Get Mystery Box with random crypto!

Asoosama Gabaabaa #Keessummaa_Jaalalaa Kutaa 1ff | NGO Health related and other vacancies

Asoosama Gabaabaa

#Keessummaa_Jaalalaa

Kutaa 1ffaa

Lixa oromiyaatii ka’anii Finfinnee galuun deemsa guyyaa tokkoo namatti fudhata. Nama lixaa ka’ee Finfinnee keessa qaxxaamuree kutaa oromiyaa biraa deemuf immoo sagantaan isaa guyyaa lamaaf imaluma ta’a jechuudha.
Ammam fagaatuyyuu garuu qilleensi Oromiyaa fi haalli teessuma lafaa, akkasumas uumama garagaraa Oromiyaa keessa jiru bakkaa bakkatti adda fi ajaa’ibsiisaa ta’e daawwachaa deemun fageenya karaa nama irraanfachiisa.

Naafiraan maatii isaa biraa ba’ee lafa fagoo deemee hin beeku. Amma garuu dirqamatu itti dhufe. Innis dirqamicha jaalatee fudhatee, biyya hin beekne imala guyyaa lamaa booda qaqqabuuf qophii xummurera. Waan isa barbaachisu hunda qopheeffatee maatii isaatti nagaa dhaamee imalaaf karaarra bu’e. Ramaddii yuunivarsiititu baha Oromiyaa isa qaqqabe. Iddoon dhaloota isaatii immoo lixa Oromiyaati. Innis shakkii tokko malee baruumsa isaa achitti hordofuuf gamas qajeele.

Guyyaan isaa dilbata ture. Maatiin Naafiraa wal ga’anii waaqa kadhataniifii, gorsanii, jajjabeessanii karaarra buusan. Naafiraan dargaggeessa bareedaa, dhaabbii isaa qofa osoo hin taane dubbiin afaan isaatii ba’u qalbii nama hawwatuudha. Mucaa qaxalee hawaasa naannoo fi hawaasa mana baruumsaa isaa biratti baayyee jaalatamuudha. Maatin isaas hedduu isa jaalatu.

Naafiraan mucaa manaa ta’uu isaa maatin isaa sirritti beeku. Sababa kanaaf yuunivarsiitii fagootti akka inni baratu hin barbaadan ture. Yaa ta’u malee immoo Naafiraan baruumsaan nama iddoo guddaatti abdatamu ta’uu isaa waan amananiif, isa dhorkuu hin yaalle. Naafiraanis kun dirqama nama tokko irraa jireenya isaa kessatti eegamudha waan ta’eef anis qilleensa biyyaa hin beeknee fi nama biyya biraa waliin galaana jireenyaa hirmaachun qabiyyee barnootaa kan mataa isaa danda’e waan ta’eef itti hin miidhamu yaada jedhu qaba.

Kanumaaf shakkii tokko malee gara baha Oromiyaatti imaluuf murteesse.
Waan isa barbaachisu amma boorsan isaa danda’u naqatee, Kooket fi Tolinaa waliin gara buufata konkolaataa magaalaa isaaniitti kutan. Kooket fi Tolinaan (obboloonni isaa) Naafiraa konkolaataa qabachiisanii of duuba deebi’an.

Naafiraan teessoo qabatee hanga konkolaachisaan konkolaaticha sochii jalqabsiisutti taa’ee, mooraa erga seenee booda waan gochuu qabuu fi hin qabne yaada. Gidduutti fuula isaa gara foddaa konkolatatti naannesse. Onnee isaatu gargar bittinnaa’e. Rifaatuu, naasuu, fajajuu, maal akka ta’e hin beeku garuu kun Naafiraa isa durii miti. Maalif akka akkas ta’e hin beeku. Callisee ilaalee hafe. Takka waan akka kanaa ijji isaa ilaalee hin beeku…

Kutaa 2ffaan itti fufa

Fedhasaa Taammiruu K. Tufaatin

Galatoomaa!

@fedhakoo
@siifjedhee
@galaakoo