Get Mystery Box with random crypto!

#Xalayaa_banaa_Obbo_Abbaa_Duulaa_Gammadaaf (Eebbis | Ebisa Bayissa

#Xalayaa_banaa_Obbo_Abbaa_Duulaa_Gammadaaf

(Eebbisaa Baayisaa)

Kabajamo! Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u!
Akkuma beekamu sagantaalee hawaasummaa muraasa irratti wal arguun ala gaaf tokko illee wal arginee waliin dubbannee hin beeknu. Dhimmi dhuunfaa walitti nu fides haga yeroo kanaatti hin turre. Xalayaa banaa isiniif barreessuun kan na barbaachise kanaafi.
Waggaa 47 booda ilma keessan argachuun gidduu kana gammachuu guddaatti akka jirtan miidiyaalee irraa argaan jira. Carraa kanatti fayyadamee baga gammaddan isiniin jechuun barbaada. Baga gammaddan!

Xalayaa kana akkan isiniif barreessu dhimmi na taasise dhimma mucayyoo xiqqoo tokkooti. Jiituu jedhamti. Dhaabbanni keessan 'Dibora Foundation' daa'imman dhibee 'Autism' qaban gargaaruuf akka hundeeffame quban qaba. Dhaabbata kana hundeessuu keessaniif galatoomaa jechaa, Jiituun magaalaa Gincii kan jiraattu mucayyoo dhibee kanaan qabamtedha.

Haati Jiituu, Aadde Baqqaleen, qaama miidhamtuudha. Miilli ishee lamaan laamsha'aa waan ta'eef, akka daa'imaatti lafa irra daa'imti. Dhibee ulfaataa kana waliin ijoollee 6 guddisti. Intalli ishee hangafni mana barnootaa seentee barachuuf carraa hin arganne. Qofaa ishee ijoollee kana guddisuun itti ulfaattaan mucaa ishee angafa hojjettuu mana namaa akka taatuuf namaaf laatte.
Kabajamo! Eeruu namoonni naaf kennaniin iyyaafadhee mana ishee deemee gaafan dubbise hammam akkan gadde isinitti himuu hin danda'u. Guyyootaaf midhaan waan hin nyaatiiniif, yoo na waliin dubbattu sagaleen ishee hagas mara hin dhaga'amu ture. "Nyaata ergan nyaadhee guyyaa meeqaffaa seete?" naan jette imimmaan ija ishee irraa haqachaa. Sana arguun akkam nama dhukkuba seetan?

Haati qaama-miidhamtuun kun egaa Jiituus guddisaa jirti. Ofii ishee of gargaaruu waan hin dandeenyeef, Jiituun guutummaa guutuutti deggersa namaa barbaaddi. Aadda Baqqaleen garuu Jiituu kunuunsuu hin dandeessu. Kanaaf Jiituun miidhamtee jirti. Yeroo yerootti qaamni ishee hin dhiqamu; nyaata ga'aa argattee hin nyaattu, daa'imman naannoo waliin fiigdee hin taphattu...baay'ee ulfaata.

Kabajamo! Pirojektii 'Fuula Ifaa' jettu tokkon qaba. Namoota rakkoo hamtuu keessa jiran barbaadeen waan xiqqoo hiixadhaaf. Humni koo garuu baay'ee xiqqoodha. Bulchiinsi magaalaa Gincii mana gandaa kenneefii yaaddoo manaa irraa bilisa baasuu isaaf galateeffachaa, manicha keessatti garuu maatiin kun beela'aa jira. Keessumaa immoo Jiituun! Harmee Jiituu, Aadde Baqqalechiif, maallaqa xiqqoo isheen ittiin midhaan bitattee beela ijoollee ishee ittiin obsisiistu kennuufis, Jiituu garuu gargaaruu hin dandeenye. Addunyaa kana irratti wanti baay'ee ulfaataan maal seetan, kabajamo? Nama gargaaramuu qabu argitanii, gargaaruuf fedha qabaattanii garuu gaafa humna dhabdan! Kun baay'ee nama dhukkuba.

Dhaamsa koo gabaabsuuf, mucayyoo garaa nama nyaattu, Jiituu dhaabbata keessan 'Dibora Foundation'tti akka naaf fudhattan isin gaafachuufan kana hunda naanna'e. Isinis ba'aa namoota gargaaruu waan qabdaniif dhaabbata kana hundeessitan jedhee waanan amanuuf, ba'aa ulfaataan waa'ee Jiituuf qabdu isiiif qooduun jaalladha! Dhaamsi kun isin geenyaan aaga akkan isin irraa dhaga'u nan abdadha. Gaaf tokko Ginci deemee Jiituu fidee dhaabbata keessanitti kennee haadha ishee boqochiisuun hawwa.
Deebii keessan nan eeggadha!
Teessoon koo kunooti:
Bilbila: 0911388084
Iimeelii: ebabayissa@gmail.com

Jiituuf waan dhimmitaniif galatoomaa!

#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa