laale, isheen dadhabbii hojii guyyaatirraa kan ka'e hirriiba addaa keessa ana cinaa rafaa jirti.

Yeroo ishee laalu wahiitu na dura dhufe , akkamitti isheen mana itti guddatte malee mana haaraatti ana wajji akkatti das jettee rafti kan ju'u. Isheen maatii isheerraa fagoo jirti, bakka dur sa'aa 24 maatiin marfamtee dabarsitu. Kan hogga aarte ykn gaddite haati ishee isii bira jirtu ifittu qabdu. Obboleewwaan isii qoosaadhaafii taphaan ishee kofalchiisan. Kan abbaan ishee hogga dhufu waan isheen feetu hunda fiduuf, kunoo isheen ana amantee san hunda narratti obsitee ana cinaa akkatti rafti.

Wantoonni kun hundi sammuutti na dhufe, anis silkii too nan cufe, nama san "Block" godheetin, haadha manaatoo tana hammadhee ishee moggaa ciise.
Ani dhiira, nama guddaadha joollee miti. An isheef amanamaa tahuutu narra jira, kanuma tahasi. An yoomillee nama haadha manaa isaarraan ija hin qaarsine tahuun fedha, kan maatii adda hin diiyne san...

Shamil N Mohammed
~~
@orolovechats